< ایوب 42 >
سپس ایوب در جواب خداوند چنین گفت: | 1 |
Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebii kenne:
میدانم که تو هر چه اراده کنی میتوانی انجام دهی. | 2 |
“Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
میپرسی: «کیست که با حرفهای پوچ و بیمعنی منکر حکمت من میشود؟» آن شخص منم. من نمیدانستم چه میگفتم. دربارهٔ چیزهایی سخن میگفتم که فراتر از عقل من بود. | 3 |
Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte. Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe kan ani hin beekin dubbadheera.
تو از من خواستی که به سخنانت گوش کنم و به سؤالی که از من میپرسی پاسخ دهم. | 4 |
“Ati akkana jetteerta; ‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu; ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’
پیش از این گوش من دربارهٔ تو چیزهایی شنیده بود، ولی اکنون چشم من تو را میبیند! | 5 |
Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; amma garuu iji koo si argeera.
از این جهت از خود بیزار شده در خاک و خاکستر توبه میکنم. | 6 |
Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.”
هنگامی که خداوند صحبت خود را با ایوب تمام کرد، به الیفاز تیمانی فرمود: «از تو و از دو رفیقت خشمگین هستم، زیرا سخنان شما دربارهٔ من مانند سخنان خدمتگزارم ایوب، درست نبوده است. | 7 |
Waaqayyo erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; “Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera.
اکنون هفت گوساله و هفت قوچ بگیرید و پیش بندهام ایوب بروید و آنها را برای گناه خود قربانی کنید؛ و خدمتگزارم ایوب برای شما دعا خواهد کرد و من دعای او را مستجاب نموده، از مجازات شما درمیگذرم. زیرا سخنان شما دربارهٔ من مانند سخنان خدمتگزارم ایوب، درست نبوده است.» | 8 |
Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii.”
پس الیفاز تیمانی، بلدد شوحی و صوفر نعماتی همانطور که خداوند امر فرموده بود عمل کردند و خداوند دعای ایوب را در حق ایشان اجابت نمود. | 9 |
Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan Waaqayyo isaanitti hime sana godhan; Waaqayyos kadhannaa Iyyoob dhagaʼe.
آنگاه، پس از آنکه ایوب برای دوستان خود دعا کرد، خداوند ثروت و خوشبختی از دست رفتهاش را به او بازگردانید. در واقع، خداوند دو برابر آنچه را که ایوب قبلاً داشت به او بخشید. | 10 |
Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee Waaqayyo deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef.
آنگاه تمام برادران و خواهران و دوستان سابقش پیش او آمده، در خانهاش با او جشن گرفتند و او را که خداوند به مصیبتها مبتلا کرده بود تسلی دادند و هر کدام از آنها پول و انگشتر طلا برایش هدیه آوردند. | 11 |
Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Waaqayyo isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
به این ترتیب خداوند، ایوب را بیش از پیش برکت داد. ایوب صاحب چهارده هزار گوسفند، شش هزار شتر، هزار جفت گاو و هزار ماده الاغ شد. | 12 |
Waaqayyos kan duraa caalaa jireenya Iyyoob kan fuul duraa eebbise. Iyyoobis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture.
همچنین خدا به او هفت پسر و سه دختر داد. اسامی دختران ایوب از این قرار بود: یمیمه، قصیعه و قرن هفوک. | 13 |
Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture.
Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase.
در تمام آن سرزمین دخترانی به زیبایی دختران ایوب نبودند، و پدرشان به آنها هم مانند برادرانشان ارث داد. | 15 |
Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Iyyoob babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef.
پس از آن، ایوب صد و چهل سال دیگر عمر کرد و فرزندان خود را تا پشت چهارم دید. | 16 |
Iyyoobis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge.
او سرانجام پس از یک زندگی طولانی در حالی که پیر و سالخورده شده بود وفات یافت. | 17 |
Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.