< جامعه 7 >
نیکنامی از بهترین عطرها نیز خوشبوتر است. روز مرگ از روز تولد بهتر است. | 1 |
Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.
رفتن به خانهای که در آن عزاداری میکنند بهتر از رفتن به خانهای است که در آن جشن برپاست، زیرا زندگان باید همیشه این را به یاد داشته باشند که روزی خواهند مرد. | 2 |
Mana cidhaa dhaquu mannaa mana booʼichaa dhaquu wayya; galgalli nama hundaa duʼumaatii; namni lubbuun jiraatu waan kana garaatti haa qabatu.
غم از خنده بهتر است، زیرا هر چند صورت را غمگین میکند اما باعث صفای دل میگردد. | 3 |
Fuulli gaddu waan garaa gammachiisuuf kolfa irra gadda wayya.
کسی که دائم به فکر خوشگذرانی است، نادان است، شخص دانا به مرگ میاندیشد. | 4 |
Qalbiin ogeessaa mana booʼichaa jira, qalbiin gowwaa garuu mana gammachuu jira.
گوش دادن به انتقاد اشخاص دانا بهتر است از گوش دادن به تعریف و تمجید نادانان، | 5 |
Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaa ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.
که مانند صدای ترق و تروق خارها در آتش، بیمعنی است. | 6 |
Kolfi gowwaa akkuma qoraattii xuwwee jalaa xaaxaʼuu ti. Kunis faayidaa hin qabu.
گرفتن رشوه، شخص دانا را نادان میسازد و دل او را فاسد میکند. | 7 |
Cunqursaan ogeessa gowwaa godha; mattaʼaanis sammuu nama xureessa.
انتهای امر از ابتدایش بهتر است. صبر از غرور بهتر است. | 8 |
Jalqaba waan tokkoo irra dhuma isaa wayya; of tuuluu irras obsa wayya.
بر خشم خود چیره شو، زیرا کسانی که زود خشمگین میشوند نادانند. | 9 |
Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin; aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.
حسرت «روزهای خوب گذشته» را نخور. حکمتی در این کار نیست. | 10 |
Ati, “Barri durii maaliif bara kana caale?” hin jedhin; waan kana gaafachuun ogummaa miti.
حکمت بیش از هر میراثی برای زندگان مفید است. | 11 |
Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha; warra aduu arganiifis buʼaa qaba.
حکمت و ثروت هر دو پناهگاهی برای انسان هستند، اما برتری حکمت در این است که حیات میبخشد. | 12 |
Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana ogummaanis daʼoo dha; faayidaan beekumsaa garuu kana: innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.
در مورد آنچه که خداوند انجام داده است فکر کن. آیا کسی میتواند آنچه را که خدا کج ساخته، راست نماید؟ | 13 |
Waan Waaqni hojjete mee ilaali: Waan inni jalʼise eenyutu qajeelchuu dandaʼa?
پس وقتی سعادت به تو روی میآورد شادی کن و هنگامی که سختیها به تو هجوم میآورند بدان که خداوند هم خوشی میدهد و هم سختی و انسان نمیداند در آینده چه اتفاقی خواهد افتاد. | 14 |
Yommuu yeroon gaarii taʼutti gammadi; yommuu yeroon hammaatu garuu itti yaadi: Waaqni isa tokko hojjete isa kaanis hojjeteera. Kanaafuu namni egeree isaa beekuu hin dandaʼu.
در این زندگی پوچ و بیهوده خیلی چیزها دیدهام، از جمله اینکه برخی نیکوکاران زود میمیرند در حالی که برخی بدکاران عمر طولانی میکنند. | 15 |
Ani jireenya koo kan faayidaa hin qabne kana keessatti waan kana lachuu argeera; kunis: Qajeelaan qajeelummaa isaatiin baduu isaatii fi hamaan immoo hammina isaatiin bara dheeraa jiraachuu isaa ti.
پس بیش از حد نیکوکار و خردمند نباش مبادا خود را از بین ببری، | 16 |
Ati akka malee qajeelaa hin taʼin; yookaan akka malee ogeessa hin taʼin; maaliif of galaafatta?
و بیش از حد بدکار و نادان هم نباش مبادا پیش از اجلت بمیری. | 17 |
Ati akka malee hamaa hin taʼin; gowwaas hin taʼin; maaliif utuu yeroon kee hin gaʼin duuta?
از خدا بترس و از این دو افراط به دور باش تا کامیاب شوی. | 18 |
Utuu isa kaan gad hin dhiisin waan tokko qabaachuun gaarii dha. Namni Waaqa sodaatu waan hundaan ni milkaaʼa.
یک مرد حکیم تواناتر از ده حاکم است که بر یک شهر حکومت میکنند. | 19 |
Ogummaan, bulchitoota magaalaa tokko keessa jiran kudhan caalaa nama ogeessa tokko humna qabeessa gooti.
در دنیا مرد عادلی وجود ندارد که هر چه میکند درست باشد و هرگز خطایی از او سر نزند. | 20 |
Namni qajeelaan waan qajeelaa malee cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.
حرفهایی را که از مردم میشنوی به دل نگیر، حتی وقتی که میشنوی غلامت به تو ناسزا میگوید؛ | 21 |
Waan namni jedhu hunda hin dhaggeeffatin; yoo kana goote utuu hojjetaan kee si abaaruu dhageessaa;
چون تو خودت خوب میدانی که بارها به دیگران ناسزا گفتهای. | 22 |
ati mataan kee iyyuu yeroo baayʼee namoota kaan akka abaarte garaan kee beekaatii.
من تمام این چیزها را با حکمت بررسی کردم و تصمیم گرفتم به دنبال حکمت بروم، ولی حکمت از من دور بود. | 23 |
Ani waan kana hunda ogummaadhaanan qoradhee, “Ani ogeessan taʼa” nan jedhe. Wanni kun garuu narraa fagoo ture.
کیست که بتواند آن را به دست آورد؟ حکمت بسیار عمیق و دور از دسترس است. | 24 |
Wanti jiru hundi fagoo dha; gad fagoo dha; eenyutu qoratee bira gaʼuu dandaʼa?
پس به تحقیق و جستجوی حکمت پرداختم تا به دلیل هر چیزی پی ببرم و دریابم که هر که شرارت و بدی میکند احمق و دیوانه است. | 25 |
Kanaafuu ani gara ogummaa fi maalummaa wantootaa hubachuutti, sakattaʼuutti, qorachuutti akkasumas hammina gowwummaatii fi maraatummaa gowwummaa hubachuutti qalbii koo nan deebifadhe.
زن حیلهگر تلختر از مرگ است. عشق او مانند دام، مردان را گرفتار میسازد و بازوانش مانند کمند آنها را به بند میکشد. کسی که در پی خشنودی خداوند است از دام او رهایی مییابد، اما آدم گناهکار گرفتار آن میشود. | 26 |
Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis: dubartii kiyyoo taate, kan yaadni ishee kiyyoo, harki ishee immoo foncaa taʼee dha. Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa; cubbamaan garuu isheedhaan qabama.
«معلم» میگوید: «نتیجۀ تحقیق من این است. پس از بررسی اوضاع از هر جانب به این نتیجه رسیدم. | 27 |
Lallabaan akkana jedha; “Kunoo wanni ani qoradhee bira gaʼe kanaa dha: “Mala isaa beekuuf waan tokko fuudhanii waan kaanitti dabaluu dha;
هرچند بارها جستجو کردم، ولی به آنچه که میخواستم نرسیدم. از میان هزار نفر فقط یک مرد خوب یافتم اما از بین آنها یک زن خوب هم نیافتم! | 28 |
ani ammas nan sakattaʼe; garuu hin arganne. Ani kuma keessaa dhiira qajeelaa tokko nan argadhe; hunduma isaanii keessaa garuu dubartii qajeeltuu tokko iyyuu hin arganne.
بالاخره به این نتیجه رسیدم که خدا انسانها را خوب و راست آفریده است، اما آنها به راههای کج رفتهاند.» | 29 |
Kunoo ani waan kana qofa nan argadhe: Waaqni qajeeltota godhee ilmaan namaa uume; namoonni garuu mala baayʼee barbaacha deeman.”