< Zakkaariyaas 6 >

1 Ani ammas ol nan milʼadhe; kunoo gaariiwwan afur kanneen gaarran lama jechuunis tulluuwwan naasii gidduu gad baʼan nan arge!
Again I lifted up my eyes, and saw, and behold, four chariots came out from between two mountains; and the mountains were mountains of bronze.
2 Gaariin jalqabaa fardeen didiimoo, lammaffaan gugurraa,
In the first chariot were red horses. In the second chariot were black horses.
3 sadaffaan adaadii, afuraffaan immoo farda daamaa qaba ture; isaan hundinuu jajjaboo turan.
In the third chariot were white horses. In the fourth chariot were dappled horses, all of them powerful.
4 Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
Then I asked the angel who talked with me, “What are these, my lord?”
5 Ergamaan Waaqayyoo sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota samii afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha.
The angel answered me, “These are the four winds of the sky, which go out from standing before the Lord of all the earth.
6 Kan fardeen gugurraa qabu gara biyya kaabaa deema; kan fardeen adaadii qabu gara biyya lixa biiftuu deema; kan fardeen daamaa qabu immoo gara biyya kibbaa deemaa.”
The one with the black horses goes out towards the north country; and the white went out after them; and the dappled went out towards the south country.”
7 Fardeen jajjaboon sun yeroo gad baʼanitti guutummaa lafaa irra asii fi achi deemuu barbaadanii turan. Innis “Guutummaa lafaa irra deemaa!” jedheen. Kanaafuu isaan guutummaa lafaa irra deeman.
The strong went out, and sought to go that they might walk back and forth through the earth. He said, “Go around and through the earth!” So they walked back and forth through the earth.
8 Ergasii inni na waamee, “Ilaali, warri gara biyya kaabaa deeman sun biyya kaabaatti Hafuura koo boqochiisaniiru” naan jedhe.
Then he called to me, and spoke to me, saying, “Behold, those who go towards the north country have quieted my spirit in the north country.”
9 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
The LORD’s word came to me, saying,
10 “Boojiʼamtoota Baabilon irraa dhufan jechuunis Heldaayi, Xoobbiyaa fi Yedaaʼiyaa irraa meetii fi warqee fuudhi. Gaafasuma gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi.
“Take of them of the captivity, even of Heldai, of Tobijah, and of Jedaiah; and come the same day, and go into the house of Josiah the son of Zephaniah, where they have come from Babylon.
11 Meetii fi warqee sana fuudhiitii gonfoo tolchi; gonfoo sanas mataa Iyyaasuu lubicha ol aanaa ilma Yehoozaadaaq irra kaaʼi.
Yes, take silver and gold, and make crowns, and set them on the head of Joshua the son of Jehozadak, the high priest;
12 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii itti himi: ‘Kunoo namichi maqaan isaa Damee jedhamu tokko as jira; innis damee baasee iddoo isaatii dagaagee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaara.
and speak to him, saying, ‘The LORD of Armies says, “Behold, the man whose name is the Branch! He will grow up out of his place; and he will build the LORD’s temple.
13 Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaru isa; inni ulfina uffatee teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha. Inni teessoo isaa irratti luba taʼa. Walii galteen nagaas isaan lamaan gidduu ni jiraata.’
He will build the LORD’s temple. He will bear the glory, and will sit and rule on his throne. He will be a priest on his throne. The counsel of peace will be between them both.
14 Gonfoon sunis yaadannoo Heelem, Xoobbiyaa, Yedaaʼiyaatii fi Heeni ilma Sefaaniyaa tiif mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ni kaaʼama.
The crowns shall be to Helem, to Tobijah, to Jedaiah, and to Hen the son of Zephaniah, for a memorial in the LORD’s temple.
15 Warri fagoo jiraatan dhufanii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqayyoo ni gargaaru; isinis akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. Yoo isin akka gaarii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamtan wanni kun ni taʼa.”
Those who are far off shall come and build in the LORD’s temple; and you shall know that the LORD of Armies has sent me to you. This will happen, if you will diligently obey the LORD your God’s voice.”’”

< Zakkaariyaas 6 >