< Zakkaariyaas 13 >

1 “Gaafas mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama.
“Katika siku hiyo, chemchemi itafunguliwa kwa nyumba ya Daudi na wakazi wa Yerusalemu, kuwatakasa dhambi na unajisi.
2 “Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa.
“Katika siku hiyo, nitayakatilia mbali majina ya sanamu kutoka nchi, nayo hayatakumbukwa tena,” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote. “Nitaondoa manabii wao pamoja na roho ya uchafu katika nchi.
3 Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu.
Ikiwa yupo yeyote atakayeendelea kutabiri, baba yake na mama yake waliomzaa watamwambia, ‘Ni lazima ufe, kwa sababu umesema uongo kwa jina la Bwana.’ Atakapotabiri, wazazi wake mwenyewe watampasua tumbo.
4 “Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu.
“Katika siku hiyo, kila nabii ataaibika kwa maono ya unabii wake. Hatavaa vazi la kinabii la nywele ili apate kudanganya watu.
5 Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha.
Atasema, ‘Mimi sio nabii. Mimi ni mkulima; ardhi imekuwa kazi yangu tangu ujana wangu.’
6 Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa.
Ikiwa mtu atamuuliza, ‘Majeraha haya yaliyo mwilini mwako ni ya nini?’ Atajibu, ‘Ni majeraha niliyoyapata katika nyumba ya rafiki zangu.’
7 “Yaa goraadee, tiksee kootti, nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ati tiksee rukuti; hoolonni ni bittinneeffamu; anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha.
“Amka, ee upanga, dhidi ya mchungaji wangu, dhidi ya mtu aliye karibu nami!” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote. “Mpige mchungaji, nao kondoo watatawanyika, nami nitageuza mkono wangu dhidi ya walio wadogo,
8 Lafa hunda irratti” jedha Waaqayyo, “Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada; taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa.
katika nchi yote,” asema Bwana, “theluthi mbili watapigwa na kuangamia; hata hivyo theluthi moja watabaki ndani yake.
9 Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa; akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa; akka warqeetti isaan nan qora. Isaan maqaa koo ni waammatu; anis deebii nan kennaaf; ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha; isaan immoo, ‘Waaqayyo Waaqa keenya’ jedhu.”
Hii theluthi moja nitaileta katika moto; nitawasafisha kama fedha isafishwavyo na kuwajaribu kama dhahabu. Wataliitia Jina langu nami nitawajibu; nitasema, ‘Hawa ni watu wangu,’ nao watasema, ‘Bwana ni Mungu wetu.’”

< Zakkaariyaas 13 >