< Tiitoo 2 >
1 Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi.
But speak thou the things which become sound doctrine:
2 Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi.
That the aged men be sober, grave, temperate, sound in faith, in charity, in patience.
3 Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi.
The aged women likewise, that [they be] in behaviour as becometh holiness, not false accusers, not given to much wine, teachers of good things;
4 Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu;
That they may teach the young women to be sober, to love their husbands, to love their children,
5 akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.
[To be] discreet, chaste, keepers at home, good, obedient to their own husbands, that the word of God be not blasphemed.
6 Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi.
Young men likewise exhort to be sober minded.
7 Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi;
In all things shewing thyself a pattern of good works: in doctrine [shewing] uncorruptness, gravity, sincerity,
8 akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.
Sound speech, that cannot be condemned; that he that is of the contrary part may be ashamed, having no evil thing to say of you.
9 Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi;
[Exhort] servants to be obedient unto their own masters, [and] to please [them] well in all [things]; not answering again;
10 akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi.
Not purloining, but shewing all good fidelity; that they may adorn the doctrine of God our Saviour in all things.
11 Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.
For the grace of God that bringeth salvation hath appeared to all men,
12 Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; (aiōn )
Teaching us that, denying ungodliness and worldly lusts, we should live soberly, righteously, and godly, in this present world; (aiōn )
13 kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa;
Looking for that blessed hope, and the glorious appearing of the great God and our Saviour Jesus Christ;
14 innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
Who gave himself for us, that he might redeem us from all iniquity, and purify unto himself a peculiar people, zealous of good works.
15 Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.
These things speak, and exhort, and rebuke with all authority. Let no man despise thee.