< اول پادشاهان 3 >
سلیمان با فرعون مصر پیمان دوستی بسته، دختر او را به همسری گرفت و به شهر داوود آورد تا بنای کاخ سلطنتی خود و نیز خانۀ خداوند و دیوار شهر اورشلیم را تمام کند. | 1 |
Solomoonis Faraʼoon mooticha Gibxi wajjin walii galtee uummatee intala isaa fuudhe. Innis hamma masaraa mootummaa ofii isaatii fi mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaree, naannoo Yerusaalemittis dallaa ijaaruu fixutti magaalaa Daawititti ishee fide.
در آن زمان، قوم اسرائیل به بالای تپهها میرفتند و روی مذبحهای آنجا قربانی میکردند، چون هنوز خانهٔ خداوند ساخته نشده بود. | 2 |
Taʼus sababii hamma gaafasiitti manni qulqullummaa Maqaa Waaqayyootiif hin ijaaraminiif namoonni iddoo ol kaʼaa irratti aarsaa dhiʼeessaa turan.
سلیمان خداوند را دوست میداشت و مطابق دستورهای پدر خود عمل میکرد، ولی او هم به بالای تپهها میرفت و در آنجا قربانی میکرد و بخور میسوزانید. | 3 |
Solomoon akkuma ajaja abbaan isaa Daawit isaaf kenneetti jiraachaa jaalala Waaqayyoof qabu argisiise; garuu aarsaa fi ixaana aarfamu iddoo ol kaʼaa irratti dhiʼeessaa ture.
یکبار سلیمان برای قربانی کردن به جبعون رفت، زیرا مهمترین تپه بود. او هزار گاو و گوسفند در آن محل قربانی کرد. | 4 |
Mootichi aarsaa dhiʼeessuuf gara Gibeʼoon dhaqe; iddoon sunis iddoo sagadaa kan gaara irraa isa baayʼee jaalatamaa isa Solomoon aarsaa gubamu kuma tokko irratti dhiʼeesse tureetii.
آن شب در جبعون خداوند در عالم خواب به او ظاهر شد و فرمود: «از من چه میخواهی تا به تو بدهم؟» | 5 |
Waaqayyos Gibeʼoonitti halkan abjuu keessa Solomoonitti mulʼate; Waaqnis, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedhe.
سلیمان گفت: «تو به پدرم داوود بسیار محبت نشان دادی چون او نسبت به تو صادق و امین بود و قلب پاکی داشت. به او پسری بخشیدی که امروز بر تختش نشسته است. با این کار، لطف خود را در حق او کامل کردی! | 6 |
Solomoon immoo akkana jedhee deebise; “Ati sababii inni amanamummaa fi qajeelummaadhaan fuula kee dura jiraatee gara tolina siif qabaateef garbicha kee, abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote. Arjummaa guddaa kanas ittuma fufteefii harʼa ilma teessoo isaa irra taaʼu kenniteefii jirta.
ای خداوند، خدای من، تو مرا به جای پدرم داوود به پادشاهی رساندهای. ولی من مانند یک کودک هستم که راه خود را نمیداند. | 7 |
“Egaa yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati iddoo abbaa koo Daawit, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku.
حال که رهبری قوم برگزیدهٔ تو با این همه جمعیت بیشمار به عهدهٔ من است، | 8 |
Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira.
به من حکمت عطا کن تا بتوانم نیک و بد را تشخیص بدهم و با عدالت بر مردم حکومت کنم؛ و گرنه چطور میتوانم این قوم بزرگ را اداره کنم؟» | 9 |
Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”
خداوند درخواست سلیمان را بسیار پسندید و خشنود شد که سلیمان از او حکمت خواسته است. | 10 |
Solomoon waan kana kadhachuun isaa fuula Gooftaa duratti gammachiisaa ture.
پس به سلیمان فرمود: «چون تو حکمت خواستی تا با عدالت حکومت کنی و عمر طولانی یا ثروت فراوان برای خود و یا مرگ دشمنانت را از من نخواستی، | 11 |
Kanaafuu Waaqni akkana jedheen; “Ati waan kana kadhatte malee ofii keetiif bara dheeraa yookaan sooroma yookaan lubbuu diinota keetii hin kadhanne; garuu waan murtii qajeelaa kennuuf hubannaa kadhatteef,
پس هر چه خواستی به تو میدهم. من به تو فهم و حکمتی میبخشم که تاکنون به کسی ندادهام و نخواهم داد. | 12 |
ani waan ati kadhatte kana siifin kenna. Qalbii ogeessa waa hubatu kan namoonni si dura turan hin qabaatin, kan warri si duubaan dhufanis hin qabaanne siifin kenna.
در ضمن چیزهایی را هم که نخواستی به تو میدهم، یعنی ثروت و افتخار را، به طوری که در طول زندگیات هیچ پادشاهی به پای تو نخواهد رسید. | 13 |
Kana malee iyyuu akka bara jireenya keetii keessa mootota gidduudhaa tokko illee siin hin qixxaanneef ani waan ati hin kadhatin sooromaa fi ulfina siifin kenna.
اگر مثل پدرت داوود از من اطاعت کنی و دستورهای مرا پیروی نمایی آنگاه عمر طولانی نیز به تو خواهم بخشید!» | 14 |
Yoo ati karaa koo irra deemtee akkuma abbaan kee Daawit hojjete sana seeraa fi ajaja koo eegde, ani umurii kee nan dheeressa.”
وقتی سلیمان بیدار شد، فهمید که خدا در خواب با او سخن گفته است. پس به اورشلیم رفت و به خیمهٔ عبادت وارد شده، در برابر صندوق عهد خداوند ایستاد و قربانیهای سوختنی و سلامتی به خداوند تقدیم کرد. سپس برای تمام درباریان خود، ضیافتی بزرگ ترتیب داد. | 15 |
Solomoon ergasii dammaqee akka wanni sun abjuu taʼe hubate. Innis gara Yerusaalemitti deebiʼee taabota kakuu Gooftaa dura dhaabatee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Ergasiis garboota isaa hundaaf cidha qopheesse.
چندی بعد دو فاحشه برای حل اختلاف خود به حضور پادشاه آمدند. | 16 |
Yeroo kanatti sagaagaltoonni lama dhufanii fuula mootichaa dura dhaabatan.
یکی از آنان گفت: «ای پادشاه، ما دو نفر در یک خانه زندگی میکنیم. چندی قبل من فرزندی به دنیا آوردم. | 17 |
Isheen tokko akkana jette; “Yaa Gooftaa ko, anii fi dubartiin kun manuma tokko keessa jiraanna. Utuma isheen na wajjin jirtuu ani mucaan daʼe.
سه روز بعد از من، این زن هم فرزندی زایید. کسی جز ما در آن خانه نبود. | 18 |
Erga ani daʼee guyyaa sadii booddee dubartiin kunis mucaa deesse. Nu kophaa keenya turre; nu lamaan malee namni tokko iyyuu mana sana keessa hin turre.
یک شب که او خواب بود، روی بچهاش افتاد و بچهاش خفه شد! | 19 |
“Ilmi dubartii kanaa sababii isheen halkan irra ciifteef jalaa duʼe.
نصف شب وقتی من در خواب بودم، او برخاست و پسر مرا از کنارم برداشت و پیش خودش برد و بچهٔ مردهٔ خود را در بغل من گذاشت. | 20 |
Kanaafuu isheen utuu ani garbittiin kee rafuu halkan walakkaa kaatee mucaa koo na biraa fudhatte. Isheenis laphee ishee jala isa kaaʼattee ilma ishee kan duʼe sana laphee koo jala keesse.
صبح زود که برخاستم بچهام را شیر بدهم دیدم مرده است. اما وقتی در روشنایی روز با دقت به او نگاه کردم متوجه شدم که آن کودک پسر من نیست.» | 21 |
Ganama itti aanutti ani ilma koo hoosifachuufan kaʼe; kunoo inni duʼee jira! Ani garuu yommuun ifa ganamaatiin itti dhiʼaadhee ilaaletti akka inni ilma ani daʼe sana hin taʼin nan hubadhe.”
زن دوم حرف او را قطع کرد و گفت: «اینطور نیست، بچهٔ مرده مال اوست و اینکه زنده است پسر من است.» زن اولی گفت: «نه، آنکه مرده است مال تو است و اینکه زنده است مال من است.» و در حضور پادشاه به مجادله پرداختند. | 22 |
Dubartiin kaanis, “Akkas miti! Inni jiru kun ilma koo ti; kan duʼe sun immoo kan kee ti” jette. Isheen jalqabaa sun garuu ittuma cimsitee, “Akkas miti! Kan duʼe sun kan kee ti; kan jiru kun immoo koo ti” jette. Isaanis akkasiin fuula mootichaa duratti wal falman.
پس پادشاه گفت: «بگذارید ببینم حق با کیست. هر دو شما میگویید: بچهٔ زنده مال من است، و هر دو هم میگویید: بچهٔ مرده مال من نیست!» | 23 |
Mootichis, “Isheen kun, ‘Ilmi koo ni jira; kan kee immoo duʼeera’ jetti; isheen kaanis, ‘Akkas miti! Ilmi kee duʼeera; kan koo immoo ni jira’ jetti” jedhe.
سپس پادشاه دستور داد شمشیری بیاورند. پس یک شمشیر آوردند. | 24 |
Kana irratti mootichis, “Goraadee naa fidaa” jedhe. Isaanis mootichaaf goraadee fidan.
آنگاه سلیمان فرمود: «طفل زنده را دو نصف کنید و به هر کدام یک نصف بدهید!» | 25 |
Mootichis, “Mucaa jiru kana iddoo lamatti wal qixxeetti kutaatii walakkaa isaa ishee tokkoof kennaa; walakkaa immoo ishee kaaniif kennaa” jedhee ajaje.
زنی که مادر واقعی بچه بود دلش بر پسرش سوخت و به پادشاه التماس کرده گفت: «ای پادشاه بچه را نکشید. او را به این زن بدهید!» ولی زن دیگر گفت: «نه، بگذار او را تقسیم کنند تا نه مال من باشد و نه مال تو!» | 26 |
Dubartiin ilmi ishee lubbuun jiru sun mucaa isheetiif akka malee garaa laaftee mootichaan, “Maaloo yaa Gooftaa ko, mucaa lubbuun jiru kana isheef kenni malee hin ajjeesin” jette. Isheen kaan immoo, “Inni iddoo lamatti haa muramuu malee anaafis siifis hin taʼu!” jette.
آنگاه پادشاه فرمود: «بچه را نکشید! او را به این زن بدهید که نمیخواهد بچه کشته شود؛ چون مادرش همین زن است!» | 27 |
Kana irratti mootichi, “Mucaa lubbuun jiru kana dubartii duraa sanaaf kennaa malee hin ajjeesinaa; haati isaa isheedhaatii” jedhee ajaje.
این خبر به سرعت در سراسر اسرائیل پخش شد و همه از پادشاه ترسیدند، چون فهمیدند که خدا به سلیمان حکمت بخشیده تا بتواند عادلانه داوری کند. | 28 |
Israaʼel hundi murtii mootichi kenne ni dhagaʼan; isaanis sababii akka inni murtii qajeelaa kennuuf Waaqa irraa ogummaa argate hubataniif mooticha ni sodaatan.