< Zakkaariyaas 2 >

1 Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture!
ואשא עיני וארא והנה איש ובידו חבל מדה׃
2 Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe. Innis, “Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema” jedhee naaf deebise.
ואמר אנה אתה הלך ויאמר אלי למד את ירושלם לראות כמה רחבה וכמה ארכה׃
3 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee
והנה המלאך הדבר בי יצא ומלאך אחר יצא לקראתו׃
4 akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati.
ויאמר אלו רץ דבר אל הנער הלז לאמר פרזות תשב ירושלם מרב אדם ובהמה בתוכה׃
5 Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha Waaqayyo.
ואני אהיה לה נאם יהוה חומת אש סביב ולכבוד אהיה בתוכה׃
6 “Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa” jedha Waaqayyo; “Ani bubbee samii afranitti isin bittinneesseeraatii” jedha Waaqayyo.
הוי הוי ונסו מארץ צפון נאם יהוה כי כארבע רוחות השמים פרשתי אתכם נאם יהוה׃
7 “Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!”
הוי ציון המלטי יושבת בת בבל׃
8 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee,
כי כה אמר יהוה צבאות אחר כבוד שלחני אל הגוים השללים אתכם כי הנגע בכם נגע בבבת עינו׃
9 akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.
כי הנני מניף את ידי עליהם והיו שלל לעבדיהם וידעתם כי יהוה צבאות שלחני׃
10 “Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha Waaqayyo.
רני ושמחי בת ציון כי הנני בא ושכנתי בתוכך נאם יהוה׃
11 “Bara sana saboonni hedduun gara Waaqayyootti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta.
ונלוו גוים רבים אל יהוה ביום ההוא והיו לי לעם ושכנתי בתוכך וידעת כי יהוה צבאות שלחני אליך׃
12 Waaqayyo akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata.
ונחל יהוה את יהודה חלקו על אדמת הקדש ובחר עוד בירושלם׃
13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Waaqayyoo duratti calʼisaa.”
הס כל בשר מפני יהוה כי נעור ממעון קדשו׃

< Zakkaariyaas 2 >