< Zakkaariyaas 10 >

1 Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa; bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha. Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf, biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.
Ask of the LORD rain in the spring time, the LORD who makes storm clouds, and he gives rain showers to everyone for the plants in the field.
2 Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; raajonni mulʼata sobaa argu; isaan abjuu sobaa namatti himu; waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee hacuucamee asii fi achi joora.
For the teraphim have spoken vanity, and the diviners have seen a lie; and they have told false dreams. They comfort in vain. Therefore they go their way like sheep. They are oppressed, because there is no shepherd.
3 “Aariin koo tiksootatti bobaʼeera; ani reʼoota nan adaba; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata; lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.
My anger is kindled against the shepherds, and I will punish the male goats, for the LORD of Armies has visited his flock, the house of Judah, and will make them as his majestic horse in the battle.
4 Yihuudaa keessaa dhagaan golee, isa keessaa qofoon dunkaanaa, isa keessaa iddaan lolaa, isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.
From him will come the cornerstone, from him the tent peg, from him the battle bow, from him every ruler together.
5 Isaan akkuma namoota jajjaboo waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu. Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.
They will be as mighty men, treading down muddy streets in the battle. They will fight, because the LORD is with them. The riders on horses will be confounded.
6 “Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa; mana Yoosefis nan oolcha. Ani waanan garaa isaaniif laafuuf deebisee isaan nan dhaaba. Isaan akkuma waan ani duraanuu isaan hin gatinii taʼu; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti; deebiis isaaniif nan kenna.
“I will strengthen the house of Judah, and I will save the house of Joseph. I will bring them back, for I have mercy on them. They will be as though I had not cast them off, for I am the LORD their God, and I will hear them.
7 Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu; garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada. Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu; garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada.
Ephraim will be like a mighty man, and their heart will rejoice as through wine. Yes, their children will see it and rejoice. Their heart will be glad in the LORD.
8 Ani siiqsee walitti isaan nan qaba. Ani dhugumaan isaan nan fura; isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.
I will signal for them and gather them, for I have redeemed them. They will increase as they were before.
9 Yoo ani saboota gidduutti isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu; ni deebiʼus.
I will sow them among the peoples. They will remember me in far countries. They will live with their children and will return.
10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida; Asoor keessaas walittin isaan qaba. Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida; iddoon isaan gaʼus hin argamu.
I will bring them again also out of the land of Egypt, and gather them out of Assyria. I will bring them into the land of Gilead and Lebanon; and there won’t be room enough for them.
11 Inni galaana rakkinaa keessa darba; dhaʼaa galaanaas ni rukuta; tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu. Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa; bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.
He will pass through the sea of affliction, and will strike the waves in the sea, and all the depths of the Nile will dry up; and the pride of Assyria will be brought down, and the scepter of Egypt will depart.
12 Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa; isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu” jedha Waaqayyo.
I will strengthen them in the LORD. They will walk up and down in his name,” says the LORD.

< Zakkaariyaas 10 >