< Weedduu 7 >

1 Yaa intala ilma mootii, miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.
Jinsi gani miguu yako ilivyo yaonekana mizuri kwenye viatu, binti wa mfalme! Mapaja yako ni kama mikufu, kama kazi ya mjenzi.
2 Handhuurri kee xoofoo geengoo kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata. Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii kan daraaraadhaan marfame fakkaata.
Kitovu chako ni kama duara la bakuli; kamwe kisikose mchanganyiko wa mvinyo. Tumbo lako ni kama ngano iliyo umuka na kuzungushiwa nyinyoro.
3 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii ti.
Maziwa yako mawili ni kama watoto wawili wa ayala, mapacha wa ayala.
4 Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. Iji kee haroo Heshboon kan karra Baatrabii biraa fakkaata. Funyaan kee gamoo Libaanoon kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.
Shingo yako ni kama mnara wa pembe; macho yako ni kama maziwa ya Heshiboni kwenye lango la Bathi Rabimu. Pua yako ni kama mnara wa Lebanoni ambao watazama Damasko.
5 Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.
Kichwa chako ni kama Karmeli; nywele kichwani mwako ni za zambarau nyeusi. Mfalme amestaajabishwa na vifundo vyake vya nywele.
6 Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin akkam bareedda; akkamis namatti tolta!
Jinsi gani ulivyo mzuri na wakupendeza, mpenzi, na mazuri yako.
7 Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.
Urefu wako ni wa kama mti wa mtende, na maziwa yako kama vifungu vya matunda.
8 Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; ija isaa nan qabadha” nan jedhe. Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;
Niliwaza, “Ninataka kuupanda huo mti wa mtende; nitashika matawi yake.” Maziwa yako nayawe kama vifungu vya mizabibu, na harufu ya pua yako yawe kama mapera.
9 afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. Ishee Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.
Mdomo wako na uwe kama mvinyo bora, ukishuka taratibu kwa mpenzi wangu, ukiteleza kwenye midomo yetu na meno. Mwanamke mdogo akizungumza mwenyewe
10 Ani kan michuu koo ti; hawwiin isaas anumaaf.
Mimi ni wa mpenzi wangu, na ananitamani.
11 Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; gandoota achii keessa haa bullu.
Njoo, mpenzi wangu, twende nje ya mji; tu lala usiku kwenye vijiji.
12 Akka mukni wayinii hudhaa baafate, akka daraaraan ija banatee fi akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; anis achitti jaalala koo siif nan kenna.
Tuamke mapema twende kwenye mashamba ya mizabibu; tuone kama mizabibu imemea, kama imechipua, na kama mikomamanga imetoa mau. Pale nitakupa penzi langu.
13 Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi balbala keenya dura jira.
Mitunguja ya toa harufu yake; katika mlango wa tunapoishi kuna kila aina ya matunda, mpya na ya kale, niliyo kuhifadhia, mpenzi wangu.

< Weedduu 7 >