< 2 Wakorintu 9 >
1 Toziya neni nahera shakuwalembelerani mwenga kuusu mafupu genu ga mpiya kwa wantu wa Mlungu Muyudeya.
Waaʼee tajaajila qulqullootaaf kennamu kanaa isinii barreessuu na hin barbaachisu.
2 Nuvimana ntambu yamuwera na moyu gwa kutanga na neni nulitumbiriti mwenga kwa shitwatira ashi kulongolu kwa wantu wa Makedoniya. Nuwagambiriti, “Shipinga sha wantu shawamjimira Kristu wa aku Akaya walikala kala kwanjira shinja shipititi.” Su kulilaviya kwa mwenga kuwatenda wantu wavuwa walilaviyi.
Ani akka isin gargaaruuf hinaaftan nan beekaatii; anis, “Warri Akaayaa bara darbee jalqabanii gargaarsa kennuuf qophaaʼaniiru” jedhee namoota Maqedooniyaa biratti of jajeen ture; fedhiin keessanis isaan keessaa namoota baayʼee hojiif kakaaseera.
3 Nuwatuma walongu wayetu, su kulitumbira kwa twenga kuusu mwenga kwa visoweru hera ndiri, kumbiti ntakula, mwenga hamuweri kala kwa kutanga kwenu.
Egaa ani akkuman “Isaan qophaaʼaniiru” jedhee dubbadhe sanatti, akka isin qophooftanii argamtaniif malee waaʼee kanaatiif isiniin of jajuun keenya waan akkasumaan dubbatame akka hin taane ani obboloota ergeera.
4 Nayilawira kuwera wantu wa Makedoniya pawiza pamuhera na neni na kuwona muwera kala ndiri, su twenga hatuwoni soni na mwenga vilaa vilii hamuwoni soni, toziya hatuweri tuwatumbiriti ng'anji mwenga.
Yoo namoonni Maqedooniyaa kam iyyuu na wajjin dhufanii akka isin hin qophaaʼin argan, nu warri akkas isin amananne iyyuu waaʼee keessan waan jennu dhabnee ni qaanofna.
5 Su, mona iherepa kuwaluwa walongu awa wanongoleri kwiza kwa neni, wapati kutula kala mafupu ga mwenga makulu gamtakuliti. Na geni aga hagalanguziyi kuwera ndo mafupu gamlaviyiti kwa makakala, kumbiti gagalaviyitwi toziya mfira.
Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama.
6 Muviholi visoweru avi, muntu ulii yakakwetiti mbeyu zitangala ndiri hakabenangi padidini na ulii yakakweta mbeyu zivuwa hakabenangi mabenu gavuwa.
Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata.
7 Kila muntu kalaviyi shilii shakafira mumoyu mwakuwi kulaviya, pota na kulazimishwa ama kwa kuhinginika, toziya Mlungu kamfira ulii yakalaviya kwa nemeleru.
Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.
8 Mlungu kaweza kuwapanani mwenga mafiliru nentu ya galii gamfira, mashaka goseri mpati kuwera na kila shintu shamfira na hamuweri nentu kwa kila lihengu liheri lyamtenda.
Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.
9 Malembu Mananagala ntambu yagalembwa, “Yomberi kalaviyaga kwa manemu, Kawapanana wahushu, Uheri wakuwi wankulikala mashaka goseri.” (aiōn )
Kunis akkuma, “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata” jedhamee barreeffamee dha. (aiōn )
10 Na Mlungu yakamupanana mkulima mbeyu na shiboga kuliya, viraa vilii hakawapanani mwenga mbeyu zamfira na hakazitendi zimeri na zikuli na kuwapanani mabena gavuwa kulawirana na kulaviya kwa uheri wenu.
Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.
11 Mweni hakawalundiziyi mwenga mashaka goseri kwa kila shintu, su wantu walongi mayagashii Mlungu kwa uheri wenu gawapatiti kupitira twenga.
Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida.
12 Toziya lihengu ali linanagala lyamtenda, hapeni liwatangi hera wantu wa Mlungu, kumbiti viraa vilii haliwatendi wantu wavuwa walongi nentu mayagashii Mlungu.
Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Waaqaaf irra dhangalaʼu taasisa.
13 Na kulawirana na ulanguziwu wawulanguziya lihengu lyenu ali, wantu hawamkwisi Mlungu kwa kushijimira na kujimira Shisoweru Shiwagira sha Kristu, viraa vilii kwa uheri gamuwatendera womberi na wantu woseri.
Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, wangeela Kiristoos lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Waaqa jajatu.
14 Su hawawaluwili mwenga kwa Mlungu toziya ya uheri wa moyu gwenu gwa gweka gampananitwi na Mlungu.
Isaanis kadhannaa isiniif kadhatan keessatti sababii ayyaana guddaa kan Waaqni isinii kenne sanaatiif isin yaadu.
15 Tulonga mayagashii Mlungu toziya ya mafupu gakuwi gatuweza ndiri kugatakulira.
Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu!