< Sefaaniyaa 2 >

1 Yaa saba qaanii hin qabne, walitti qabamaa; walitti qabamaa;
沒有廉恥的民族,在他們尚未像糠枇一樣被吹散之前,
2 utuu yeroon murtaaʼe sun gaʼee guyyaan sun akkuma habaqiitti isin hin haxaaʼin, utuu aariin Waaqayyoo bobaʼaan sun isinitti hin dhufin, utuu guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo isinitti hin dhufin walitti qabamaa.
在上主的怒火尚未來到你們身上,在上主憤怒的日子尚未來到你們身上以前,你們聚首檢討吧!
3 Isin garraamonni lafaa kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi Waaqayyoon barbaaddadhaa. Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; isin guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti ni golbomamtu taʼaatii.
地上所有遵守衪法律的卑微人! 你們應求上主,你們要尋求公義,要尋求謙和,也許你們在上主憤怒的日子,能藏身免禍。
4 Gaazaan duwwaa hafti; Ashqaloon immoo ni onti. Sabni Ashdood guyyuma Saafaadhaan ariʼamee baʼa; Eqroon immoo ni buqqifamti.
因為茄薩將被拋棄,阿市刻隆必被剷除。
5 Yaa Kereetota qarqara galaanaa jiraattan, isiniif wayyoo; yaa Kanaʼaan, biyya Filisxeemotaa, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee sitti dhufeera; “Ani sin barbadeessa; namni tokko iyyuu hin hafu.”
禍哉! 沿海地帶的居民,革勒提民族! 看,這是木攻擊你們的話:培肋舍特地! 我要貶抑你,把你毀滅得再無固民!
6 Biyyi qarqara galaanaa, iddoon Kaliitonni jiraatan, iddoo tiksoonni jiraatanii fi gola bushaayee taʼa.
沿海地帶必將成為牧的牧場,羊群的羊棧。
7 Innis handhuuraa hambaa mana Yihuudaa taʼa; isaan achitti lafa dheedaa argatu. Isaan galgala galgala mana Ashqaloon keessa ciciisu. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan tiksa; boojuu isaaniis ni deebisaaf.
沿海地帶必將歸於猶大家的遺民;他們將沿著海濱放羊,晚上歇息在阿市刻隆的棧房,因為上主他們的天主必看顧他們,轉變他們的境遇。
8 “Ani arrabsoo Moʼaabii fi Qoosaa Amoonotaa, warra saba koo arrabsanii fi biyya isaanii doorsisan sanaa dhagaʼeera.
我聽到了摩阿布的辱罵,阿孟子民火詆詬;他們辱罵了我的百姓,欺凌了我的領域。
9 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel; “Moʼaab dhugumaan akkuma Sodoom, Amoononnis akka Gomoraa, iddoo aramaatii fi boolla soogiddaa, lafa bara baraan one ni taʼu. Hambaan uummata kootii isaan saamu; warri saba koo keessaa badii jalaa baʼan biyya isaanii ni dhaalu.”
為此,我指著我的生命起誓──萬軍的上主,以色列天主火斷語:摩阿布必要像索多瑪,哈孟子民必要像哈摩辣,變為荊棘叢、監堆、荒野,直到永遠。我百姓的遺民要劫掠他們,我民族的殘餘,要佔領他們的產業。
10 Kun gatii isaan of tuulummaa isaaniitiif argatanii dha; isaan saba Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu arrabsanii itti qoosaniiruutii.
這事要臨到他們身上,是由於他們的的傲慢,因為他們辱罵欺凌了萬軍的上主的百姓。
11 Waaqayyo yeroo waaqota biyyattii hunda barbadeessutti, akka malee isaan sodaachisa. Saboonni qarqara galaana hundaa irra jiraatan, namni biyya isaa keessa jiraatu hundinuus isa waaqeffata.
上主必要威嚴地顯示給他們,因為衪要消滅地上的一切神衹;那時異邦各笆島嶼,各從自己的地方朝拜衪。
12 “Yaa warra Itoophiyaa isinis goraadee kootiin ni gorraʼamtu.”
連你們雇士人,也要為我的刀劍所刺透。
13 Inni kaabatti harka ol fudhata; Asoorinis ni barbadeessa; Nanawwee guutumaan guutuutti ni onsa; akkuma gammoojjiitti gogsee hambisa.
衪還要向北方伸出自己的手,為消滅亞述,使尼尼微化為荒地,像杪漠一樣乾旱。
14 Bushaayee fi loon, uumamawwan gosa hundaa achi ciciisu. Urunguu fi dhaddeen utubaa ishee irra boqotu. Sagaleen isaanii foddaawwan keessaan dhagaʼama; diigamni balbala isaanii dura jira; demdemoon birbirsaa hundinuu qullaa hafa.
牲畜和窪地所有的走獸必要臥息息其中,鵜鴣和鵁鶄也棲宿在她的柱頭間,鴟梟在窗上啼叫,烏鴉停門檻上,因為人剝去了她以香柏做的裝飾:
15 Kun magaalaa of hin eegganne kan garuu nagumaan jiraattuu dha. Magaalaan kun, “Anuma qofa malee kan biraa na bira hin jiru” ofiin jette. Isheen akkam akkas ontee, iddoo bineensi bosonaa jiraatu taate! Namni ishee bira baʼee darbu hundinuu ni qoosa; harka isaas ni raasa.
這就是那享樂安居,心想「只有我,沒有別人」的城市! 她如何竟成了荒野,成了野獸的棲所! 凡由她那裏經過的人,莫不嗤笑搖手。

< Sefaaniyaa 2 >