< Zakkaariyaas 1 >

1 Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Zakkaariyaas raajicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
Katika mwezi wa nane mwaka wa pili wa kutawala kwake Dario, neno la Yahwe lilimjia nabii Zekaria, mwana wa Berekia mwana wa Ido, kusema,
2 “Waaqayyo akka malee abbootii keessanitti aaree ture.
“Yawhe alikuwa na hasira sana juu ya baba zenu!
3 Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Wambie, 'Yahwe wa majeshi asema hivi: Nirudieni! - nami nitawarudia ninyi, asema Yahwe wa majeshi.
4 Isin akka abbootii keessan kanneen raajonni durii, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Waaqayyo.
Msiwe kama baba zenu ambao hapo zamani manabii waliwambia, wakisema, “Yahwe wa majeshi asema hivi: Geukeni kutoka katika njia zenu za mbaya na matendo yenu mabaya!” Lakini hawakuweza kusikia wala kunijari - asema Yahwe.'
5 Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonnis bara baraan jiraatuu?
Wako wapi baba zenu? Na manabii, je wapo hapa daima?
6 Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo raajota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee? “Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan.”
Lakini maneno yangu na maagizo niliyowaamru watumishi wangu manabii, je hayakuwapata baba zenu? Hivyo walitubu na kusema, 'Kama vile Yahwe wa majeshi alivyokusudia kututenda kwa kadili zinavyostahili njia na matendo yetu, ndivyo alivyotutenda.”
7 Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
Katika siku ya ishirini na nne ya mwezi wa kumi na moja, ndiyo mwezi wa Shebati, mwaka wa pili wa utawala wa Dario, neno la Yahwe lilimjia nabii Zekaria mwana wa Berekia mwana wa Ido, akasema,
8 Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
“niliona wakati wa usiku, na tazama! mtu alikuwa amepanda farasi mwekundu, naye alikuwa kati ya miti ya mihadasi iliyoko bondeni; na nyuma yake kulikuwa na farasi mwekundu, farasi wa kijivu, na farasi mweupe.”
9 Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe. Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa tures, “Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa” naan jedhe.
Nikauliza, “Bwana, hivi ni vitu gani?” Malaika aliyesema nami akaniambia, “Nitakueleza vitu hivi ni nini.”
10 Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Waaqayyo ergee dha” jedhee naa ibse.
Kisha mtu aliyesimama kati ya miti ya mihadasi akajibu na kusema, “Hawa ndiyo Yahwe aliowatuma kuzunguka katika dunia yote.”
11 Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa Waaqayyoo kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
Wakamjibu malaika wa Yahwe aliyekuwa amesimama kati ya miti ya mihadasi na kumwambia, “Tumekuwa tukizunguka duniani pote; tazama, dunia yote imekaa na kutulia.”
12 Ergamaan Waaqayyoos, “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe.
Ndipo malaika wa Yahwe alipojibu na kusema, “Yahwe wa majeshi, hata lini usiuhurumie Yerusalemu na miji ya Yuda ambayo imeteswa na kudhurumiwa miaka hii sabini?”
13 Waaqayyos dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
Yahwe akamjibu malaika aliyekuwa amesema nami, kwa maneno mazuri, maneno ya faraja.
14 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa;
Hivyo malaika aliyekuwa anaongea nami akaniambia, “Ita kwa sauti na useme 'Yahwe wa majeshi asema: Nina wivu kwa ajili ya Yerusalemu yaani Sayuni kwa uchungu mkubwa!
15 ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
Nami nina hasira juu ya mataifa yaliyo na utulivu. Kwa maana nilikasirika kidogo tu, lakini wao wakasababisha madhara mabaya.
16 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Kwa hiyo Yahwe wa majeshi asema hivi: Nimeirudia Yerusalema kwa huruma. Hivyo nyumba yangu itajengwa ndani yake - asema Yahwe wa majeshi. Kipimo kitanyoshwa juu ya Yerusalemu!
17 “Ammas ittuma fufiitii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Waaqayyos Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’”
Ita tena, ukisema, 'Yahwe wa majeshi asema hivi: Miji yangu kwa mara nyingine itajawa na uzuri, na Yahwe ataifariji tena Sayuni, na kuichagua Yerusalemu kwa mara nyingine tena.”
18 Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture!
Kisha nikainua macho na kuona pembe nne!
19 Anis, “Kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. Innis, “Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha” jedhee naaf deebise.
Nikaongea na malaika aliyesema nami, “Hivi ni vitu gani? Akanijibu “hizi ni pembe zilisosababisha kutawanyika kwa Yuda, Israeli, na Yerusalemu.”
20 Waaqayyos ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise.
Kisha Yahwe akanionesha mafundi stadi wanne.
21 Anis, “Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe. Innis akkana jedhee deebise; “Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan.”
Nikasema, “Watu hawa wanakuja kufanya nini?” Akajibu na kusema, “Hizi ni pembe zililoitawanya Yuda na hakuna mtu angeweza kuinua kichwa chake. Lakini watu hawa wanakuja kuziondoa, kutupa chini pembe za mataifa yaliyoinua nguvu zao kinyume cha nchi ya Yuda na kuisambaza.”

< Zakkaariyaas 1 >