< Weedduu 8 >
1 Utuu ati akka obboleessa koo kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee! Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture; namni tokko iyyuu na hin tuffatu.
萬望你的兄弟,吮過我母親的乳房,好叫我 外邊遇見你時,能親吻你,而不致受人輕視。
2 Anis si dura deemee mana haadha koo ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture. Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture.
我要引領你走進我母親的家,進入懷我者的內室;給你喝調香的美酒,石榴的甘釀
3 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
他的左手在我頭下,他的右手緊抱著我。◆新郎:
4 Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
耶路撒冷女郎! 我懇求妳們,不要驚醒,也不要喚我的愛,讓她自便吧![第六幕:愛情的圓滿]◆耶京女郎:
5 Kan michuu isheetti irkattee gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? Ishee Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; haati kee achitti si ulfoofte; achumattis ciniinsifattee si deesse.
從曠野裏上來,那依偎著自己的愛人的,是誰﹖◆新郎:在蘋果樹下我喚醒了妳,在那裏妳的母親懷孕了妳,在那裏生養妳的,為妳受了產痛。◆新娘:
6 Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. (Sheol )
請將我有如印璽,放在你的心上,有如印璽,放在你肩上,因為愛情猛如死亡,妒愛頑如陰府:它的火焰,是上主的火焰。◆新郎: (Sheol )
7 Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
洪流不能熄滅愛情,江河不能將它沖去,如有人獻出全副家產想購買愛情,必受人輕視。◆新娘兄弟:
8 Nu obboleettii xinnoo tokko qabna; isheen guntuta iyyuu hin baafne. Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti nu obboleettii keenyaaf maal goona?
我的妹妹尚小,還沒有乳房;到了她議婚之日,為我們的妹妹,我們將作什麼﹖
9 Utuu isheen dallaa dhagaa taatee nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture. Utuu isheen balbala taatee nu silaa birbirsaan ishee marsina.
她若是牆,我們就在上面建造銀堵,她若是門,我們就用香柏木閂來關鎖。◆新娘:
10 Ani dallaa dhagaa ti; guntunni koos akkuma gamoo ti. Kanaafuu ani fuula isaa duratti akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture.
我是一道牆,我的乳房如同塔。我在他眼裏,實如獲得和平的女郎。◆新娘兄弟:
11 Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture; innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate. Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture.
撒羅滿在巴耳哈孟有個葡萄園,他將這葡萄園委托給看守的人;每人為園中的果子,應交一千兩銀子。◆新郎:
12 Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti; yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf; dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti.
那屬我的葡萄園,就在我面前;撒羅滿! 一千兩銀子歸你,二百兩歸看守果子的人。◆新郎:
13 Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu, michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru; mee anis nan dhagaʼa!
妳這住在果園中的女郎,願妳使我聽到妳的聲音! 同伴們都在等候細聽。◆新娘:
14 Yaa michuu ko, dafii kottu; akka kuruphee yookaan akka korma gadamsaa kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.
我的愛人! 願你仿效郁香山上的羚羊或幼鹿,趕快跑來!