< Zakkaariyaas 4 >
1 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun deebiʼee akkuma nama hirribaa dammaqfamuutti na dammaqse.
Then the messenger who talked with me came again and woke me, as someone who is woken from sleep.
2 Innis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. Anis akkana jedheen deebise; “Ani baattuu ibsaa kan guutumaan guututti warqee taʼe cuggeen tokkos isa irra dhaabamee, ibsaawwan torba of irraa qabu kan ibsaawwan sanaaf ujummoowwan torba qabu tokko nan arga.
He said to me, “What do you see?” I said, “I see a candlestick, all of gold, with a bowl on its top, and seven lamps on it. There are seven pipes to each of the lamps, which are on its top,
3 Akkasumas mukkeen ejersaa lama, tokko karaa mirga cuggeetiin, kaan immoo karaa bitaa cuggeetiin jira.”
and two olive trees next to it, one on the right side of the bowl, and the other on its left side.”
4 Anis, “Yaa gooftaa wanni kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
I said to the messenger who talked with me, “What are these, my lord?”
5 Inni immoo, “Ati isaan maal akka taʼan hin beektuu?” jedhee naaf deebise. Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” jedheen deebise.
Then the messenger who talked with me answered, “Don’t you know what these are?” And I said. “No, my lord.”
6 Kanaafuu inni akkana naan jedhe; “Kun dubbii Waaqayyoo kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
He said to me, “This is the message of the Lord regarding Zerubbabel: Not by might, nor by power, but by my spirit, says the Lord of hosts,
7 “Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa.”
will I make the great mountain before Zerubbabel a plain. He will bring forth the top stones with shoutings of, ‘Grace, grace, to it.’”
8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Moreover this message of the Lord came to me:
9 “Harki Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa buuseera; harkuma isaatu ijaaree fixa. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu.
The hands of Zerubbabel have laid the foundation of this house. His hands will also finish it. Then you will know that the Lord of hosts has sent me to you.
10 “Eenyutu guyyicha waan xinnoo tuffata? Namoonni gaafa harka Zarubaabel keessatti tunbii arganitti ni ililchu. Wantoonni torban kunneen ijawwan Waaqayyoo kanneen lafa hunda irra nanaannaʼanii ilaalanii dha.”
For who has despised the day of small things? They will rejoice, and will see the plumb line in the hand of Zerubbabel. (The seven lamps are the eyes of the Lord that search all around the world.)
11 Anis, “Mukkeen ejersaa lamaan karaa mirgaa fi bitaa baattuu ibsaa jiran kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo sana gaafadhe.
Again I asked, “What are these two olive trees on the right side of the candlestick and on its left side?”
12 Ammas ani, “Dameen muka ejersaa lamaan ujummoo warqee lamaan biraa kanneen zayitii warqee gad dhangalaasan kunneen maali!” jedheen isa gaafadhe.
Again, “What are these two branches of the olive trees, which are pouring out the golden oil through the two golden pipes?”
13 Innis, “Isaan maal akka taʼan ati hin beektuu?” naan jedhe. Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” nan jedheen.
He answered me, “Don’t you now what these are?” And I said, “No, my lord.”
14 Kanaafuu inni, “Isaan kunneen warra lamaan akka Gooftaa lafa hundaa tajaajilaniif dibamanii dha” jedhe.
Then he explained, “They are the two anointed ones who attend the Lord of all the earth.”