< Zakkaariyaas 9 >

1 Raajiin dubbii Waaqayyoo biyya Hadraakitti ni dhufa; Damaasqoo irras ni buʼa; iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara Waaqayyo ni ilaalaatii;
The prophecy of the word of Jehovah is against the land of Hadrach, And upon Damascus shall it come down, For the eye of Jehovah is over man, And over all the tribes of Israel,
2 akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa, isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala.
And against Hamath, which bordereth thereon, And Tyre and Sidon, though she be very wise.
3 Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; meetii akka awwaaraatti, warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti.
Though Tyre hath built her a fortress, And hath heaped up silver as dust, And fine gold as the mire of the streets,
4 Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee galaana irratti barbadeessa; isheenis ibiddaan dhumti.
Behold, the Lord will cast her out, And will smite her power into the sea, And she shall be devoured by fire.
5 Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti; Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi; Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii. Gaazaan mootii ishee ni dhabdi; Eqroonis ontee hafti.
Askelon shall see it and fear, Gaza also shall see and tremble, And Ekron, because her expectation shall be put to shame. The king shall perish from Gaza, And Askelon shall not be inhabited.
6 Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu; anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa.
And strangers shall dwell in Ashdod, And I will cut off the pride of the Philistines.
7 Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru, nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa. Warri hafanis kan Waaqa keenyaa taʼanii Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu; Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati.
And I will take away his blood out of his mouth, And his abominations from between his teeth; And even he shall be left for our God, And he shall be as a governor in Judah, And Ekron as a Jebusite.
8 Ani garuu loltuu cabsitee seentu mana koo irraa nan dhowwa. Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu; ani amma dammaqee nan eegaatii.
And I will encamp about my house, as a garrison, Against him that passeth by and him that returneth, And no oppressor shall pass through them any more; For now have I seen with my own eyes.
9 Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! Yaa Intala Yerusaalem iyyi! Kunoo mootiin kee qajeelaan, fayyina qabatee, gad of qabee harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.
Rejoice greatly, daughter of Zion, Shout, daughter of Jerusalem! Behold, thy king cometh to thee; He is just and victorious, Mild, and riding upon an ass, Even upon a colt, the foal of an ass.
10 Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa, fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa; iddaan waraanaas ni caccaba. Inni sabootatti nagaa ni labsa; bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti, Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata.
And I will cut off the chariot from Ephraim, And the horse from Jerusalem; And the battle-bow shall be cut off. And he shall speak peace to the nations; And his dominion shall be from sea to sea, And from the river to the ends of the earth.
11 Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee gad nan dhiisa.
As for thee also, on account of thy blood-sealed covenant, I will set thy prisoners free from the pit wherein is no water.
12 Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa; ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa.
Return ye to the strong-hold, ye prisoners of hope! Even this day do I declare it: I will restore double unto thee.
13 Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee Efreem keessa nan guuta. Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee ilmaan Giriikitti nan kaasa; siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha.
For I will bend Judah as a bow for myself; As a bow will I extend Ephraim to the utmost; And I will raise up thy sons, O Zion, Against thy sons, O Greece, And make thee as the sword of a mighty man.
14 Waaqayyo isaan irratti ni mulʼata; xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa. Waaqayyo Gooftaan malakata ni afuufa; inni bubbee kibbaatiin deema;
And Jehovah shall be seen over them. And his arrow shall go forth as lightning; And the Lord Jehovah shall blow the trumpet, And shall go forth with whirlwinds of the South.
15 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isaan eega. Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu. Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu.
Jehovah of hosts shall defend them; And they shall devour, and trample under feet the sling-stones, And they shall drink, and shout as through wine, And they shall be filled like a bowl, like the corners of the altar.
16 Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana, Waaqayyo Waaqni isaanii gaafas saba isaa ni oolcha. Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti biyya isaa keessatti ni calaqqisu.
And Jehovah, their God, shall save them in that day; He will save his people as a flock; For they shall be as the stones of a crown, lifting themselves up in his land.
17 Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu! Midhaan dargaggoota, daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa.
How great shall be their prosperity, and how great their beauty! Corn shall make the young men thrive, and new wire the maidens.

< Zakkaariyaas 9 >