< Zakkaariyaas 3 >

1 Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa Waaqayyoo dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise.
Kisha Yahwe akanionesha Yoshua kuhani mkuu amesimama mbele za malaika wa Yahwe na Shetani amesimama mkono wake wa kushoto kumshitaki kwa ajili ya dhambi.
2 Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, Waaqayyo si haa ifatu! Waaqayyo inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”
Malaika wa Yahwe akamwambia Shetani, “Yahwe na akukemee, Yahwe, aliyeuchagua Yerusalemu, akukemee! Je hiki si kinga kilichotolewa motoni”
3 Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture.
Yoshua alikuwa na mavazi machafu aliposimama mbele ya malaika.
4 Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe. Innis ergasii Iyyaasuudhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe.
Malaika akawaambia waliosimama mbele yake, “Mvulisheni hayo mavazi machafu.” Kisha akamwambia Yoshua, “Tazama! nimeuondoa uovu wako na nitakuvika mavazi safi.”
5 Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan Waaqayyoo sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.
Haya wamvike kilemba safi kichwani!” Hivyo wakaweka kilemba safi kichwani pa Yoshua na wakamvika mavazi safi wakati malaika wa Yahwe amesimama kando.
6 Ergamaan Waaqayyoo sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne:
Kisha malaika wa Yahwe akamwagiza Yoshua na kusema,
7 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.
Yahwe wa majeshi asema hivi: “Ikiwa utatembea katika njia zangu, na kutunza amri zangu, ndipo utakapoisimamia nyumba yangu na kulinda nyua zangu, kwa maana nitakuruhusu kwenda na kutoka kati ya wasimamao mbele zangu.
8 “‘Yaa Iyyaasuu lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida.
WeweYoshua kuhani mkuu na wenzako wanaoishi nawe! Sikilizeni. Watu hawa ni ishara, kwa kuwa mimi mwenyewe nitamwinua mtumishi wangu aitwaye Tawi.
9 Dhagaa ani fuula Iyyaasuu dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.
Tazameni jiwe nililoliweka mbele ya Yoshua. Kuna macho saba juu ya jiwe hili moja, nami nitaandika maneno juu yake - asema Yahwe wa majeshi - nami nitaondoa dhambi katika nchi hii kwa siku moja.
10 “‘Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
Katika siku hiyo kila mtu atamwalika jirani yake kukaa chini ya mzabibu na mtini wake.” asema Yahwe wa majeshi.

< Zakkaariyaas 3 >