< Matayu 18 >
1 Shipindi shilii wafundwa wamgenderiti Yesu kumkosiya, “Hashi, ndo gaa hakaweri mkulu Muufalumi wa kumpindi kwa Mlungu?”
Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?” jedhanii gaafatan.
2 Su Yesu kamshema mwana yumu, kamgolosiya pakati pawu,
Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe.
3 na kalonga, “Nukugambirani nakaka pamuwera ndiri gambira wana awa hapeni mwingiri nakamu Muufalumi wa kumpindi kwa Mlungu.
Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.
4 Yakawera mkulu Muufalumi wa kumpindi kwa Mlungu ndo ulii yakalisulusiya mweni na kuwera gambira mwana ayu.
Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.
5 Na yoseri yakamshemera mwana gambira ayu, kanshemera neni.
Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
6 “Yoseri yakamtenda yumu gwa wana wadidini awa katendi vidoda, iweri mbaka kwa muntu ulii kumtawalira musingu mwakuwi lwala na kumwasira mubahari.
“Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.
7 Shondi pasipanu toziya ya vintu vyavimtenda muntu katendi vidoda! Vintu avi mpaka vilawiri, kumbiti shondi kwa ulii yakayijega kwawomberi!
Sababii wantoota akka namoonni gufatan godhan sanaatiif addunyaaf wayyoo! Wantoonni akkanaa dhufuu qabu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufan sanaaf wayyoo!
8 “Handa liwoku lyaku ama ligulu lyaku palikutenda gutendi vidoda, gulidumuli na gulyasi kutali! Iherepa nentu kwingira muukomu pota na liwoku ama ligulu kuliku kuwera na mawoku goseri na magulu goseri na wakwasili mumotu yagutiya ndiri mashaka goseri. (aiōnios )
Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. (aiōnios )
9 Handa lisu lyaku palikutenda gutendi vidoda, guliwusiyi! Iherepa nentu muntu kwingira muukomu wa mashaka goseri paguwera na lisu limu kuliku kuwera na masu goseri na wakwasili mumotu gwa Jehanamu. (Geenna )
Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. (Geenna )
10 “Mulikali weri namumbeziya yumu gwa wadidini awa. Nukugambirani, wantumintumi wawu wa kumpindi kwa Mlungu, shipindi shoseri wapalongolu pa Tati gwangu kakumpindi.
“Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [
11 Mwana gwa Muntu kiziti kulopoziya shilii shashiyagamiriti.
Ilmi Namaa isa bade oolchuudhaaf dhufeetii.]
12 “Mulihola hashi muntu pakawera na wakondolu miya na yumu pakayagamira hakatendi hashashi? Hakawaleki walii lilongu tisa na tisa palugongu na kugenda kumsakula ulii yakagamiriti.
“Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu?
13 Pakamwona, nukugambirani nakaka hakamnemeleri ulii kondolu yumu yakagamiriti kuliku mlilongu tisa na tisa yawagamiliti ndiri.
Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada.
14 Ntambu ira ayi Tati gwenu gwa kumpindi kafira ndiri ata yumu gwa wadidini kagamiri.
Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.
15 “Handa mlongu gwaku pakakukoseya, gumgenderi gwakamberiziyi. Gutendi hangu pamuwera gweka yenu. Pakakupikanira hagumpati mlongu gwaku.
“Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.
16 Kumbiti pakakupikanira ndiri, gumtoli muntu yumu ama wawili pamuhera na gwenga, su muyoweri kwa wapitawu wawili ama watatu, Malembu Mananagala ntambu yagalembitwi.
Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi.
17 Na pakashipikanira ndiri ashi, gutakuli kila shintu mushipinga sha wantu yawamjimira Yesu. Upeleru pakashipikanira ndiri shipinga ashi, gumloli gambira muntu yakamumana ndiri Mlungu ama mtola kodi.
Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.
18 “Su nukugambirani woseri, shamlewelera pasipanu shileweleritwi kala kumpindi kwa Mlungu na shamulekeziya pasipanu shilekeziwitwi kala kumpindi kwa Mlungu.
“Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.
19 “Nukugambirani kayi, wawili wenu pasipanu pawajimilirana kumluwa Mlungu shoseri, Tati gwangu gwa kumpindi hakawatenderi shitwatila ashi.
“Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa.
20 Wantu wawili ama watatu pawaliwona pamuhera kumluwa Mlungu mulitawu lyaneni, hanweri pamuhera na womberi.”
Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”
21 Shakapanu Peteru kamgenderiti Yesu na kumkosiya, “Mtuwa, hashi mlongu gwangu pakankoseya numulekiziyi mala ninga? Hashi, mala saba?”
Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate.
22 Yesu kamwankula, “Ndala, mala saba ndiri kumbiti miya msheshi na lilongu tisa,
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.
23 toziya Ufalumi wa kumpindi ulifana na ntambu ayi. Kuweriti na mfalumi yumu yakafiriti kulola mawalanga ga wantumintumi wakuwi.
“Kanaafuu mootummaan samii mootii herrega garboota isaa harka jiru toʼachuu barbaade tokko fakkaata.
24 Pakanjiti kutenda hangu, wamjegera muntu yumu yakaweriti wankumshonga mpiya elufu lilongu.
Akkuma inni herrega isaa toʼachuu jalqabeenis nama mootichi taalaantii kuma kudhan irraa qabu tokko itti fidan.
25 Ntumintumi ulii kaweriti ndiri na mpiya zitosha zya kulipa uwanda wakuwi, su mfalumi kalagaliriti kuwera yomberi wamuwuzi gambira ntumintumi pamuhera na mdala gwakuwi na wana wakuwi na vyoseri vyakawera navi su kalipi uwanda.
Namichi sun waan baasu dhabnaan gooftaan isaa akka inni, niitiin isaa, ijoolleen isaatii fi wanni inni qabu hundinuu gurguramanii gatiin sun kaffalamu ajaje.
26 Ntumintumi ulii kasuntamala palongolu pa mfalumi na kamluwiti, ‘Gunheperi huti, hanukulipi kila shintu!’
“Garbichi sunis miilla isaatti kufee, ‘Yaa gooftaa, naaf obsi; hunduma isaa iyyuu siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.
27 Mtuwa gwa ntumintumi ulii kamwoneriti lusungu, su kamlekeziya uwanda ulii na kamleka kagendi zakuwi.
Gooftaan garbicha sanaas garaa laafeef; gatii isa irraa qabus dhiiseefii gad isa lakkise.
28 “Ntumintumi ulii pakawukiti, kaliwoniti na yumu gwa wantumintumi wayaguwi yakaweriti kankumshonga mpiya miya yimu. Su kamkamula yomberi na kanjiti kumkaba singu pakamgambira, ‘Gunipi shilii shagunkopiti!’
“Garbichi sun garuu akkuma achii baʼeen garbicha akka isaa kan gatii diinaariidhibbaa irraa qabu tokko arge. Innis morma namichaa hudhee qabee, ‘Waan ani sirraa qabu naa kaffali’ jedheen.
29 Ntumintumi myaguwi kamsuntamalira na kamluwa pakalonga, ‘Gunheperi wuti, hanukulipi uwanda waku woseri!’
“Garbichi akka isaa sunis miilla isaatti kufee, ‘Naaf obsi; waan narra jiru siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.
30 Kumbiti yomberi kajimiriti ndiri, su kamtatira mushibetubetu mpaka pakalipa lideni lilii.
“Inni garuu ni dide; qooda kanaa hamma inni gatii isaa kaffalutti mana hidhaatti isa galchisiise.
31 Wantumintumi wayaguwi pawawoniti vitwatira vyavilawiliti, wahinginikiti nentu na wagenditi kumgambira Mfalumi kila shintu.
Garboonni kaan yommuu waan taʼe sana arganitti akka malee gaddan; dhaqaniis waan taʼe hundumaa gooftaa isaaniitti himan.
32 Mfalumi kamshema ntumintumi ulii na kamgambira, ‘Gwenga gwa ntumintumi gufaa ndiri! Neni nukulegeziya toziya gunduwiti nukulegiziyi.
“Gooftichis garbicha sana ofitti waamee akkana jedheen; ‘Yaa garbicha hamaa! Ani sababii ati na kadhatteef gatii sirra ture hunda siif dhiise.
33 Gufiruwitwi gwenga gumwoneri lusungu ntumintumi muyagu ntambu yanukuwoniriti lusungu gwenga.’
Akkuma ani garaa siif laafe sana atis garbicha akka keetiitiif garaa laafuu hin qabduu?’
34 Mfalumi kakalariti nentu, kamlaviya ntumintumi ayu wamwazibu na kumtatira mushibetubetu mpaka pakalipiti uwanda woseri.”
Gooftaan isaas aariidhaan hamma inni gatii sana hunda kaffalutti warra isa dhiphisanitti dabarsee isa kenne.
35 Na Yesu kamaliriti kwa kulonga, “Ndo Tati gwangu gwa kumpindi hakawatenderani ntambu ira ayi kila muntu pakati penu pakamlegeziya ndiri mlongu gwakuwi kulawa mumoyu mwakuwi.”
“Isinis yoo garaa keessan guutuudhaan obboleessa keessaniif dhiisuu baattan Abbaan koo inni samii irraa tokkoo tokkoo keessan akkanuma godha.”