< Weedduu 6 >
1 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee eessa dhaqe? Akka nu si wajjin barbaannuuf michuun kee garamitti gore?
quo abiit dilectus tuus o pulcherrima mulierum quo declinavit dilectus tuus et quaeremus eum tecum
2 Michuun koo iddoo biqiltuu keessa hoolota isaa tikfachuu fi daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu, lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
dilectus meus descendit in hortum suum ad areolam aromatis ut pascatur in hortis et lilia colligat
3 Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
ego dilecto meo et dilectus meus mihi qui pascitur inter lilia
4 Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha; akkuma Yerusaalem namatti tolta; akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
pulchra es amica mea suavis et decora sicut Hierusalem terribilis ut castrorum acies ordinata
5 Ija kee narraa buqqisi; inni na jeeqeeraatii. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
averte oculos tuos a me quia ipsi me avolare fecerunt capilli tui sicut grex caprarum quae apparuerunt de Galaad
6 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
dentes tui sicut grex ovium quae ascenderunt de lavacro omnes gemellis fetibus et sterilis non est in eis
7 Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
sicut cortex mali punici genae tuae absque occultis tuis
8 Mootittiiwwan jaatamni, saajjatoon saddeettamnii fi dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun jiraachuu dandaʼu;
sexaginta sunt reginae et octoginta concubinae et adulescentularum non est numerus
9 gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti; isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha; haadha ishee deesseefis filatamtuu dha. Dubarran ishee arganii ishee eebbisan; mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
una est columba mea perfecta mea una est matris suae electa genetrici suae viderunt illam filiae et beatissimam praedicaverunt reginae et concubinae et laudaverunt eam
10 Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu, kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu, kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
quae est ista quae progreditur quasi aurora consurgens pulchra ut luna electa ut sol terribilis ut acies ordinata
11 Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf, akka wayiniin hudhaa baase yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
descendi ad hortum nucum ut viderem poma convallis ut inspicerem si floruisset vinea et germinassent mala punica
12 Utuu ani hin hubatin, lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
nescivi anima mea conturbavit me propter quadrigas Aminadab
13 Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi; akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi! Isa Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?
revertere revertere Sulamitis revertere revertere ut intueamur te quid videbis in Sulamiten nisi choros castrorum