< Tiitoo 1 >

1 Phaawulos isa amantii filatamtoota Waaqaatii fi dhugaa beekuu gara Waaqaaf buluutti nama geessuuf garbicha Waaqaatii fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa;
하나님의 종이요 예수 그리스도의 사도인 바울 곧 나의 사도 된 것은 하나님의 택하신 자들의 믿음과 경건함에 속한 진리의 지식과
2 kunis abdii jireenya bara baraa isa Waaqni hin sobne sun jalqaba addunyaatiin dura waadaa gale irratti kan hundeeffamee dha; (aiōnios g166)
영생의 소망을 인함이라 이 영생은 거짓이 없으신 하나님이 영원한 때 전부터 약속하신 것인데 (aiōnios g166)
3 innis yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti karaa lallaba isa ajaja Fayyisaa keenya Waaqaatiin imaanaa natti kennameetiin dubbii isaa ifatti baaseera,
자기 때에 자기의 말씀을 전도로 나타내셨으니 이 전도는 우리 구주 하나님의 명대로 내게 맡기신 것이라
4 Gara Tiitoo isa amantii walii wajjin qabnuun ilma koo dhugaa taʼeetti: Waaqa Abbaa fi Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaannii fi nagaan siif haa taʼu.
같은 믿음을 따라 된 나의 참 아들 디도에게 편지하노니 하나님 아버지와 그리스도 예수 우리 구주로 좇아 은혜와 평강이 네게 있을지어다
5 Sababiin ani Qareexitti si hambiseef akka ati waan utuu hin xumuramin hafe toora qabsiiftuu fi akkuma ani si ajajettis magaalaawwan hunda keessatti jaarsolii muudduuf ture.
내가 너를 그레데에 떨어뜨려 둔 이유는 부족한 일을 바로잡고 나의 명한 대로 각 성에 장로들을 세우게 하려 함이니
6 Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba.
책망할 것이 없고 한 아내의 남편이며 방탕하다 하는 비방이나 불순종하는 일이 없는 믿는 자녀를 둔 자라야 할지라
7 Phaaphaasiin tokko sababii hojiin Waaqaa imaanaa isatti kennameef inni nama mudaa hin qabne taʼuu qaba malee kan of tuulu, kan dafee aaru, kan machaaʼu, kan lola jaallatuu fi kan karaa hin malleen buʼaa argachuuf tattaaffatu taʼuu hin qabu.
감독은 하나님의 청지기로서 책망할 것이 없고 제 고집대로 하지 아니하며 급히 분내지 아니하며 술을 즐기지 아니하며 구타하지 아니하며 더러운 이를 탐하지 아니하며
8 Qooda kanaa inni nama keessumaa simatu, nama waan gaarii jaallatu, kan of qabu, qajeelaa, qulqulluu fi nama naamusa qabu taʼuu qaba.
오직 나그네를 대접하며 선을 좋아하며 근신하며 의로우며 거룩하며 절제하며
9 Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.
미쁜 말씀의 가르침을 그대로 지켜야 하리니 이는 능히 바른 교훈으로 권면하고 거스려 말하는 자들을 책망하게 하려 함이라
10 Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii.
복종치 아니하고 헛된 말을 하며 속이는 자가 많은 중 특별히 할례당 가운데 심하니
11 Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu.
저희의 입을 막을 것이라 이런 자들이 더러운 이를 취하려고 마땅치 아니한 것을 가르쳐 집들을 온통 엎드러치는도다
12 Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexi yeroo hunda sobdoota; bineensota hamoo dha; albaadheyyii dhibaaʼoo dha” jedheera.
그레데인 중에 어떤 선지자가 말하되 그레데인들은 항상 거짓말장이며 악한 짐승이며 배만 위하는 게으름장이라 하니
13 Dhuga baʼumsi kun dhugaa dha. Kanaafuu akka isaan amantii dhugaa qabaataniif jabeessii isaan ifadhu.
이 증거가 참되도다 그러므로 네가 저희를 엄히 꾸짖으라 이는 저희로 하여금 믿음을 온전케 하고
14 Akka isaan mammaaksa Yihuudootaa kan hundee hin qabne yookaan ajaja warra dhugaadhaan mormanii duukaa hin buuneefis jabeessii isaan ifadhu.
유대인의 허탄한 이야기와 진리를 배반하는 사람들의 명령을 좇지 않게 하려 함이라
15 Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera.
깨끗한 자들에게는 모든 것이 깨끗하나 더럽고 믿지 아니하는 자들에게는 아무 것도 깨끗한 것이 없고 오직 저희 마음과 양심이 더러운지라
16 Isaan nu Waaqa beekna jedhu; hojii isaaniitiin garuu isa ganu. Isaan jibbamoo dha; warra hin ajajamnee fi warra waan gaarii tokko iyyuu hojjechuuf gaʼumsa hin qabnee dha.
저희가 하나님을 시인하나 행위로는 부인하니 가증한 자요 복종치 아니하는 자요 모든 선한 일을 버리는 자니라

< Tiitoo 1 >