< اشعیا 15 >
این است پیغام خدا برای سرزمین موآب: شهرهای عار و قیرِ موآب در یک شب ویران میشوند. | 1 |
Raajii waaʼee Moʼaab: Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti!
در دیبون قوم عزادار موآب به بتخانهها پناه میبرند تا برای شهرهای نبو و میدبا گریه کنند. همهٔ مردم موی سر و ریش خود را تراشیده، | 2 |
Diiboon gara mana qulqullummaatti, iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. Mataan hundinuu haadamaa dha; areedni hundinuus cicciramaa dha.
لباس عزا پوشیدهاند و در کوچهها راه میروند. از هر خانهای صدای شیون و زاری بلند است. | 3 |
Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti hundi isaanii ni booʼu; imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.
صدای گریهٔ شهرهای حشبون و العاله تا یاهص نیز شنیده میشود. حتی جنگاوران موآب نیز ناله میکنند و از شدت ترس میلرزند. | 4 |
Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; lubbuun isaaniis ni romʼite.
دلم برای موآب نالان است. مردم موآب به صوغر و عجلت شلشیا فرار میکنند؛ با گریه از گردنهٔ لوحیت بالا میروند؛ صدای نالهٔ ایشان در طول راه حورونایم به گوش میرسد. | 5 |
Garaan koo Moʼaabiif iyya; kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; karaa Hooronaayim irrattis, waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.
رودخانهٔ نمریم خشک شده است! علف سرسبز کنار رودخانهها پلاسیده و نهالها از بین رفتهاند. | 6 |
Bishaanonni Niimriim goganiiru; margis coollageera; biqiltuuwwan lafaa badaniiru; wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.
مردم اندوختهٔ خود را برمیدارند تا از راه درهٔ بیدها فرار کنند. | 7 |
Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.
شیون موآب در مرزهای آن طنین افکنده است و صدای زاری آن تا به اجلایم و بئرایلیم رسیده است. | 8 |
Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.
رودخانهٔ دیمون از خون سرخ شده است، ولی خدا باز هم اهالی دیمون را مجازات خواهد کرد. بازماندگان و فراریان موآب نیز جان به در نخواهند برد و طعمهٔ شیر خواهند شد. | 9 |
Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; warra Moʼaab keessaa baqatan kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.