< Weedduu 5 >
1 Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, ani dhufee biqiltuu koo seeneera; ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera. Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera; daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera. Michoota Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa; jaalalas dhugaa quufaa.
[HE] I have entered my garden, my sister, bride, I have plucked my myrrh, with my balsam, I have eaten the honey of my thicket, I have drunk my wine, with my milk: —Eat ye, O friends, Drink, yea drink abundantly, ye beloved!
2 Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera. Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii; inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko, gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani. Mataan koo fixeensaan, rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.”
[SHE] I, was sleeping, but, my heart, was awake, —The voice of my beloved—knocking! Open to me, my sister, my fair one, my dove, my perfect one, for, my head, is filled with dew, my locks, with the moisture of the night.
3 Ani uffata koo of irraa baaseera; akkamittan deebisee uffadha ree? Miilla koo dhiqadheera; akkamittan deebisee xureessa ree?
I have put off my tunic, oh how shall I put it on? I have bathed my feet, oh how shall I soil them?
4 Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche; lapheen koo isaaf ni dhaʼate.
My beloved, thrust in his hand, at the window, and, my feelings, were deeply moved for him:
5 Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe; qabannoo balbalaa irrattis harka koo irraa qumbiin, quba koo irraa immoo qumbiin dhangalaʼaan coccobe.
I myself, arose, to open to my beloved, —and, my hands, dripped with myrrh, and, my fingers, with myrrh distilling, upon the handles of the bolt.
6 Ani michuu kootiif balbala nan bane; michuun koo garuu achi hin jiru; inni deemeera. Deemuu isaattis garaan koo ni rifate. Ani isa nan barbaade; garuu hin arganne. Ani isa nan waame; inni garuu hin owwaanne.
I myself, opened to my beloved, but, my beloved, had turned away, had passed on, —My soul, had gone out when he spake, I sought him, but found him not, I called him, but he answered not.
7 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan. Isaanis na reebanii na madeessan; warri dallaa eegan sunis wayyaa koo narraa baafatan!
The watchmen who were going round in the city, found me, they smote me, wounded me, —The watchmen of the walls, took away my cloak from off me.
8 Yaa intallan Yerusaalem, isin michuun koo yoo argitan jaalalaan dhukkubsachuu koo akka isatti naaf himtan isinan kakachiisa.
I adjure you, ye daughters of Jerusalem, —If ye find my beloved, what will ye tell him? That, sick with love, I am.
9 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee maaliin warra kaan caala? Ati kan akkas nu kakachiiftu, michuun kee maaliin warra kaan caala?
[DAUGHTERS OF JERUSALEM] What is thy beloved more than any other beloved, thou most beautiful among women? What is thy beloved more than any other beloved, that, thus, thou hast adjured us?
10 Michuun koo diimaa cululuqaa dha; inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata.
[SHE.] My beloved, is white and ruddy, conspicuous beyond ten thousand:
11 Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha; rifeensi mataa isaa jigaa dha; akkuma arraagessaas gurraacha.
His head, is pure gold, —his locks, are bushy, black as a raven;
12 Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha.
His eyes, like doves, by the channels of water, —bathing in milk, set as gems in a ring:
13 Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti. Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti.
His cheeks, like a raised bed of balsam, growing plants of perfume, —His lips, lilies, dripping with myrrh distilling:
14 Harki isaa ulee warqee kan biiraleedhaan faayeffamee dha. Dhagni isaa akkuma ilka arbaa kan sanpeeriin miidhagfamee dha.
His hands, cylinders of gold, set with topaz, —His body, wrought work of ivory, covered with sapphires:
15 Miilli isaa utubaa dhagaa adii kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha. Bifti isaa akkuma Libaanoon, akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha.
His legs, pillars of white marble, founded on sockets of gold, —His form, like Lebanon, choice as cedars:
16 Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha; inni guutumaan guutuutti namatti tola. Yaa intallan Yerusaalem, kun michuu koo ti; kun michuu koo ti.
His mouth, most sweet, yea, altogether, he is delightful, —This, is my beloved, yea, this, is my dear one, ye daughters of Jerusalem.