< Tiitoo 3 >
1 Ati akka namoonni bulchitootaa fi abbootii taayitaatiif bulan, akka ajajamanii fi akka waan gaarii kam iyyuu hojjechuuf qophaaʼoo taʼan yaadachiisi;
Ὑπομίμνησκε αὐτοὺς ἀρχαῖς ἐξουσίαις ὑποτάσσεσθαι, πειθαρχεῖν, πρὸς πᾶν ἔργον ἀγαθὸν ἑτοίμους εἶναι,
2 akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi.
μηδένα βλασφημεῖν, ἀμάχους εἶναι, ἐπιεικεῖς, πᾶσαν ἐνδεικνυμένους πραΰτητα πρὸς πάντας ἀνθρώπους.
3 Nu mataan keenyas duraan warra gowwoota, warra hin ajajamne, warra gowwoomfamnee fi warra dharraa hamaa fi gammachuu gosa hundaatiif garboomfamne turre. Namootaan jibbamaa fi walis jibbaa, hamminaa fi hinaaffaan jiraachaa turre.
ἦμεν γάρ ποτε καὶ ἡμεῖς ἀνόητοι, ἀπειθεῖς, πλανώμενοι, δουλεύοντες ἐπιθυμίαις καὶ ἡδοναῖς ποικίλαις, ἐν κακίᾳ καὶ φθόνῳ διάγοντες, στυγητοί, μισοῦντες ἀλλήλους·
4 Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Waaqaa mulʼatetti garuu,
ὅτε δὲ ἡ χρηστότης καὶ ἡ φιλανθρωπία ἐπεφάνη τοῦ σωτῆρος ἡμῶν θεοῦ,
5 inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
οὐκ ἐξ ἔργων τῶν ἐν δικαιοσύνῃ ἃ ἐποιήσαμεν ἡμεῖς, ἀλλὰ κατὰ τὸ αὐτοῦ ἔλεος ἔσωσεν ἡμᾶς διὰ λουτροῦ παλιγγενεσίας καὶ ἀνακαινώσεως πνεύματος ἁγίου,
6 hafuurri kunis isa Waaqni karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin arjummaadhaan nurratti dhangalaase sana;
οὗ ἐξέχεεν ἐφ᾽ ἡμᾶς πλουσίως, διὰ Ἰησοῦ χριστοῦ τοῦ σωτῆρος ἡμῶν,
7 kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf. (aiōnios )
ἵνα δικαιωθέντες τῇ ἐκείνου χάριτι, κληρονόμοι γενηθῶμεν κατ᾽ ἐλπίδα ζωῆς αἰωνίου. (aiōnios )
8 Jechi kunis amanamaa dha. Warri Waaqa amanatan akka waan gaarii hojjechuuf of eeggannaan of kennan, akka ati cimsitee waan kana dubbattu nan barbaada. Kunis waan akka malee gaarii fi waan nama hundumaa fayyaduu dha.
πιστὸς ὁ λόγος, καὶ περὶ τούτων βούλομαί σε διαβεβαιοῦσθαι, ἵνα φροντίζωσιν καλῶν ἔργων προΐστασθαι οἱ πεπιστευκότες θεῷ· ταῦτά ἐστιν καλὰ καὶ ὠφέλιμα τοῖς ἀνθρώποις.
9 Ati garuu falmii faayidaa hin qabnee fi hidda dhalootaa lakkaaʼuu irraa, waaʼee seeraa irratti wal mormuu fi wal loluu irraa fagaadhu; kun waan buʼaa hin qabnee fi waan hin fayyadnee dhaatii.
μωρὰς δὲ ζητήσεις καὶ γενεαλογίας καὶ ἔρεις καὶ μάχας νομικὰς περιΐστασο· εἰσὶν γὰρ ἀνωφελεῖς καὶ μάταιοι.
10 Nama gargar baʼuu fidu tokko yeroo tokko akeekkachiisi; yeroo lammaffaas akeekkachiisi. Ergasii immoo isa irraa fagaadhu.
αἱρετικὸν ἄνθρωπον μετὰ μίαν καὶ δευτέραν νουθεσίαν παραι τοῦ,
11 Namni akkasii akka micciiramaa fi cubbamaa taʼe atuu beekta; inni nama ofuma isaatti muruu dha.
εἰδὼς ὅτι ἐξέστραπται ὁ τοιοῦτος, καὶ ἁμαρτάνει ὢν αὐτοκατάκριτος.
12 Ani waanan yeroo gannaa Niqoophiliyoonitti dabarsuuf murteesseef akkuma ani Arxemaas yookaan Xikiqoosin sitti ergeen dafii kottu.
Ὅταν πέμψω Ἀρτεμᾶν πρός σε ἢ Τυχικόν, σπούδασον ἐλθεῖν πρός με εἰς Νικόπολιν· ἐκεῖ γὰρ κέκρικα παραχειμάσαι.
13 Zenaas abukaattichaa fi Apholoosin imala isaanii irratti gargaaruuf waan dandeessu hunda godhi; waan isaan barbaachisu hunda qabaachuu isaanii illee mirkaneessi.
Ζηνᾶν τὸν νομικὸν καὶ Ἀπολλὼ σπουδαίως πρόπεμψον, ἵνα μηδὲν αὐτοῖς λείπῃ.
14 Namoonni keenya akka waan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu hojjetanii argatanii fi akka jireenya buʼaa hin qabne hin jiraanneefis waan gaarii hojjechuuf of kennuu barachuu qabu.
μανθανέτωσαν δὲ καὶ οἱ ἡμέτεροι καλῶν ἔργων προΐστασθαι εἰς τὰς ἀναγκαίας χρείας, ἵνα μὴ ὦσιν ἄκαρποι.
15 Warri na wajjin jiran hundinuu nagaa siif dhaamu. Warra amantiin nu jaallatanitti nagaa nuuf himi. Ayyaanni hunda keessan wajjin haa taʼu.
Ἀσπάζονταί σε οἱ μετ᾽ ἐμοῦ πάντες. ἄσπασαι τοὺς φιλοῦντας ἡμᾶς ἐν πίστει. Ἡ χάρις μετὰ πάντων ὑμῶν. ΠΡΟΣ ΤΙΤΟΝ.