< Zakkaariyaas 8 >
1 Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu ammas gara koo dhufe.
又有萬軍上主的話:
2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaa qaba; hinaaffaa isheetiin guggubachaan jira.”
萬軍的上主這樣說:「我以極度的妒愛,愛著熙雍,為了她我發了很大的妒恨。
3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani Xiyoonitti deebiʼee Yerusaalem keessa nan jiraadha. Yerusaalemis Magaalaa Dhugaa jedhamti; tulluun Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuus Tulluu Qulqulluu jedhamee ni waamama.”
上主這樣說:我要返回熙雍,住在耶路撒冷;耶路撒冷將稱為『忠城』,萬軍上主的山將稱為『聖山』」。
4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ammas yeroo tokko jaarsolii fi jaartoliin daandii Yerusaalem irra ni tataaʼu; tokkoon tokkoon isaanii sababii dulluma isaaniitiif ulee harkatti qabatu.
萬軍的上主這樣說:「將有老夫老婦坐在耶路撒冷各街市上,每人因年高老邁,手中扶著拐杖;
5 Daandiin magaalattii ijoollee dhiiraa fi durbaa kanneen achi taphataniin ni guutama.”
城裏街市上,都要滿了男女兒童,在街市上遊戲。
6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
萬軍的上主這樣到那些時日,這事在這百姓眼中是件奇事,難道在我眼中也是件奇事嗎﹖──萬軍上主的斷語。
7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani biyyoota baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu keessaa saba koo nan baasa.
萬軍的上主這樣說:看,我要由日出之地和日落之地救回我的百姓;
8 Ani akka isaan Yerusaalem keessa jiraataniif isaan nan deebisa; isaan saba koo ni taʼu; anis dhugaa fi qajeelummaadhaan Waaqa isaanii nan taʼa.”
我要本著忠實和正義,領他們回來,住在耶路撒冷;他們要作我的百姓,我要作他們的天主」。
9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isin warri amma dubbii raajonni yeroo hundeen mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu buufametti achi turan dubbatan kana dhageessan, akka manni qulqullummaa ijaaramuuf irreen keessan haa jabaatu.
萬軍的上主這樣說:「當建築萬軍的上主殿,奠基的時日,你們由先知口中聽見這話的人,應加強你們的手臂。
10 Yeroo sanaan dura mindaan tokko iyyuu namaaf yookaan horiif hin baafamu turre. Namni tokko iyyuu sababii diina isaatiif nagaadhaan hojii isaatiif baʼee hin galu ture; ani nama hunda walitti kaaseen tureetii.
既使在這些日子以前,人得不到工資,牲畜也沒有報酬,因為我曾使人互相攻擊;
11 Garuu ani amma akkan duraan hojjedhe sana hambaa saba kanaatti hin hojjedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
但是現今我對待這百姓的遺民,決不像住日一樣──萬軍上主的斷語。
12 “Sanyiin akka gaarii biqila; mukni wayiniis ija naqata; lafti midhaan kenniti; samiiwwanis fixeensa isaanii coccobsu. Ani waan kana hunda dhaala godhee hambaa saba kanaatiif nan kenna.
因為我要散播和平;葡萄園必結果實,土地必有出產,上天必降甘露;我必要使這百姓的遺民獲得這一切。
13 Yaa Yihuudaa fi Israaʼel akkuma isin saboota gidduutti waan abaarsaa turtan sana, ani isin baasee akka isin eebba taatan nan godha. Harki keessan haa jabaatuu malee hin sodaatinaa.”
猶大家和以色列家,昔日你們在異民中怎樣成為可詛咒的,將來我也要照樣拯救你們,使你們受人祝福;你們不要害怕,應加強你們的手臂!
14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani akkuma gaafa abbootiin keessan na aarsanitti balaa isinitti fiduu yaadee isinii naʼuu dide sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu;
因為萬軍的上主這樣說:就如你們的祖先惹我發怒的時候,我曾決意懲罰你們──萬軍的上主說──而毫不動情;
15 “Kanaafuu ani amma Yerusaalemii fi Yihuudaaf waan gaarii hojjechuu murteesseera. Isin hin sodaatinaa.
照樣,在這些日子裏,我也要決意善待耶路撒冷和猶大家;你們不要害怕!
16 Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa;
你們應該遵行的訓令是:彼此談話要誠實,在城門口應作公正與和平的裁判;
17 ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha Waaqayyo.
不可人中圖謀惡事,彼此相害,也不可喜歡發假誓,因為這一切都是我所憎惡的──上主的斷語。」
18 Ammas dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu gara koo dhufe.
萬軍上主的話傳給我說:
19 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Soomni jiʼa afuraffaa, shanaffaa, torbaffaa fi kurnaffaa Yihuudaaf yeroo gammachuu fi ililchuu, akkasumas yeroo ayyaana gammachuu taʼa. Kanaafuu dhugaa fi nagaa jaalladhaa.”
「萬軍的上主這樣說:四月的齋戒、七月的齋戒,為猶大家將變為愉快和喜樂以及歡躍的佳節;但你們應愛好忠實與和平」。
20 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Uummanni hedduunii fi jiraattonni magaalaa hedduun ammas ni dhufu;
萬軍的上主這樣說:「還有許多民族和各大城市的居民要前來;
21 jiraattonni magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa dhaqanii, ‘Kottaa mee Waaqayyo kadhachuu fi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuuf dafnee haa deemnu. Ani mataan koo iyyuu nan deema’ jedhu.
一城的居民到另一 城去,向該城的固民說:我們快去懇求上主開恩,去尋求萬軍的上主! ──我也同去。」
22 Uummanni baayʼeenii fi saboonni humna qabeeyyiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuu fi isa kadhachuuf gara Yerusaalem ni dhufu.”
將有許多民族和強盛的國民,來到耶路撒冷尋求萬軍的上主,懇求上主開恩。
23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Bara sana keessa afaanii fi saba hunda keessaa namoonni kudhan dhufanii handaara wandaboo namicha Yihuudii tokkoo qabatanii, ‘Nu akka Waaqni isin wajjin jiru waan dhageenyeef, si wajjin haa deemnu’ jedhuun.”
萬軍的上主這樣說:「在那日子裏,十個說異國方言的人將抓住一個猶太人的衣服說:我們要同你們一起去,因為我們聽說天主與你們在一起」。