< Dzieje 3 >
1 Pewnego dnia Piotr i Jan szli do świątyni na popołudniową modlitwę o godzinie trzeciej.
Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhannaatti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan.
2 Właśnie wtedy niesiono pewnego człowieka, który od urodzenia nie mógł chodzić. Codziennie kładziono go pod bramą świątyni, zwaną Piękną, aby mógł prosić wchodzących o wsparcie.
Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan.
3 Widząc, że Piotr i Jan mają zamiar wejść, poprosił ich o datek.
Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate.
4 Wtedy uważnie spojrzeli na niego, a Piotr rzekł: —Popatrz na nas.
Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen.
5 Kaleka spojrzał na nich z nadzieją, że zaraz coś od nich dostanie.
Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.
6 Ale Piotr powiedział: —Nie mam złota ani srebra. Ale dam ci to, co mam. W imieniu Jezusa Chrystusa z Nazaretu mówię ci: Wstań i chodź!
Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe.
7 Następnie podał mu prawą rękę i pomógł mu wstać. Chory natychmiast odzyskał władzę w stopach i kostkach.
Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate.
8 Z radości podskoczył i zaczął chodzić! Następnie wszedł razem z nimi do świątyni, podskakując i wielbiąc Boga.
Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene.
9 Wszyscy obecni zobaczyli, że chodzi i chwali Boga.
Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti,
10 I rozpoznali w nim tego, który siedział przy Pięknej Bramie i żebrał. Wtedy ogarnęło ich zdumienie z powodu tego, co zobaczyli.
akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.
11 Ponieważ uzdrowiony trzymał się blisko Piotra i Jana, wszyscy ruszyli za nimi do krużganka Salomona.
Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan.
12 Widząc to, Piotr zwrócił się do tłumu: —Izraelici! Dlaczego tak się dziwicie? I dlaczego wpatrujecie się w nas tak, jakbyśmy własną mocą lub pobożnością sprawili, że ten człowiek chodzi?
Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu?
13 Bóg Abrahama, Izaaka i Jakuba—Bóg naszych przodków—otoczył chwałą swojego sługę, Jezusa. Wy Go wydaliście Piłatowi i odrzuciliście, chociaż on chciał Go uwolnić.
Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan.
14 Wzgardziliście Świętym i Prawym, a zażądaliście uwolnienia mordercy.
Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan.
15 Zabiliście Dawcę życia! Bóg jednak wzbudził Go z martwych, czego my jesteśmy naocznymi świadkami!
Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti.
16 Właśnie przez wiarę w tego Jezusa człowiek, którego tu widzicie i którego dobrze znacie, został uzdrowiony. Dzięki Jezusowi, na oczach was wszystkich, odzyskał pełną władzę w nogach!
Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.
17 Przyjaciele! Teraz jednak wiem, że działaliście w nieświadomości, tak jak i wasi przywódcy.
“Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka.
18 Bóg jednak wypełnił to, co wszyscy prorocy kiedyś zapowiedzieli o cierpieniu Mesjasza.
Waaqni garuu waan akka Kiristoos dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa raajota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate.
19 Opamiętajcie się więc i zwróćcie się do Boga, aby oczyścił was z grzechów.
Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
20 Może pocieszy was wtedy i pośle do was Jezusa, Mesjasza.
kunis akka inni Kiristoos isiniif filatame sana jechuunis Yesuusin erguuf.
21 Teraz jednak musi On pozostać w niebie aż do czasu ostatecznego odnowienia wszystkich rzeczy. Bóg dawno temu zapowiedział to poprzez swoich świętych proroków. (aiōn )
Innis hamma yeroon Waaqni itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti samii irra turuu qaba; Waaqnis bara dheeraadhaan dura karaa raajota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture. (aiōn )
22 Już Mojżesz powiedział bowiem: „Bóg, wasz Pan, powoła spośród was proroka podobnego do mnie. Słuchajcie uważnie wszystkiego, co wam powie.
Museen akkana jedheeraatii; ‘Waaqni keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa.
23 Każdy bowiem, kto nie będzie Mu posłuszny, zostanie wyłączony z ludu i ulegnie zagładzie”.
Namni raajii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’
24 Począwszy od Samuela, wszyscy kolejni prorocy zapowiadali wydarzenia minionych dni—kontynuował Piotr.
“Saamuʼeel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru.
25 —Wy zaś jesteście potomkami tych proroków i uczestnikami przymierza, które Bóg zawarł z waszymi przodkami. On powiedział Abrahamowi: „Przez twojego potomka będą błogosławieni wszyscy ludzie na ziemi”.
Isin immoo ilmaan raajotaatii fi ilmaan kakuu Waaqni abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Abrahaamiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe.
26 To dla was, jako pierwszych—wyjaśniał Piotr—Bóg wskrzesił swojego Sługę, Jezusa, i posłał Go, aby każdemu z was błogosławił, pomagając zerwać z grzesznym życiem.
Waaqni yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.”