< Weedduu 4 >

1 Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii ati akkam bareedda! Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti.
Look, you are beautiful, my love. Look, you are beautiful. Your eyes are doves behind your veil. Your hair is as a flock of goats, that descend from Mount Gilead.
2 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
Your teeth are like a newly shorn flock, which have come up from the washing, where every one of them has twins. None is bereaved among them.
3 Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti; haasaan kee namatti tola. Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
Your lips are like scarlet thread. Your mouth is lovely. Your temples are like a piece of a pomegranate behind your veil.
4 Mormi kee gamoo Daawit kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata; isa irratti gaachana kumatu rarraafama; hundinuu gaachana loltootaa ti.
Your neck is like David's tower built for an armory, whereon a thousand shields hang, all the shields of the mighty men.
5 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti.
Your two breasts are like two fawns that are twins of a gazelle, which feed among the lilies.
6 Hamma bariʼee gaaddisni baduutti, ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa.
Until the day is cool, and the shadows flee away, I will go to the mountain of myrrh, to the hill of frankincense.
7 Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha; ati mudaa tokko illee hin qabdu.
You are all beautiful, my love. There is no spot in you.
8 Yaa misirrittii ko, Libaanoonii na wajjin kottu; Libaanoonii na wajjin kottu. Fiixee Amaanaa irraa, fiixee Seniir, fiixee Hermoon irraa gad buʼi; holqa leencaa keessaa, tulluu oolmaa qeerransaa irraas gad buʼi.
Come with me from Lebanon, my bride, with me from Lebanon. Look from the top of Amana, from the top of Senir and Hermon, from the lions' dens, from the mountains of the leopards.
9 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta; ati milʼuu ija keetii tokkoon, faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
You have ravished my heart, my sister, my bride. You have ravished my heart with one of your eyes, with one chain of your neck.
10 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, jaalalli kee akkam nama gammachiisa! Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola!
How beautiful is your love, my sister, my bride. How much better is your love than wine. The fragrance of your perfumes than all manner of spices.
11 Yaa misirrittii ko, hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa; aannanii fi dammi arraba kee jala jira. Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoon.
Your lips, my bride, drip like the honeycomb. Honey and milk are under your tongue. The smell of your garments is like the smell of Lebanon.
12 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti; ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha.
A locked up garden is my sister, my bride; a locked up spring, a sealed fountain.
13 Biqiltuun kee iddoo roomaanii kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha;
Your shoots are an orchard of pomegranates, with precious fruits: henna with spikenard plants,
14 akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu, qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa, qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba.
spikenard and saffron, calamus and cinnamon, with every kind of incense tree; myrrh and aloes, with all the best spices,
15 Ati burqaa biqiltuu keessaa ti; bishaan boollaa yaaʼu kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha.
a fountain of gardens, a well of living waters, flowing streams from Lebanon.
16 Yaa bubbee kaabaa dammaqi; bubbeen kibbaas kottu! Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf biqiltuu koo irratti bubbisi. Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee ija filatamaa haa nyaatu.
Awake, north wind; and come, you south. Blow on my garden, that its spices may flow out. Let my beloved come into his garden, and taste his precious fruits.

< Weedduu 4 >