< Zakkaariyaas 13 >

1 “Gaafas mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama.
En ce jour-là, il y aura une source ouverte à la maison de David et aux habitants de Jérusalem pour laver le péché et la souillure.
2 “Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa.
Et il arrivera en ce jour-là, — oracle de Yahweh des armées: J’abolirai du pays les noms des idoles, et on n’en fera plus mention; et j’ôterai aussi du pays les prophètes et l’esprit d’impureté.
3 Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu.
Et si quelqu’un prophétise encore, son père et sa mère, qui l’ont engendré, lui diront: « Tu ne vivras pas, car tu as dit des mensonges, au nom de Yahweh! » Et son père et sa mère, qui l’ont engendré, le transperceront pendant qu’il prophétisera.
4 “Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu.
Et il arrivera en ce jour-là: Les prophètes auront honte, chacun de sa vision quand il prophétisera, et ils ne revêtiront plus le manteau de poil, en vue de mentir.
5 Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha.
Tel dira: « Je ne suis pas prophète, moi; moi, je suis un homme qui cultive la terre, car un homme m’a acheté dès ma jeunesse. »
6 Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa.
Et on lui dira: « Qu’est-ce que ces blessuresà tes mains? » et il répondra: « J’ai reçu ces coups dans la maison de mes amis. »
7 “Yaa goraadee, tiksee kootti, nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ati tiksee rukuti; hoolonni ni bittinneeffamu; anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha.
Epée, réveille-toi contre mon pasteur, contre l’homme qui est mon compagnon, — oracle de Yahweh des armées! Frappe le pasteur, et que le troupeau soit dispersé. Et je ramènerai ma main sur les petit.
8 Lafa hunda irratti” jedha Waaqayyo, “Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada; taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa.
Et dans tout le pays, — oracle de Yahweh, — les deux tiers seront exterminés, périront, et l’autre tiers y sera laissé.
9 Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa; akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa; akka warqeetti isaan nan qora. Isaan maqaa koo ni waammatu; anis deebii nan kennaaf; ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha; isaan immoo, ‘Waaqayyo Waaqa keenya’ jedhu.”
Je ferai entrer ce tiers dans le feu et je l’épurerai comme on épure l’argent, je l’éprouverai comme on éprouve l’or. Lui, il invoquera mon nom, et moi je l’exaucerai. Je dirai: « C’est mon peuple! » Et il dira: « Yahweh est mon Dieu! »

< Zakkaariyaas 13 >