< Tiitoo 1 >

1 Phaawulos isa amantii filatamtoota Waaqaatii fi dhugaa beekuu gara Waaqaaf buluutti nama geessuuf garbicha Waaqaatii fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa;
Paulusi, mutanga we Ereenza ni mutumwa wa Jesu Kereste, ke tumelo ye ereenza ni Vatu Vaketetwe ni zivo ye niti izumizana ni vurumeri.
2 kunis abdii jireenya bara baraa isa Waaqni hin sobne sun jalqaba addunyaatiin dura waadaa gale irratti kan hundeeffamee dha; (aiōnios g166)
Iva Vena i sepo yo vuhalo vusamani vwe Ereenza, iye a sa chengi, ava sepisi pili izinako niziseni kuva kwateni. (aiōnios g166)
3 innis yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti karaa lallaba isa ajaja Fayyisaa keenya Waaqaatiin imaanaa natti kennameetiin dubbii isaa ifatti baaseera,
Ke nako iswanera, cha patulula lizwi lyakwe lyava nihi kuti ni lilete. Ni va tendi vuti kuya ke tayero ye Ereenza Muhazi wentu.
4 Gara Tiitoo isa amantii walii wajjin qabnuun ilma koo dhugaa taʼeetti: Waaqa Abbaa fi Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaannii fi nagaan siif haa taʼu.
Kwa Tite, mwana mwitumelo ye niti yetu. Chisemo ni nkozo izwa kwe Ereenza Eshetu ni Christe Jesu Muhanzi wetu.
5 Sababiin ani Qareexitti si hambiseef akka ati waan utuu hin xumuramin hafe toora qabsiiftuu fi akkuma ani si ajajettis magaalaawwan hunda keessatti jaarsolii muudduuf ture.
Keli evaka niva kusiyi mwa Kerete, kuti uva kanye zintu zisa manite ni keta vayetereri kayedisi mwi tolopo muni va kucho.
6 Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba.
Muyetereri u swanela kusa nyazahala, mukwame wa mwanakazi umina, ni vana bakwe vaswanela kusepahala basiye kunyaswa cho vuvi ni kuvula ikute.
7 Phaaphaasiin tokko sababii hojiin Waaqaa imaanaa isatti kennameef inni nama mudaa hin qabne taʼuu qaba malee kan of tuulu, kan dafee aaru, kan machaaʼu, kan lola jaallatuu fi kan karaa hin malleen buʼaa argachuuf tattaaffatu taʼuu hin qabu.
Inswanelo ku muyendisi, muyendise we zubo ye Reenza, kusanyazahala. Uswanela kusa zuweka kapa kulinyemuna. U swanela kusabenga benga, kasaneli kutwaela kunywa iwaine, isinyi wenkondo, ni kusha lya hahulu.
8 Qooda kanaa inni nama keessumaa simatu, nama waan gaarii jaallatu, kan of qabu, qajeelaa, qulqulluu fi nama naamusa qabu taʼuu qaba.
Nihakwina vulyo, uswanela kuwola kutambula vene, mulikani wa zilontu. Uswanela kuba utalifite ulukite, vu ireeza, ni yo wolakulikwata.
9 Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.
Mi uswanela ku kwata ahuulu kulinzwi lisepehala liva rutwa, cho kuta kuti a wole ku susuwenza vamwi ni intuto ilotu ni kusikulula vose va mulwisa.
10 Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii.
Kwina vantu vava sandukiri vangi, sihulu avo vo mupato. Mazwi avo kaena ituso. Valichenga ni kuhitisa vatu mwi nzila isali njoyo.
11 Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu.
Mi vaswanela ku zimikwa. Varuta ziva sa swaneli kuruta kutenda bufumu vufosahele ni kuhauhanya masika onse.
12 Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexi yeroo hunda sobdoota; bineensota hamoo dha; albaadheyyii dhibaaʼoo dha” jedheera.
Umwina kuvali, utalilifite wavo, chati, “Makerete kuvasiyi kuchenga, vuvi ni ziñolozi zitiza, mavumu makata.”
13 Dhuga baʼumsi kun dhugaa dha. Kanaafuu akka isaan amantii dhugaa qabaataniif jabeessii isaan ifadhu.
Iyi ndava ye niti, cwale muvasikulule luli kuti va ve ni tumelo izuweka.
14 Akka isaan mammaaksa Yihuudootaa kan hundee hin qabne yookaan ajaja warra dhugaadhaan mormanii duukaa hin buuneefis jabeessii isaan ifadhu.
Musiye kuteeka matangu a ma Juda kapa milayo ya vantu vasandula initi.
15 Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera.
Kwavo va jolola, zintu zonse jolola. Kwavo va va sachenete ni va sazumini, ka kwina colola. Mi mihupulo yavo ni maikuto avo e zwile vuvi.
16 Isaan nu Waaqa beekna jedhu; hojii isaaniitiin garuu isa ganu. Isaan jibbamoo dha; warra hin ajajamnee fi warra waan gaarii tokko iyyuu hojjechuuf gaʼumsa hin qabnee dha.
Vata kuti venzi Ireeza, linu vamusapula muzitendantu zavo. Vena mitendo mivi nikusa zuwa. Ni musevezi milotu ivakanga.

< Tiitoo 1 >