< Zakkaariyaas 4 >

1 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun deebiʼee akkuma nama hirribaa dammaqfamuutti na dammaqse.
Afei, ɔbɔfoɔ a ɔne me kasaeɛ no sanee nʼakyi bɛnyanee me, sɛdeɛ wɔnyane obi firi ne nna mu no.
2 Innis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. Anis akkana jedheen deebise; “Ani baattuu ibsaa kan guutumaan guututti warqee taʼe cuggeen tokkos isa irra dhaabamee, ibsaawwan torba of irraa qabu kan ibsaawwan sanaaf ujummoowwan torba qabu tokko nan arga.
Ɔbisaa me sɛ, “Ɛdeɛn na wohunu yi?” Mebuaa sɛ, “Mehunu kaneadua a wɔde sikakɔkɔɔ ayɛ a kuruwa si so, na nkanea nson a ebiara wɔ ne dorobɛn sisi so.
3 Akkasumas mukkeen ejersaa lama, tokko karaa mirga cuggeetiin, kaan immoo karaa bitaa cuggeetiin jira.”
Bio, ngo nnua mmienu sisi ho, baako wɔ kuruwa no nifa so, ɛna baako nso wɔ ne benkum so.”
4 Anis, “Yaa gooftaa wanni kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
Mebisaa ɔbɔfoɔ a ɔne me kasaeɛ no sɛ, “Yeinom yɛ ɛdeɛn, me wura?”
5 Inni immoo, “Ati isaan maal akka taʼan hin beektuu?” jedhee naaf deebise. Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” jedheen deebise.
Ɔbuaa sɛ, “Wonnim deɛ yeinom yɛ anaa?” Mekaa sɛ, “Dabi, me wura.”
6 Kanaafuu inni akkana naan jedhe; “Kun dubbii Waaqayyoo kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Enti ɔka kyerɛɛ me sɛ, “Yei ne Awurade asɛm a ɔde rekɔma Serubabel: ‘Ɛnyɛ tumi so, na ɛnyɛ ahoɔden nso so, na mmom, ɛnam me Honhom so,’ sɛdeɛ Asafo Awurade seɛ nie.
7 “Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa.”
“Woyɛ ɛdeɛn, Ao bepɔ kɛseɛ? Wobɛyɛ asase tamaa wɔ Serubabel anim. Afei ɔde aboɔ fɛfɛ no bɛba abɛhyia osebɔ sɛ, ‘Onyankopɔn nhyira so! Onyankopɔn nhyira so!’”
8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Na Awurade asɛm baa me nkyɛn sɛ:
9 “Harki Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa buuseera; harkuma isaatu ijaaree fixa. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu.
“Ɛnam Serubabel nsa so na wɔtoo asɔredan yi fapem, na ɛnam ne nsa so na wɔbɛwie. Na mobɛhunu sɛ, Asafo Awurade na wasoma me mo nkyɛn.
10 “Eenyutu guyyicha waan xinnoo tuffata? Namoonni gaafa harka Zarubaabel keessatti tunbii arganitti ni ililchu. Wantoonni torban kunneen ijawwan Waaqayyoo kanneen lafa hunda irra nanaannaʼanii ilaalanii dha.”
“Hwan na ɔbu nneɛma nketenkete mfiaseɛ ɛda animtiaa? Sɛ nnipa hunu sɛ Serubabel kura kyirebenn susu ahoma no a, wɔn ani bɛgye. “(Saa ani nson yi yɛ Awurade ani a ɛhwɛ ewiase afanan nyinaa.)”
11 Anis, “Mukkeen ejersaa lamaan karaa mirgaa fi bitaa baattuu ibsaa jiran kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo sana gaafadhe.
Na mebisaa ɔbɔfoɔ no sɛ, “Saa ngo nnua mmienu no a ɛsisi kanea dua no nifa ne benkum no yɛ ɛdeɛn?”
12 Ammas ani, “Dameen muka ejersaa lamaan ujummoo warqee lamaan biraa kanneen zayitii warqee gad dhangalaasan kunneen maali!” jedheen isa gaafadhe.
Na mebisaa no bio sɛ, “Ngodua mman mmienu a ɛhwie ngo a ani yɛ akokɔsradeɛ fa sikakɔkɔɔ dorobɛn mmienu no mu no yɛ ɛdeɛn?”
13 Innis, “Isaan maal akka taʼan ati hin beektuu?” naan jedhe. Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” nan jedheen.
Ɔbuaa sɛ, “Enti wonnim deɛ yeinom yɛ anaa?” Mebuaa sɛ, “Dabi, me wura.”
14 Kanaafuu inni, “Isaan kunneen warra lamaan akka Gooftaa lafa hundaa tajaajilaniif dibamanii dha” jedhe.
Nti ɔkaa sɛ, “Yeinom ne mmienu a wɔasra wɔn ngo sɛ wɔnsom Awurade a ɔdi ewiase nyinaa so.”

< Zakkaariyaas 4 >