< Zakkaariyaas 12 >

1 Kun raajii dubbii Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbatuu dha. Waaqayyo samiiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha:
耶和华论以色列的默示。 铺张诸天、建立地基、造人里面之灵的耶和华说:
2 “Ani Yerusaalemin namoota naannoo ishee jiraatan hundatti xoofoo gatantarsu nan godha. Yihuudaan akkuma Yerusaalem marfamtee ni qabamti.
“我必使耶路撒冷被围困的时候,向四围列国的民成为令人昏醉的杯;这默示也论到犹大。
3 Gaafas, yeroo saboonni lafaa hundi isheen mormuudhaan walitti qabamanitti, ani Yerusaalemin saboota hundatti kattaa hin sochoofamne nan godha. Warri ishee sochoosuu yaalan hundi of miidhu.
那日,我必使耶路撒冷向聚集攻击他的万民当作一块重石头;凡举起的必受重伤。
4 Gaafas ani fardeen hunda nan naasisa; isa yaabbatus nan maraacha” jedha Waaqayyo. “Ani Yihuudaa eeguuf ija koo nan banadha; ija fardeen saboota hundaa garuu nan jaamsa.
耶和华说:到那日,我必使一切马匹惊惶,使骑马的颠狂。我必看顾犹大家,使列国的一切马匹瞎眼。
5 Ergasii hangafoonni Yihuudaa garaa isaaniitti, ‘Jiraatonni Yerusaalem sababii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu Waaqa isaanii taʼeef jajjaboo dha’ jedhu.
犹大的族长必心里说:‘耶路撒冷的居民倚靠万军之耶和华—他们的 神,就作我们的能力。’
6 “Ani gaafas hangafoota Yihuudaa badaa ibiddaa tuullaa qoraanii keessaa, akkuma guca ibiddaa bissii keessaa nan godha. Isaan saboota naannoo isaanii kanneen mirgaa fi bitaan jiran hunda ni barbadeessu; Yerusaalem garuu utuu hin miidhamin iddoodhuma isheetti hafti.
“那日,我必使犹大的族长如火盆在木柴中,又如火把在禾捆里;他们必左右烧灭四围列国的民。耶路撒冷人必仍住本处,就是耶路撒冷。
7 “Waaqayyo akka ulfinni mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem ulfina Yihuudaa hin caalleef duraan dursee iddoo jireenya Yihuudaa ni baraara.
“耶和华必先拯救犹大的帐棚,免得大卫家的荣耀和耶路撒冷居民的荣耀胜过犹大。
8 Gaafas Waaqayyo jiraattota Yerusaalemiif ni qolata; guyyaa sana isaan keessaa inni dadhabaan akka Daawit taʼa; manni Daawitis akka Waaqaa, akka ergamaa Waaqayyoo isa isaan dura deemuu ni taʼa.
那日,耶和华必保护耶路撒冷的居民。他们中间软弱的必如大卫;大卫的家必如 神,如行在他们前面之耶和华的使者。
9 Ani gaafas saboota Yerusaalem lolan hunda balleessuuf nan baʼa.
那日,我必定意灭绝来攻击耶路撒冷各国的民。
10 “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura surraatii fi kadhannaa nan dhangalaasa. Isaan ana isa waraanan sana ni ilaalu; isaan akkuma nama ilma tokkichaaf booʼuutti ni booʼuuf; akkuma nama ilma hangafaaf baayʼisee gadduuttis ni gadduuf.
“我必将那施恩叫人恳求的灵,浇灌大卫家和耶路撒冷的居民。他们必仰望我,就是他们所扎的;必为我悲哀,如丧独生子,又为我愁苦,如丧长子。
11 Gaafas booʼichi Yerusaalem keessaa akkuma booʼicha dirree Megidoonitti Hadaad Rimooniif booʼame sanaa guddaa taʼa.
那日,耶路撒冷必有大大的悲哀,如米吉多平原之哈达临门的悲哀。
12 Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon balbalaas niitota isaanii wajjin ofii isaaniitiif ni booʼu; balballi mana Daawitii fi niitonni isaanii, balballi mana Naataaniitii fi niitonni isaanii,
境内一家一家地都必悲哀。大卫家,男的独在一处,女的独在一处。拿单家,男的独在一处,女的独在一处。
13 balballi mana Lewwii fi niitonni isaanii, balballi Shimeʼiitii fi niitonni isaanii,
利未家,男的独在一处,女的独在一处。示每家,男的独在一处,女的独在一处。
14 balbalawwan hafan hundii fi niitonni isaanii ni booʼu.
其余的各家,男的独在一处,女的独在一处。

< Zakkaariyaas 12 >