< Weedduu 7 >

1 Yaa intala ilma mootii, miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.
מה יפו פעמיך בנעלים בת נדיב חמוקי ירכיך--כמו חלאים מעשה ידי אמן
2 Handhuurri kee xoofoo geengoo kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata. Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii kan daraaraadhaan marfame fakkaata.
שררך אגן הסהר אל יחסר המזג בטנך ערמת חטים סוגה בשושנים
3 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii ti.
שני שדיך כשני עפרים תאמי צביה
4 Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. Iji kee haroo Heshboon kan karra Baatrabii biraa fakkaata. Funyaan kee gamoo Libaanoon kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.
צוארך כמגדל השן עיניך ברכות בחשבון על שער בת רבים--אפך כמגדל הלבנון צופה פני דמשק
5 Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.
ראשך עליך ככרמל ודלת ראשך כארגמן מלך אסור ברהטים
6 Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin akkam bareedda; akkamis namatti tolta!
מה יפית ומה נעמת--אהבה בתענוגים
7 Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.
זאת קומתך דמתה לתמר ושדיך לאשכלות
8 Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; ija isaa nan qabadha” nan jedhe. Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;
אמרתי אעלה בתמר אחזה בסנסניו ויהיו נא שדיך כאשכלות הגפן וריח אפך כתפוחים
9 afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. Ishee Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.
וחכך כיין הטוב הולך לדודי למישרים דובב שפתי ישנים
10 Ani kan michuu koo ti; hawwiin isaas anumaaf.
אני לדודי ועלי תשוקתו
11 Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; gandoota achii keessa haa bullu.
לכה דודי נצא השדה נלינה בכפרים
12 Akka mukni wayinii hudhaa baafate, akka daraaraan ija banatee fi akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; anis achitti jaalala koo siif nan kenna.
נשכימה לכרמים--נראה אם פרחה הגפן פתח הסמדר הנצו הרמונים שם אתן את דדי לך
13 Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi balbala keenya dura jira.
הדודאים נתנו ריח ועל פתחינו כל מגדים--חדשים גם ישנים דודי צפנתי לך

< Weedduu 7 >