< Zakkaariyaas 5 >
1 Ani ammas ol milʼadhe; kunoo kitaabni maramaan barrisu tokko fuula koo dura ture!
And I lifted up mine eyes again, and saw, and behold, a flying roll.
2 Ergamaan Waaqayyoo sunis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. Anis, “Kunoo ani kitaaba maramaa dhundhuma digdama dheeratee dhundhuma kudhan balʼatu tokko nan arga” jedheen deebise.
And he said unto me, What seest thou? And I said, I see a flying roll: the length thereof is twenty cubits, and the breadth thereof ten cubits.
3 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Kun abaarsa lafa hundumatti dhufaa jiruu dha; akka kitaabicha irratti barreeffametti, hattuun hundinuu ni barbadoofti; akkuma barreeffamni gama kaan irraa jedhutti namni sobaan kakatu hundinuu ni barbadeeffama.
And he said unto me, This is the curse that goeth forth over the face of the whole land: for every one that stealeth shall be cut off according to it on this side; and every one that sweareth shall be cut off according to it on that side.
4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani abaarsa kana gad nan erga; innis mana hattuutii fi mana nama sobaan maqaa kootiin kakatuu ni seena. Abaarsi kun mana isaa keessatti hafee, mana isaa, muka isaatii fi dhagaa isaa ni barbadeessa.’”
I will cause it to go forth, saith Jehovah of hosts, and it shall enter into the house of the thief, and into the house of him that sweareth falsely by my name; and it shall lodge in the midst of his house, and shall consume it with the timber thereof and the stones thereof.
5 Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun dhufee, “Mee ol jedhii waan dhufaa jiru sana ilaali” naan jedhe.
And the angel that talked with me went forth, and said unto me, Lift up now thine eyes, and see what is this that goeth forth.
6 Anis, “Inni maali?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kun quunnaa ittiin waa safaranii dha” jedhee deebise. Ammas itti dabalee, “Kun hammina saba guutummaa lafaa irra jiraatuu ti” jedhe.
And I said, What is it? And he said, This is the ephah that goeth forth. And he said, This is their resemblance in all the land.
7 Ergasii qadaadni dilaalii irraa hojjetame irraa ol fuudhame; kunoo dubartiin tokko quunnaa sana keessa teessee turte!
And behold, there was lifted up a round plate of lead; and this is a woman that sitteth in the midst of the ephah.
8 Innis, “Kun hammina” jedhe; ergasii quunnaa keessatti gad ishee dhiibee qadaada dilaalii irraa hojjetame sana afaan quunnaatti deebise.
And he said, This is Wickedness: and he cast her into the midst of the ephah; and he cast the weight of lead upon the mouth thereof.
9 Ergasii ani ol nan milʼadhe; kunoo dubartoonni qoochoo isaanii jalaa bubbee qaban lama fuula koo dura turan! Isaanis qoochoo akka qoochoo huummoo qabu ture; quunnaa sanas samii fi lafa gidduutti ol fuudhan.
And I lifted up mine eyes, and saw, and behold, there came out two women, and the wind was in their wings; and they had wings like the wings of a stork; and they lifted up the ephah between the earth and the heavens.
10 Anis, “Isaan quunnaa sana eessatti geessu?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
And I said to the angel that talked with me, Whither do these carry the ephah?
11 Innis, “Mana ijaaruuf jedhanii gara biyya Baabilonitti geessu. Yeroo manni sun ijaaramee qopheeffamutti quunnaa sana fuudhanii iddoo isaa kaaʼu.”
And he said unto me, To build it a house in the land of Shinar; and it shall be established, and set there upon its own base.