< یوشع 12 >
این است نامهای پادشاهانی که در سمت شرقی رود اردن بودند و شهرهای آنها بهوسیلۀ بنیاسرائیل تصرف شد: (شهرهای آنها از درهٔ ارنون تا کوه حرمون، که شامل تمام نواحی شرقی درهٔ اردن میشد، امتداد داشت.) | 1 |
Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:
سیحون، پادشاه اموریها که در حشبون زندگی میکرد و قلمرو او از عروعیر در کنار درهٔ ارنون و از وسط درۀ ارنون تا درهٔ یبوق که مرز عمونیهاست امتداد مییافت. این سرزمین شامل نصف جلعاد کنونی بود. | 2 |
Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.
او همچنین بر درهٔ اردن که از دریاچهٔ جلیل تا بیتیشیموت (واقع در شرق دریای مرده) و تا دامنهٔ کوه پیسگاه امتداد داشت، حکومت میکرد. | 3 |
Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.
عوج پادشاه باشان، که از بازماندگان قوم رفائی بود و در عشتاروت و ادرعی زندگی میکرد. | 4 |
Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.
او بر سرزمینی حکومت مینمود که از کوه حرمون در شمال تا سلخه و تمام باشان در مشرق، و از سمت مغرب تا مرزهای سرزمین جشوریها و معکیها و از سمت جنوب تا منطقهای که نیمهٔ شمالی جلعاد را در بر میگرفت و به سرحد سرزمین حشبون میرسید، امتداد داشت. | 5 |
Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.
ساکنان این سرزمین، همان کسانی بودند که موسی خدمتگزار خداوند و بنیاسرائیل، آنها را از بین بردند و موسی زمینهایشان را به قبیلهٔ رئوبین و جاد و نصف قبیلهٔ منسی داد. | 6 |
Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.
پادشاهانی نیز که در سمت غربی رود اردن حکومت میکردند بهوسیلۀ یوشع و اسرائیلیها کشته شدند. زمینهای آنها را که از بعل جاد در وادی لبنان تا کوه حالق نزدیک کوه سعیر بود، یوشع بین قبایل بنیاسرائیل تقسیم کرد. | 7 |
Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha.
این ناحیه شامل کوهستانها، دشتها، درۀ اردن، کوهپایهها، صحرای یهودیه و صحرای نگب بود. ساکنان آنجا اقوام حیتی، اموری، کنعانی، فرزی، حوی و یبوسی بودند. | 8 |
Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti. Mootonnis kanneenii dha:
بنیاسرائیل، پادشاهان شهرهای این مناطق را که تعدادشان به سی و یک نفر میرسید شکست دادند. این شهرها عبارت بودند از: اریحا، عای (نزدیک بیتئیل)، اورشلیم، حبرون، یرموت، لاخیش، عجلون، جازر، دبیر، جادر، حرمه، عراد، لبنه، عدولام، مقیده، بیتئیل، تفوح، حافر، عفیق، لشارون، مادون، حاصور، شمرون مرئون، اخشاف، تعناک، مجدو، قادش، یقنعام (در کرمل)، دُر (در بلندیهای دُر)، قوئیم (در جلجال)، و ترصه. | 9 |
Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko
mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko
mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko
mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko
mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko
mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko
mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko
mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko
mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko
mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko
mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko
mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko
mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko
mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko
mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko
mootii Tiirzaa, tokko. Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.