< Zakkaariyaas 1 >
1 Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Zakkaariyaas raajicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
В восьмом месяце, во второй год Дария, было слово Господне к Захарии, сыну Варахиину, сыну Аддову, пророку:
2 “Waaqayyo akka malee abbootii keessanitti aaree ture.
прогневался Господь на отцов ваших великим гневом,
3 Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
и ты скажи им: так говорит Господь Саваоф: обратитесь ко Мне, говорит Господь Саваоф, и Я обращусь к вам, говорит Господь Саваоф.
4 Isin akka abbootii keessan kanneen raajonni durii, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Waaqayyo.
Не будьте такими, как отцы ваши, к которым взывали прежде бывшие пророки, говоря: “так говорит Господь Саваоф: обратитесь от злых путей ваших и от злых дел ваших; но они не слушались и не внимали Мне, говорит Господь.
5 Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonnis bara baraan jiraatuu?
Отцы ваши - где они? да и пророки, будут ли они вечно жить?
6 Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo raajota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee? “Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan.”
Но слова Мои и определения Мои, которые заповедал Я рабам Моим, пророкам, разве не постигли отцов ваших? И они обращались и говорили: “как определил Господь Саваоф поступить с нами по нашим путям и по нашим делам, так и поступил с нами”.
7 Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
В двадцать четвертый день одиннадцатого месяца - это месяц Шеват, - во второй год Дария, было слово Господне к Захарии, сыну Варахиину, сыну Аддову, пророку:
8 Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
видел я ночью: вот, муж на рыжем коне стоит между миртами, которые в углублении, а позади него кони рыжие, пегие и белые,
9 Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe. Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa tures, “Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa” naan jedhe.
и сказал я: кто они, господин мой? И сказал мне Ангел, говоривший со мною: я покажу тебе, кто они.
10 Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Waaqayyo ergee dha” jedhee naa ibse.
И отвечал муж, который стоял между миртами, и сказал: это те, которых Господь послал обойти землю.
11 Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa Waaqayyoo kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
И они отвечали Ангелу Господню, стоявшему между миртами, и сказали: обошли мы землю, и вот, вся земля населена и спокойна.
12 Ergamaan Waaqayyoos, “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe.
И отвечал Ангел Господень и сказал: Господи Вседержителю! Доколе Ты не умилосердишься над Иерусалимом и над городами Иудеи, на которые Ты гневаешься вот уже семьдесят лет?
13 Waaqayyos dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
Тогда в ответ Ангелу, говорившему со мною, изрек Господь слова благие, слова утешительные.
14 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa;
И сказал мне Ангел, говоривший со мною: провозгласи и скажи: так говорит Господь Саваоф: возревновал Я о Иерусалиме и о Сионе ревностью великою;
15 ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
и великим негодованием негодую на народы, живущие в покое; ибо, когда Я мало прогневался, они усилили зло.
16 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Посему так говорит Господь: Я обращаюсь к Иерусалиму с милосердием; в нем соорудится дом Мой, говорит Господь Саваоф, и землемерная вервь протянется по Иерусалиму.
17 “Ammas ittuma fufiitii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Waaqayyos Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’”
Еще провозгласи и скажи: так говорит Господь Саваоф: снова переполнятся города Мои добром, и утешит Господь Сион, и снова изберет Иерусалим.
18 Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture!
И поднял я глаза мои и увидел: вот четыре рога.
19 Anis, “Kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. Innis, “Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha” jedhee naaf deebise.
И сказал я Ангелу, говорившему со мною: что это? И он ответил мне: это роги, которые разбросали Иудею, Израиль и Иерусалим.
20 Waaqayyos ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise.
Потом показал мне Господь четырех рабочих.
21 Anis, “Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe. Innis akkana jedhee deebise; “Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan.”
И сказал я: что они идут делать? Он сказал мне так: эти роги разбросали Иуду, так что никто не может поднять головы своей; а сии пришли устрашить их, сбить роги народов, поднявших рог свой против земли Иуды, чтобы рассеять ее.