< Weedduu 6 >
1 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee eessa dhaqe? Akka nu si wajjin barbaannuuf michuun kee garamitti gore?
Iwe wokongola kuposa akazi onsewa, kodi wokondedwa wakoyo wapita kuti? Kodi wokondedwa wakoyo wakhotera njira iti kuti timufunefune pamodzi ndi iwe?
2 Michuun koo iddoo biqiltuu keessa hoolota isaa tikfachuu fi daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu, lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
Wachikondi wanga watsikira ku munda kwake, ku timinda ta zokometsera zakudya, akukadyetsa ziweto zake ku minda, ndiponso akuthyola maluwa okongola.
3 Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
Wokondedwa wangayo ndine wake ndipo iyeyo ndi wangawanga; amadyetsa ziweto zake pakati pa maluwa okongola.
4 Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha; akkuma Yerusaalem namatti tolta; akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
Ndiwe wokongola, bwenzi langa, ngati Tiriza, wokongola kwambiri ngati Yerusalemu, ndiwe woopsa ngati gulu lankhondo lonyamula mbendera.
5 Ija kee narraa buqqisi; inni na jeeqeeraatii. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
Usandipenyetsetse; pakuti maso ako amanditenga mtima. Tsitsi lako lili ngati gulu la mbuzi zikutsetsereka kuchokera ku Giliyadi.
6 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
Mano ako ali ngati gulu la nkhosa zimene zikubwera kuchokera kokazisambitsa, iliyonse ili ndi ana amapasa, palibe imene ili yokha.
7 Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
Kukhalira kumbuyo kwa nsalu yako yophimba kumutu, masaya ako ali ngati mabandu a makangadza.
8 Mootittiiwwan jaatamni, saajjatoon saddeettamnii fi dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun jiraachuu dandaʼu;
Ngakhale patakhala akazi a mfumu 60, ndi azikazi 80, ndi anamwali osawerengeka;
9 gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti; isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha; haadha ishee deesseefis filatamtuu dha. Dubarran ishee arganii ishee eebbisan; mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
koma nkhunda yanga, wangwiro wanga ndi wosiyana ndi wina aliyense; mwana wamkazi yekhayo wa amayi ake, mwana wapamtima wa amene anamubereka. Anamwali anamuona ndipo anamutcha wodala; akazi a mfumu ndi azikazi anamutamanda.
10 Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu, kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu, kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
Ndani uyu akuoneka ngati mʼbandakucha, wokongola ngati mwezi, wowala ngati dzuwa, wochititsa mantha ngati gulu la ankhondo mbendera zili mʼmanja?
11 Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf, akka wayiniin hudhaa baase yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
Ndinatsikira ku munda wa mitengo ya alimondi kukayangʼana zomera zatsopano ku chigwa, kukaona ngati mpesa waphukira kapena ngati makangadza ali ndi maluwa.
12 Utuu ani hin hubatin, lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
Ndisanazindikire kanthu, ndinakhala ngati ndikulota kuti ndili mʼgaleta pambali pa mfumu yanga.
13 Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi; akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi! Isa Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?
Bwerera, bwerera iwe namwali wa ku Sulami; bwerera, bwerera kuti ife tidzakupenyetsetse iwe! Mwamuna Chifukwa chiyani mukufuna kudzapenyetsetsa ine mwana wamkazi wa ku Sulami, pamene ndikuvina pakati pa magulu awiri?