< Weedduu 2 >

1 Ani daraaraa Shaaroon; daraaraa sulula keessaa ti.
Mimi ni ua la Sharoni, yungiyungi ya bondeni.
2 Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.
Kama yungiyungi katikati ya miiba ndivyo alivyo mpenzi wangu katikati ya wanawali.
3 Michuun koo dargaggoota gidduutti akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; iji isaas natti miʼaawa.
Kama mti wa mtofaa miongoni mwa miti ya msituni ndivyo alivyo mpenzi wangu miongoni mwa wanaume vijana. Ninafurahia kuketi kivulini mwa mwanaume huyu, na tunda lake ni tamu kwangu.
4 Inni galma cidhaatti na geesse; akeekni inni naaf qabu jaalala.
Amenichukua mpaka kwenye ukumbi wa karamu, na bendera ya huyu mwanaume juu yangu ni upendo.
5 Sababii ani jaalalaan gaggabeef isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; muka hudhaatiinis na haaromsaa.
Nitie nguvu kwa zabibu kavu, niburudishe kwa matofaa, kwa maana ninazimia kwa mapenzi.
6 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
Mkono wake wa kushoto uko chini ya kichwa changu, na mkono wake wa kuume unanikumbatia.
7 Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
Binti za Yerusalemu, ninawaagiza kwa paa na kwa ayala wa shambani: Msichochee wala kuamsha mapenzi hata yatakapotaka yenyewe.
8 Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.
Sikiliza! Mpenzi wangu! Tazama! Huyu hapa anakuja, akirukaruka juu milimani akizunguka juu ya vilima.
9 Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee foddaa keessaan ilaalaa qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.
Mpenzi wangu ni kama paa au ayala kijana. Tazama! Anasimama nyuma ya ukuta wetu, akitazama kupitia madirishani, akichungulia kimiani.
10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; “Yaa miidhagduu koo kaʼi! Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.
Mpenzi wangu alizungumza na kuniambia, “Inuka, mpenzi wangu, mrembo wangu, tufuatane.
11 Kunoo! Ganni darbeera; bokkaanis caamee sokkeera.
Tazama! Wakati wa masika umepita, mvua imekwisha na ikapita.
12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera; waqtiin sirbaa gaʼeera; wacni gugees biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.
Maua yanatokea juu ya nchi; majira ya kuimba yamewadia, sauti za njiwa zinasikika katika nchi yetu.
13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; wayiniin daraares urgaa kenneera. Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; yaa bareedduu koo na wajjin deemi.”
Mtini unatunga matunda yake ya mwanzoni, zabibu zinazochanua zaeneza harufu nzuri. Inuka, njoo mpenzi wangu. Mrembo wangu, tufuatane.”
14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, mee fuula kee na argisiisi; mee sagalee kee na dhageessisi; sagaleen kee miʼaawaadhaatii; fuulli kees namatti tola.
Hua wangu penye nyufa za majabali, mafichoni pembezoni mwa mlima, nionyeshe uso wako, na niisikie sauti yako, kwa maana sauti yako ni tamu, na uso wako unapendeza.
15 Mee waangoo, waangoodhuma xixinnoo ishee kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.
Tukamatie mbweha, mbweha wale wadogo wanaoharibu mashamba ya mizabibu, mashamba yetu ya mizabibu yaliyochanua.
16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
Mpenzi wangu ni wangu, nami ni wake, yeye hujilisha katikati ya yungiyungi.
17 Yaa michuu ko, hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.
Mpaka jua linapochomoza, na vivuli vikimbie, rudi, mpenzi wangu, na uwe kama paa, au kama ayala kijana juu ya vilima vya Betheri.

< Weedduu 2 >