< Weedduu 4 >

1 Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii ati akkam bareedda! Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti.
O, wewe ni mzuri, mpenzi wangu; wewe ni mzuri. Macho yako ni ya hua nyuma kitamba chako cha uso. Nywele zako ni kama kundi la mbuzi likienda chini kutoka Mlima Gileadi.
2 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
Meno yako ni kama kondoo walio nyolewa, wakitoka sehemu ya kuoshwa. Kila mmoja ana pacha, na hamna ata mmoja miongoni mwao aliyefiwa.
3 Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti; haasaan kee namatti tola. Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
Mdomo wako ni kama uzi mwekendu; mdo wako wapendeza. Mashavu yako ni kama majani ya komamanga nyuma ya kitambaa chako cha uso.
4 Mormi kee gamoo Daawit kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata; isa irratti gaachana kumatu rarraafama; hundinuu gaachana loltootaa ti.
Shingo yako ni kama mnara wa Daudi ukiwa umejengwa kwa mistari ya mawe, na ngao elfu moja ikining'nia juu yake, ngao zote za wanajeshi.
5 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti.
Maziwa yako mawili ni kama swala wawili, mapacha wa ayala, wakila miongoni mwa nyinyoro.
6 Hamma bariʼee gaaddisni baduutti, ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa.
Hadi jioni ifike na vivuli viondoke, nitaenda kwenye mlima wa manemane na vilima vya ubani.
7 Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha; ati mudaa tokko illee hin qabdu.
Wewe ni mzuri kwa kila namna, mpenzi wangu na hakuna lawama ndani yako.
8 Yaa misirrittii ko, Libaanoonii na wajjin kottu; Libaanoonii na wajjin kottu. Fiixee Amaanaa irraa, fiixee Seniir, fiixee Hermoon irraa gad buʼi; holqa leencaa keessaa, tulluu oolmaa qeerransaa irraas gad buʼi.
Njoo nami kutoka Lebanoni, bibi arusi wangu. Njoo nami kutoka Lebanoni; njoo kutoka juu ya Amana, kutoka juu ya Seneri na Herimoni, kutoka shimoni mwa simba, kutoka mashimo ya milima ya chuwi.
9 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta; ati milʼuu ija keetii tokkoon, faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
Umeuiba moyo wangu, dada yangu, bibi arusi wangu; umeuiba moyo wangu, kwa mtazamo mmoja tu wako kwangu, kwa mkufu mmoja wa shingo yako.
10 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, jaalalli kee akkam nama gammachiisa! Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola!
Jinisi gani upendo wako ulivyo mzuri, dada yangu, bibi arusi wangu! Jinsi gani zaidi upendo wako ulivyo bora kuliko mvinyo, na arufu ya marashi yako kuliko manukato yeyote.
11 Yaa misirrittii ko, hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa; aannanii fi dammi arraba kee jala jira. Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoon.
Midomo yako, bibi arusi wangu, yatiririka asali; asali na maziwa vichini ya ulimi wako; arufu ya mavazi yako ni kama marashi ya Lebanoni.
12 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti; ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha.
Dada yangu, bibi arusi wangu ni bustani ilio fungwa, bustani ilio fungwa, chemchemi iliyo fungwa kwa muhuri.
13 Biqiltuun kee iddoo roomaanii kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha;
Matawi yako ni kichaka cha miti ya komamanga yenye matunda tofauti, na ya mimea ya hina na nardo,
14 akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu, qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa, qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba.
Nardo na Zafarani, mchai na mdalasini pamoja na aina zote za uvumba, manemane na udi na aina tofauti za manukato.
15 Ati burqaa biqiltuu keessaa ti; bishaan boollaa yaaʼu kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha.
Wewe ni bustani ya chemchemi, kisima cha maji safi, mifereji inayo shuka kutoka Lebanoni. Mwanamke mdogo akizungumza peke yake
16 Yaa bubbee kaabaa dammaqi; bubbeen kibbaas kottu! Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf biqiltuu koo irratti bubbisi. Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee ija filatamaa haa nyaatu.
Amka, upepo wa kaskazini; njoo, upepo wa kusini; vuma katika bustani yangu ili manukato yake yatoe marashi. Mpenzi wangu na aje katika bustani yake na kula matunda ya chaguo lake.

< Weedduu 4 >