< 1 Timotewu 4 >

1 Rohu Mnanagala katakula pota kufifa handa mumashaka ga upeleru wantu wamonga hawayileki ntumbiru, na wazijimiri rohu zya upaya na kufata mafundu ga washamshera.
Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
2 Mafundizu ga ntambu ayi gaenezwa na wantu wampayu na wafyangu weni awa uwezu wawu wa kusyagula gaherepa ama gadoda uhalibisiwa gambira shintu shashilunguliti mumotu.
Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa.
3 Wantu awa wankufunda kuwera vidoda kuliyuga, na wankuwalewelera wantu kuliya viboga tunga. Kumbiti Mlungu kawumbiti viboga avi, su walii waweri wawamtumbira Mlungu na kuumana unakaka, waviliyi na kulonga mayagashii.
Isaanis fuudhaa fi heeruma dhowwu; nyaata Waaqni akka warri amananii fi warri dhugaa beekan galataan fudhatanii nyaataniif jedhee uume sanas akka namoonni lagatan ajaju.
4 Toziya kila shintu shakashiwumbiti Mlungu ndo shiherepa, na kwahera shakulemwa handa pashwankwa kwa mayagashii,
Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru;
5 toziya shisoweru sha Mlungu na kuluwa vipunga shintu ashi shijimiliki kwa Mlungu.
inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
6 Handa paguwagambira wajimira wa Kristu malagaliru aga, haguweri ntumintumi muheri gwa Kristu Yesu, pagwendereya kukula shirohu kwa visoweru vya moyu na mafundu ga unakaka gagugafata.
Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata.
7 Kumbiti gulekani na tambu zya upayira zyazitungitwi gulifundi kulikala makaliru ga kumtira Mlungu.
Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.
8 Mazoezi ga nshimba gawera na mana yakuwi, kumbiti kulikala kwa kumfiriziya Mlungu kufaa nentu, toziya gatupanana lagilu lya makaliru ga vinu na galii gagiza.
Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.
9 Utakula awu wanakaka nentu na ufaa kujimirwa.
Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha.
10 Twenga twankulitabisiya na kugangamala, toziya tumtumbira Mlungu yakawera mkomu, na yakawera Mlopoziya gwa wantu woseri na walii yawamjimira.
Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.
11 Guwalagaliri na kuwafundiza vitwatira avi.
Wantoota kanneen ajaji; barsiisis.
12 Nagujimira muntu yoseri kakubeziyi toziya gwenga gwa mntemba, kumbiti gugangamali guweri mfanu kwa wantu wawajimira, mukutakula kwaku na mumakaliru gaku na mumafiliru gaku na munjimiru na mumakaliru gaherepa.
Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.
13 Mashaka goseri gwendereyi kuwabetulira wantu paweru Malembu Mananagala na kuwaberiziya na kuwafunda mpaka paniza.
Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
14 Naguleka kutendera lifupu lya Kristu mngati mwaku, lyaguwankiti kwa umbuyi wa Mlungu na kwa kutulilwa mawoku na wazewi wa shipinga sha wantu yawamjimira Yesu
Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin.
15 Guliholi weri toziya vitwatira avi na lihengu lyaku ntambu lyaliyongereka su kila muntu kawoni gagugatenda.
Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni.
16 Guliloli weri gumweni pamuhera na mafundu gaku. Gwendereyi kugatenda aga toziya pagutenda hangu, hagulilopoziyi gumweni na walii yawakupakinira.
Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.

< 1 Timotewu 4 >