< Zakkaariyaas 11 >

1 Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuuf balbala kee banadhu!
פתח לבנון דלתיך ותאכל אש בארזיך׃
2 Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu; mukkeen ulfina qaban badaniiru! Yaa qilxuu Baashaan wawwaadhu; bosonni gobbuun ciramee dhumeera!
הילל ברוש כי נפל ארז אשר אדרים שדדו הילילו אלוני בשן כי ירד יער הבצור׃
3 Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa; lafti tika isaanii inni gabbataan barbadaaʼeeraatii! Aaduu leencaa dhagaʼaa; bosonni Yordaanos gobbuun sun barbadaaʼeeraatii!
קול יללת הרעים כי שדדה אדרתם קול שאגת כפירים כי שדד גאון הירדן׃
4 Waaqayyo Waaqni koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi.
כה אמר יהוה אלהי רעה את צאן ההרגה׃
5 Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Waaqayyoon galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.
אשר קניהן יהרגן ולא יאשמו ומכריהן יאמר ברוך יהוה ואעשר ורעיהם לא יחמול עליהן׃
6 Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha Waaqayyo. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.”
כי לא אחמול עוד על ישבי הארץ נאם יהוה והנה אנכי ממציא את האדם איש ביד רעהו וביד מלכו וכתתו את הארץ ולא אציל מידם׃
7 Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe.
וארעה את צאן ההרגה לכן עניי הצאן ואקח לי שני מקלות לאחד קראתי נעם ולאחד קראתי חבלים וארעה את הצאן׃
8 Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse. Lubbuun koo isaan balfite; lubbuun isaaniis na balfite;
ואכחד את שלשת הרעים בירח אחד ותקצר נפשי בהם וגם נפשם בחלה בי׃
9 akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.”
ואמר לא ארעה אתכם המתה תמות והנכחדת תכחד והנשארות תאכלנה אשה את בשר רעותה׃
10 Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse.
ואקח את מקלי את נעם ואגדע אתו להפיר את בריתי אשר כרתי את כל העמים׃
11 Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii Waaqayyoo taʼe beekan.
ותפר ביום ההוא וידעו כן עניי הצאן השמרים אתי כי דבר יהוה הוא׃
12 Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan.
ואמר אליהם אם טוב בעיניכם הבו שכרי ואם לא חדלו וישקלו את שכרי שלשים כסף׃
13 Waaqayyos gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana Waaqayyoo keessatti mankuusa keessa nan buuse.
ויאמר יהוה אלי השליכהו אל היוצר אדר היקר אשר יקרתי מעליהם ואקחה שלשים הכסף ואשליך אתו בית יהוה אל היוצר׃
14 Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse.
ואגדע את מקלי השני את החבלים להפר את האחוה בין יהודה ובין ישראל׃
15 Kana irratti Waaqayyo akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi.
ויאמר יהוה אלי עוד קח לך כלי רעה אולי׃
16 Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolotaa nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa.
כי הנה אנכי מקים רעה בארץ הנכחדות לא יפקד הנער לא יבקש והנשברת לא ירפא הנצבה לא יכלכל ובשר הבריאה יאכל ופרסיהן יפרק׃
17 “Tiksee faayidaa hin qabne kan bushaayee gatee deemuuf wayyoo! Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu! Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu; iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!”
הוי רעי האליל עזבי הצאן חרב על זרועו ועל עין ימינו זרעו יבוש תיבש ועין ימינו כהה תכהה׃

< Zakkaariyaas 11 >