< مزامیر 11 >

برای رهبر سرایندگان. مزمور داوود. چرا به من که به خداوند پناه برده‌ام می‌گویید: «مثل پرنده به کوهها فرار کن 1
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani Waaqayyotti kooluu galeera. Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.
زیرا شریران در کمین عادلان نشسته‌اند و تیرهای خود را به کمان نهاده‌اند تا ایشان را هدف قرار دهند. 2
Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; isaan warra toloota taʼan, dukkana keessa waraanuuf jedhanii, xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.
پایه‌های نظم و قانون فرو ریخته، پس عادلان چه می‌توانند بکنند؟» 3
Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan maal gochuu dandaʼa?”
اما خداوند هنوز در خانهٔ مقدّس خود است، او همچنان بر تخت آسمانی خود نشسته است. خداوند انسانها را می‌بیند و می‌داند که آنها چه می‌کنند. 4
Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.
خداوند بدکاران و درستکاران را امتحان می‌کند. او از آدم بدکار و ظالم بیزار است. 5
Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
او بر بدکاران آتش و گوگرد خواهد بارانید و با بادهای سوزان آنها را خواهد سوزانید. 6
Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi dinyii bobaʼu ni roobsa; qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.
خداوند عادل است و انصاف را دوست دارد و درستکاران در حضور او خواهند زیست. 7
Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef, murtii qajeelaa jaallata; toloonnis fuula isaa ni argu.

< مزامیر 11 >