< نحمیا 3 >
آنگاه الیاشیب که کاهن اعظم بود به اتفاق کاهنان دیگر، حصار شهر را تا برج صد و برج حننئیل بازسازی نمودند. سپس دروازه گوسفند را ساختند و درهایش را کار گذاشتند و آن را تقدیس کردند. | 1 |
Eliyaashiib lubichi ol aanaanii fi luboonni akka isaa kaʼanii Karra Hoolotaa ijaaran. Isaan karra sana qulqulleessanii cufaawwan isaa iddootti deebisan; dallaa sanas hamma Gamoo Dhibbaa kan isaan qulqulleessan sanaattii fi hamma Gamoo Hanaaniʼeelitti ijaaran.
قسمت دیگر حصار را اهالی اریحا و قسمت بعدی را عدهای به سرپرستی زکور (پسر امری) بازسازی کردند. | 2 |
Namoonni Yerikoo kutaa itti aanu ijaaran; Zakuur ilmi Imrii immoo isaanitti aansee ijaare.
پسران هسناه دروازهٔ ماهی را بر پا کردند. ایشان تیرها و درهای آن را کار گذاشتند و قفلها و پشتبندهایش را وصل کردند. | 3 |
Ilmaan Hasenaaʼaa Karra Qurxummii deebisanii ijaaran. Isaan demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
مریموت (پسر اوریا و نوه حقوص) قسمت بعدی حصار را تعمیر کرد. در کنار او مشلام (پسر برکیا و نوه مشیزبئیل) و صادوق (پسر بعنا) قسمت دیگر را تعمیر کردند. | 4 |
Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi kutaa itti aanu haaromse. Isatti aanee Meshulaam ilma Berekiyaa ilma Meseezebeelitu haaromse; isaanitti aanee immoo Zaadoq ilma Baʼanaatu haaromse.
اهالی تقوع قسمت بعدی حصار را بازسازی نمودند، ولی بزرگان ایشان از کارفرمایان اطاعت نکردند و از کار کردن امتناع ورزیدند. | 5 |
Kutaa itti aanu namoota Teqooʼaatu haaromse; namoonni isaanii bebeekamoon garuu hojii Gooftaa isaaniitiif boquu gad hin qabanne.
یویاداع (پسر فاسیح) و مشلام (پسر بسودیا) دروازهٔ کُهنه را تعمیر نمودند. ایشان تیرها را نصب کردند، درها را کار گذاشتند و قفلها و پشتبندهایش را وصل کردند. | 6 |
Yooyaadaan ilmi Faasehaatii fi Meshulaam ilmi Besoodeyaa Karra Moofaa haaromsan. Isaanis demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
در کنار ایشان ملتیا اهل جبعون، یادون اهل میرونوت و اهالی جبعون و مصفه قسمت بعدی حصار را تا مقر حاکم ناحیهٔ غرب رود فرات تعمیر کردند. | 7 |
Isaanitti aansee immoo Melaaxiyaan namichi Gibeʼoon, Yaadoon namichi Meeroonot akkasumas namoonni Gibeʼooniitii fi Miisphaa kutaawwan bulchiinsa bulchaa Gama Laga Efraaxiis jala jiran sana haaromsan.
عزیئیل (پسر حرهایا) که از زرگران بود قسمت بعدی را تعمیر کرد. در کنار او حننیا که از عطاران بود قسمت دیگر حصار را بازسازی نمود. به این ترتیب آنها حصار اورشلیم را تا دیوار عریض تعمیر کردند. | 8 |
Tumtuu warqee keessaa Uziiʼeel ilmi Harhayaa kutaa itti aanu haaromse. Warra Shittoo hojjetan keessaa Hanaaniyaan kutaa kutaa sanatti aanu haaromse. Isaanis hamma Dallaa Balʼaatti Yerusaalemin akka duriitti deebisanii ijaaran.
قسمت بعدی را رفایا (پسر حور) تعمیر کرد. او شهردار نصف شهر اورشلیم بود. | 9 |
Refaayaan ilmi Huuri, bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalem kutaa itti aanu haaromse.
یدایا (پسر حروماف) قسمت دیگر حصار را که نزدیک خانهاش بود تعمیر کرد. قسمت بعدی را حطوش (پسر حشبنیا) بازسازی نمود. | 10 |
Isaanitti aansee Yedaayaa ilmi Haruumaaf kutaa fuullee mana ofii isaa haaromse; Haxuush ilmi Hashabniyaa isatti aansee haaromse.
ملکیا (پسر حاریم) و حشوب (پسر فحت موآب) برج تنورها و قسمت بعدی حصار را تعمیر کردند. | 11 |
Malkiyaan ilmi Haariimiitii fi Hashuub ilmi Fahat Moʼaab kutaa biraatii fi Gamoo Badaa Ibiddaa haaromsan.
شلوم (پسر هلوحیش) و دختران او قسمت بعدی را ساختند. او شهردار نصف دیگر شهر اورشلیم بود. | 12 |
Shaluum ilmi Haloheesh bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalemiitii fi intallan isaa kutaa itti aanu haaromsan.
حانون به اتفاق اهالی زانوح «دروازه دره» را ساخت، درها را کار گذاشت و قفلها و پشتبندهایش را وصل کرد؛ سپس پانصد متر از حصار را تا دروازۀ خاکروبه تعمیر نمود. | 13 |
Haanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa Karra Sululaa haaromsan. Isaanis karra sana deebisanii ijaaranii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Akkasumas hamma Karra Dikeetti dallaa dhundhuma kuma tokko lafa irra dheeratu haaromsan.
ملکیا (پسر رکاب)، شهردار بیت هکاریم، دروازۀ خاکروبه را تعمیر کرد و درها را کار گذاشت و قفلها و پشتبندهایش را وصل کرد. | 14 |
Malkiyaan ilmi Rekaab bulchaan aanaa Beet Hakerem Karra Dikee haaromse. Innis karra sana deebisee ijaaree cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise.
شلون (پسر کُلحوزه)، شهردار مصفه، دروازهٔ چشمه را تعمیر کرد و تیرها و درها را کار گذاشت و قفلها و پشتبندهایش را وصل کرد. سپس حصار را از حوض سیلوحا که کنار باغ پادشاه بود تا پلههایی که به بخش شهر داوود میرسید، تعمیر کرد. | 15 |
Shelaa ilmi Kol-Hoozee bulchaan aanaa Miisphaa sun Karra Burqaa haaromse. Innis karra sana haaromsee gubbaa isaa haguugee cufaawwan isaa, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. Dallaa Haroo Sheelaanii kan Iddoo Biqiltuu Mootichaa biraa sanas hamma waltajjii Magaalaa Daawit irraa gad buʼuutti haaromse.
در کنار او نحمیا (پسر عزبوق)، شهردار نصف شهر بیتصور، حصار را تا مقابل آرامگاه داوود و تا مخزن آب و قرارگاه نظامی تعمیر کرد. | 16 |
Isa duubaan Nahimiyaan ilmi Azbuuq bulchaan gartokkee aanaa Beet Zuuri sun hamma iddoo fuullee awwaala Daawititti, hamma haroo kuufamee fi hamma Mana Goototaatti haaromse.
قسمتهای دیگر حصار توسط این لاویان بازسازی شد: رحوم (پسر بانی) قسمتی از حصار را تعمیر کرد. حشبیا شهردار نصف شهر قعیله، قسمت دیگر حصار را که در ناحیه او واقع شده بود بازسازی نمود. | 17 |
Isatti aanee Lewwonni Rehuum ilma Baaniitiin qajeelfaman ni haaromsan. Isatti aansee immoo Hashabiyaan bulchaan gartokkee aanaa Qeyiilaa sun aanaa ofii isaatiif haaromse.
در کنار او بوای (پسر حیناداد) شهردار نصف دیگر قعیله قسمت بعدی را تعمیر نمود. | 18 |
Isatti aansee namoonni biyya isaanii qajeelcha Bawaayi ilma Heenaadaad bulchaa gartokkee aanaa Qeyiilaa jala turan ni haaromsan.
قسمت دیگر حصار را عازر (پسر یشوع) که شهردار مصفه بود از روبروی اسلحهخانه تا پیچ حصار تعمیر کرد. | 19 |
Isatti aansee Eezer ilmi Yeeshuʼaa bulchaan Miisphaa iddoo karaa mankuusa miʼa lolaatti geessu fuul duraa sana hamma roga isaatti kutaa biraa haaromse.
قسمت بعدی را باروک (پسر زبای) از سر پیچ حصار تا دروازهٔ خانه الیاشیب کاهن اعظم بازسازی نمود. | 20 |
Isatti aansees Baaruk ilmi Zabaay roga sanaa jalqabee hamma balbala mana Eliyaashiib lubicha ol aanaatti kutaa biraa hinaaffaadhaan haaromse.
مریموت (پسر اوریا و نوه هقوص) قسمت بعدی حصار را از دروازهٔ خانهٔ الیاشیب تا انتهای خانهاش تعمیر کرد. | 21 |
Isatti aansee Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi balbala mana Eliyaashiibiitii jalqabee hamma dhuma isaatti kutaa biraa haaromse.
قسمتهای دیگر حصار توسط این کاهنان بازسازی شد: کاهنانی که از حومهٔ اورشلیم بودند قسمت بعدی حصار را تعمیر کردند. | 22 |
Isatti aansee immoo luboota naannoo sana jiranittu haaromse.
بنیامین، حشوب و عزریا (پسر معسیا و نوه عننیا) قسمت دیگر حصار را که مقابل خانهشان قرار داشت تعمیر کردند. | 23 |
Isaaniin achittis Beniyaamii fi Hashuubittu fuula mana isaanii dura haaromse; isaanitti aansee immoo Azaariyaa ilma Maʼaseyaa ilma Anaaniyaatu mana isaa bira haaromse.
بنوی (پسر حیناداد) قسمت دیگر حصار را از خانهٔ عزریا تا پیچ حصار تعمیر کرد | 24 |
Isatti aansee Binuuyiin ilmi Heenaadaad mana Azaariyaatii jalqabee hamma rogaa fi golee isaatti kutaa biraa haaromse;
و فالال (پسر اوزای) از پیچ حصار تا برج کاخ بالایی پادشاه که نزدیک حیاط زندان است نوسازی کرد. قسمت بعدی را فدایا (پسر فرعوش) تعمیر نمود. | 25 |
Phaalaal ilmi Uuzaay immoo golee sanaa fi gamoo masaraa mootummaa kan ol aanu gubbaatti ijaarame fuullee oobdii eegdotaa bira haaromse. Isatti aansees Phedaayaan ilmi Phaaroshii fi
خدمتگزاران خانۀ خدا که در عوفل زندگی میکردند، حصار را از مشرق دروازۀ آب تا برج بیرونی تعمیر کردند. | 26 |
tajaajiltoonni mana qulqullummaa kanneen tulluu Oofeel irra jiraatan hamma iddoo Karra Bishaanii kan gama baʼaatii fi gamoo ol kaʼaa sana duraatti haaromsan.
اهالی تقوع حصار را از برج بیرونی تا دیوار عوفل بازسازی کردند. | 27 |
Isaanitti aansanii immoo namoonni Teqooʼaa gamoo ol kaʼaa guddichaa jalqabanii hamma dallaa Oofeelitti kutaa biraa haaromsan.
دستهای از کاهنان نیز قسمتی از حصار را که از «دروازه اسب» شروع میشد تعمیر کردند؛ هر یک از ایشان حصار مقابل خانهٔ خود را بازسازی نمودند. | 28 |
Karra Fardaatiin olitti tokkoon tokkoon lubootaa fuula mana ofii isaanii dura haaromsan.
صادوق (پسر امیر) هم حصار مقابل خانه خود را تعمیر کرد. قسمت بعدی را شمعیا (پسر شکنیا) نگهبان دروازهٔ شرقی، بازسازی نمود. | 29 |
Isaanitti aansee Zaadoq ilmi Imeer fuullee mana isaa haaromse. Isatti aansee Shemaaʼiyaan ilmi Shekaaniyaa eegduun Karra gama Baʼaa sun akkasuma ni haaromse.
حننیا (پسر شلمیا) و حانون (پسر ششم صالاف)، قسمتهای بعدی را تعمیر کردند، مشلام (پسر برکیا) حصار مقابل خانهٔ خود را بازسازی کرد. | 30 |
Isatti aansaniis Hanaaniyaan ilmi Shelemiyaatii fi Haanuun ilmi Zaalaaf jaʼaffaan sun kutaa biraa haaromsan. Isaanitti aansee immoo Meshulaam ilmi Berekiyaa fuullee mana ofii isaa keessa jiraatuu haaromse.
ملکیا که از زرگران بود قسمت بعدی حصار را تا خانههای خدمتگزاران خانۀ خدا و خانههای تاجران که در مقابل دروازۀ بازرسی قرار داشتند و تا برجی که در پیچ حصار است، تعمیر کرد. | 31 |
Isatti aansee immoo tumtuu warqee keessaa Malkiyaan hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi daldaltootaa kan fuullee Karra Toʼannaatti, hamma kutaa manaa kan golee irraattis haaromse;
زرگران و تاجران بقیه حصار را تا دروازۀ گوسفند بازسازی نمودند. | 32 |
tumtuun warqeetii fi daldaltoonni immoo kutaa manaa kan golee irraa sanaa fi Karra Hoolotaa gidduu jiru haaromsan.