< Sefaaniyaa 1 >
1 Dubbiin Waaqayyoo kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:
Слово Господне, которое было к Софонии, сыну Хусия, сыну Годолии, сыну Амории, сыну Езекии, во дни Иосии, сына Амонова, царя Иудейского.
2 “Ani fuula lafaa irraa waan hunda haxaaʼee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
Все истреблю с лица земли, говорит Господь:
3 “Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa; simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa, waaqota tolfamoo namoota hamoo gufachiisan haxaaʼee nan balleessa.” “Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
истреблю людей и скот, истреблю птиц небесных и рыб морских, и соблазны вместе с нечестивыми; истреблю людей с лица земли, говорит Господь.
4 “Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha. Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii iddoo kanaa nan balleessa;
И простру руку Мою на Иудею и на всех жителей Иерусалима: истреблю с места сего остатки Ваала, имя жрецов со священниками,
5 warra raayyaa samii waaqeffachuuf qinaaxxii manaa irratti sagadan, warra sagadanii fi Waaqayyoon kakatan, warra Moolekiinis kakatan,
и тех, которые на кровлях поклоняются воинству небесному, и тех поклоняющихся, которые клянутся Господом и клянутся царем своим,
6 warra Waaqayyoon duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan, warra Waaqayyoon hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.”
и тех, которые отступили от Господа, не искали Господа и не вопрошали о Нем.
7 Guyyaan Waaqayyoo waan dhiʼaateef fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti calʼisaa. Waaqayyo aarsaa tokko qopheesseera; inni warra affeere qulqulleesseera.
Умолкни пред лицoм Господа Бога! ибо близок день Господень: уже приготовил Господь жертвенное заклание, назначил, кого позвать.
8 “Guyyaa aarsaa Waaqayyootti ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.
И будет в день жертвы Господней: Я посещу князей и сыновей царя и всех, одевающихся в одежду иноплеменников;
9 Ani gaafas warra buusaa irra utaalan, kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi gowwoomsaadhaan guutan nan adaba.”
посещу в тот день всех, которые перепрыгивают через порог, которые дом Господа своего наполняют насилием и обманом.
10 Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya, Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa, gaarran irraa immoo sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.
И будет в тот день, говорит Господь, вопль у ворот рыбных и рыдание у других ворот и великое разрушение на холмах.
11 Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa; daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu; warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.
Рыдайте, жители нижней части города, ибо исчезнет весь торговый народ и истреблены будут обремененные серебром.
12 Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa; warra qananiidhaan jiraatan, kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan, kanneen, ‘Waaqayyo waan tolaas taʼu waan hamaa homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.
И будет в то время: Я со светильником осмотрю Иерусалим и накажу тех, которые сидят на дрожжах своих и говорят в сердце своем: “не делает Господь ни добра, ни зла”.
13 Qabeenyi isaanii ni saamama; manni isaanii ni ona. Isaan mana ijaarratu; garuu keessa hin jiraatan; isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu; garuu daadhii wayinii hin dhugan.”
И обратятся богатства их в добычу и домы их - в запустение; они построят домы, а жить в них не будут, насадят виноградники, а вина из них не будут пить.
14 Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera; dhiʼaatees dafee dhufaara. Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha; goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
Близок великий день Господа, близок, и очень поспешает: уже слышен голос дня Господня; горько возопиет тогда и самый храбрый!
15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa, guyyaa dhiphinaa fi gaddaa, guyyaa rakkinaa fi badiisaa, guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa, guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
День гнева - день сей, день скорби и тесноты, день опустошения и разорения, день тьмы и мрака, день облака и мглы,
16 magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi gamoowwan ol dhedheeroo irratti guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
день трубы и бранного крика против укрепленных городов и высоких башен.
17 “Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif, ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif uummatatti dhiphina nan fida. Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa, miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
И Я стесню людей, и они будут ходить как слепые, потому что они согрешили против Господа, и разметана будет кровь их, как прах, и плоть их - как помет.
18 Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.” Ibidda hinaaffaa isaatiin addunyaan hundi ni barbadoofti; warra lafa irra jiraatan hundatti inni badiisa tasaa ni fidaatii.
Ни серебро их, ни золото их не может спасти их в день гнева Господа, и огнем ревности Его пожрана будет вся эта земля, ибо истребление, и притом внезапное, совершит Он над всеми жителями земли.