< Zakkaariyaas 9 >

1 Raajiin dubbii Waaqayyoo biyya Hadraakitti ni dhufa; Damaasqoo irras ni buʼa; iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara Waaqayyo ni ilaalaatii;
Annabci. Maganar Ubangiji tana gāba da ƙasar Hadrak za tă kuma sauko a kan Damaskus, gama idanun dukan mutane da na kabilan Isra’ila suna a kan Ubangiji,
2 akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa, isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala.
da kuma a kan Hamat ita ma, wadda ta yi iyaka da ita, da kuma a kan Taya da Sidon, ko da yake suna da hikima ƙwarai.
3 Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; meetii akka awwaaraatti, warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti.
Taya ta gina wa kanta mafaka mai ƙarfi; ta tara azurfa kamar ƙasa, zinariya kuma kamar tarin shara a tituna.
4 Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee galaana irratti barbadeessa; isheenis ibiddaan dhumti.
Amma Ubangiji zai karɓe mallakarta, zai hallaka ikonta da take da shi a kan teku, wuta kuma za tă cinye ta.
5 Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti; Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi; Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii. Gaazaan mootii ishee ni dhabdi; Eqroonis ontee hafti.
Ashkelon za tă ga haka ta ji tsoro; Gaza za tă yi birgima cikin azaba, haka Ekron ma, gama za tă fid da zuciya. Gaza za tă rasa sarkinta za a kuma gudu a bar Ashkelon.
6 Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu; anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa.
Baƙi za su mallaki Ashdod, kuma zan kawar da girman kan Filistiyawa.
7 Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru, nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa. Warri hafanis kan Waaqa keenyaa taʼanii Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu; Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati.
Zan kawar da jini daga bakinsu, zan kuma cire abincin da aka haramta daga tsakanin haƙoransu. Waɗanda za a bari za su zama na Allahnmu, su kuma zama shugabanni a Yahuda, Ekron kuma za tă zama kamar Yebusiyawa.
8 Ani garuu loltuu cabsitee seentu mana koo irraa nan dhowwa. Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu; ani amma dammaqee nan eegaatii.
Amma zan kāre gidana daga sojoji masu kai da kawowa. Azzalumi ba zai ƙara cin mutanena da yaƙi ba, gama yanzu ina tsaro.
9 Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! Yaa Intala Yerusaalem iyyi! Kunoo mootiin kee qajeelaan, fayyina qabatee, gad of qabee harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.
Ki yi murna ƙwarai, ya Diyar Urushalima! Ki yi sowa, Diyar Urushalima! Duba, ga sarkinki yana zuwa wurinki, mai adalci yana kuma da ceto, mai tawali’u yana kuma hawan jaki, yana a kan ɗan aholaki, a kan’yar jaka.
10 Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa, fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa; iddaan waraanaas ni caccaba. Inni sabootatti nagaa ni labsa; bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti, Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata.
Zan ƙwace kekunan yaƙi daga Efraim, da kuma dawakan yaƙi daga Urushalima, za a kuma karya bakan yaƙi. Zai yi shelar salama ga al’ummai. Mulkinsa zai yaɗu daga teku zuwa teku, daga Kogi kuma zuwa ƙarshen duniya.
11 Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee gad nan dhiisa.
Ke kuma, saboda jinin alkawarina da ke, zan’yantar da’yan kurkukunki daga rami marar ruwa.
12 Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa; ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa.
Ku koma maɓuya, ya ku’yan kurkuku masu sa zuciya; ko yanzu ma na sanar cewa zan mayar muku ninki biyu.
13 Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee Efreem keessa nan guuta. Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee ilmaan Giriikitti nan kaasa; siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha.
Zan lanƙwasa Yahuda yadda nake lanƙwasa bakana, in kuma cika ta da Efraim kamar kibiya. Zan tā da’ya’yanki maza, ya Sihiyona, gāba da’ya’yanki, ya Girka, in kuma mai da ke kamar takobin jarumin yaƙi.
14 Waaqayyo isaan irratti ni mulʼata; xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa. Waaqayyo Gooftaan malakata ni afuufa; inni bubbee kibbaatiin deema;
Sa’an nan Ubangiji zai bayyana a bisansu; kibiyarsa za tă wulga kamar walƙiya. Ubangiji Mai Iko Duka zai busa ƙaho; zai taho ta cikin guguwa daga kudu,
15 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isaan eega. Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu. Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu.
Ubangiji Maɗaukaki kuma zai tsare su. Za su hallakar su kuma yi nasara da duwatsun majajjawa. Za su sha su yi kururuwa kamar sun sha ruwan inabi; za su cika kamar kwanon da ake amfani don a yayyafa jini a kusurwoyin bagade.
16 Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana, Waaqayyo Waaqni isaanii gaafas saba isaa ni oolcha. Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti biyya isaa keessatti ni calaqqisu.
Ubangiji Allahnsu zai cece su a wannan rana gama su mutanensa ne da kuma garkensa. Za su haska a cikin ƙasarsa kamar lu’ulu’u a rawani.
17 Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu! Midhaan dargaggoota, daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa.
Za su yi kyan gani da kuma bansha’awa! Hatsi zai sa samari su yi murna, sabon ruwan inabi kuma zai sa’yan mata su yi farin ciki.

< Zakkaariyaas 9 >