< Zakkaariyaas 8 >
1 Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu ammas gara koo dhufe.
Awa ndi mawu amene Yehova Wamphamvuzonse ananena.
2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaa qaba; hinaaffaa isheetiin guggubachaan jira.”
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Ine ndikuchitira nsanje yayikulu Ziyoni. Mtima wanga ukupweteka chifukwa cha nsanje pa iyeyo.”
3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani Xiyoonitti deebiʼee Yerusaalem keessa nan jiraadha. Yerusaalemis Magaalaa Dhugaa jedhamti; tulluun Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuus Tulluu Qulqulluu jedhamee ni waamama.”
Yehova akuti, “Ndidzabwerera ku Ziyoni ndi kukakhala ku Yerusalemu. Pamenepo Yerusalemu adzatchedwa Mzinda wa Choonadi ndipo phiri la Yehova Wamphamvuzonse lidzatchedwa Phiri Lopatulika.”
4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ammas yeroo tokko jaarsolii fi jaartoliin daandii Yerusaalem irra ni tataaʼu; tokkoon tokkoon isaanii sababii dulluma isaaniitiif ulee harkatti qabatu.
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Abambo ndi amayi okalamba adzakhalanso mʼmisewu ya mu Yerusalemu, aliyense ali ndi ndodo mʼmanja mwake chifukwa cha kuchuluka kwa masiku ake.
5 Daandiin magaalattii ijoollee dhiiraa fi durbaa kanneen achi taphataniin ni guutama.”
Ndipo misewu ya mu mzindamo idzadzaza ndi anyamata ndi atsikana akusewera.”
6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Ngati zikuoneka kuti nʼzosatheka kwa anthu otsala pa nthawi ino, kodi zidzakhala zosathekanso kwa Ine?” akutero Yehova Wamphamvuzonse.
7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani biyyoota baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu keessaa saba koo nan baasa.
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Taonani ndidzapulumutsa anthu anga kuchokera ku mayiko a kummawa ndi kumadzulo.
8 Ani akka isaan Yerusaalem keessa jiraataniif isaan nan deebisa; isaan saba koo ni taʼu; anis dhugaa fi qajeelummaadhaan Waaqa isaanii nan taʼa.”
Ndidzawabweretsa kuti adzakhale mu Yerusalemu; adzakhala anthu anga, ndipo Ine ndidzakhala Mulungu wawo, wokhulupirika ndi wolungama pakati pawo.”
9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isin warri amma dubbii raajonni yeroo hundeen mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu buufametti achi turan dubbatan kana dhageessan, akka manni qulqullummaa ijaaramuuf irreen keessan haa jabaatu.
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Inu amene tsopano mukumva mawu awa amene akuyankhula aneneri amene analipo pamene ankayika maziko a nyumba ya Yehova Wamphamvuzonse, ‘limbani mtima kuti mumange Nyumba ya Yehova.’
10 Yeroo sanaan dura mindaan tokko iyyuu namaaf yookaan horiif hin baafamu turre. Namni tokko iyyuu sababii diina isaatiif nagaadhaan hojii isaatiif baʼee hin galu ture; ani nama hunda walitti kaaseen tureetii.
Mpaka nthawi imeneyi panalibe munthu wolandira malipiro pa ntchito kapena ndalama zolipirira nyama zogwira ntchito. Panalibe munthu amene ankadzigwirira ntchito mwamtendere chifukwa choopa adani ake, pakuti Ine ndinkawayambanitsa.
11 Garuu ani amma akkan duraan hojjedhe sana hambaa saba kanaatti hin hojjedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Koma tsopano sindidzachitira otsala mwa anthu awa zomwe ndinachita kale,” akutero Yehova Wamphamvuzonse.
12 “Sanyiin akka gaarii biqila; mukni wayiniis ija naqata; lafti midhaan kenniti; samiiwwanis fixeensa isaanii coccobsu. Ani waan kana hunda dhaala godhee hambaa saba kanaatiif nan kenna.
“Pakuti mbewu zidzamera bwino, mpesa udzabala zipatso zake, nthaka idzatulutsa zomera zake, ndi thambo lidzagwetsa mame. Ndidzapereka zonse kukhala cholowa cha otsala mwa anthu awa.
13 Yaa Yihuudaa fi Israaʼel akkuma isin saboota gidduutti waan abaarsaa turtan sana, ani isin baasee akka isin eebba taatan nan godha. Harki keessan haa jabaatuu malee hin sodaatinaa.”
Monga mwakhala muli chinthu chotembereredwa pakati pa mitundu ina ya anthu, inu Yuda ndi Israeli, choncho ndidzakupulumutsani, ndipo mudzakhala dalitso. Musachite mantha, koma limbani mtima.”
14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani akkuma gaafa abbootiin keessan na aarsanitti balaa isinitti fiduu yaadee isinii naʼuu dide sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu;
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Monga ndinatsimikiza mtima kubweretsa choyipa pa inu, komanso osakuchitirani chisoni pamene makolo anu anandikwiyitsa,” akutero Yehova,
15 “Kanaafuu ani amma Yerusaalemii fi Yihuudaaf waan gaarii hojjechuu murteesseera. Isin hin sodaatinaa.
“Choncho tsopano ndatsimikiza mtima kuchitiranso zabwino Yerusalemu ndi Yuda. Musachite mantha.
16 Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa;
Zinthu zoti muchite ndi izi: Muziwuzana zoona zokhazokha, muziweruza moona ndi mwachilungamo mʼmabwalo anu;
17 ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha Waaqayyo.
musamachitire mnzanu chiwembu, musamakonde kulumbira zonama. Zonsezi Ine ndimadana nazo,” akutero Yehova.
18 Ammas dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu gara koo dhufe.
Yehova Wamphamvuzonse anayankhulanso nane.
19 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Soomni jiʼa afuraffaa, shanaffaa, torbaffaa fi kurnaffaa Yihuudaaf yeroo gammachuu fi ililchuu, akkasumas yeroo ayyaana gammachuu taʼa. Kanaafuu dhugaa fi nagaa jaalladhaa.”
Ndipo ananena kuti, “Kusala zakudya kwa pa mwezi wachinayi, chisanu, chisanu ndi chiwiri ndi wakhumi, kudzakhala nthawi yachimwemwe, ya chisangalalo ndi nthawi ya madyerero chikondwerero kwa Yuda. Nʼchifukwa chake muzikonda choonadi ndi mtendere.”
20 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Uummanni hedduunii fi jiraattonni magaalaa hedduun ammas ni dhufu;
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Anthu a mitundu yambiri ndi anthu okhala mʼmizinda yambiri adzabwerabe,
21 jiraattonni magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa dhaqanii, ‘Kottaa mee Waaqayyo kadhachuu fi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuuf dafnee haa deemnu. Ani mataan koo iyyuu nan deema’ jedhu.
ndipo nzika za mzinda wina zidzapita ku mzinda wina, kukanena kuti, ‘Tiyeni mwamsanga tikapemphe madalitso kwa Yehova ndi kukapembedza Yehova Wamphamvuzonse. Inenso ndikupita kumeneko.’
22 Uummanni baayʼeenii fi saboonni humna qabeeyyiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuu fi isa kadhachuuf gara Yerusaalem ni dhufu.”
Anthu ambiri ndiponso a ku mayiko amphamvu adzabwera ku Yerusalemu kudzapembedza Yehova Wamphamvuzonse ndi kudzapempha madalitso.”
23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Bara sana keessa afaanii fi saba hunda keessaa namoonni kudhan dhufanii handaara wandaboo namicha Yihuudii tokkoo qabatanii, ‘Nu akka Waaqni isin wajjin jiru waan dhageenyeef, si wajjin haa deemnu’ jedhuun.”
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Masiku amenewo anthu khumi ochokera ku mitundu ya anthu a ziyankhulo zosiyana adzagwira mkanjo wa Myuda ndi kunena kuti, ‘Tipite nawo, chifukwa tamva kuti Mulungu ali nanu.’”