< Weedduu 2 >

1 Ani daraaraa Shaaroon; daraaraa sulula keessaa ti.
I am a rose of Sharon, a lily of the valley.
2 Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.
Like a lily among the thorns is my darling among the maidens.
3 Michuun koo dargaggoota gidduutti akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; iji isaas natti miʼaawa.
Like an apple tree among the trees of the forest is my beloved among the young men. I delight to sit in his shade, and his fruit is sweet to my taste.
4 Inni galma cidhaatti na geesse; akeekni inni naaf qabu jaalala.
He has brought me to the house of wine, and his banner over me is love.
5 Sababii ani jaalalaan gaggabeef isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; muka hudhaatiinis na haaromsaa.
Sustain me with raisins; refresh me with apples, for I am faint with love.
6 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
His left hand is under my head, and his right arm embraces me.
7 Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
O daughters of Jerusalem, I adjure you by the gazelles and does of the field: Do not arouse or awaken love until the time is right.
8 Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.
Listen! My beloved approaches. Look! Here he comes, leaping across the mountains, bounding over the hills.
9 Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee foddaa keessaan ilaalaa qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.
My beloved is like a gazelle or a young stag. Look, he stands behind our wall, gazing through the windows, peering through the lattice.
10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; “Yaa miidhagduu koo kaʼi! Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.
My beloved calls to me, “Arise, my darling. Come away with me, my beautiful one.
11 Kunoo! Ganni darbeera; bokkaanis caamee sokkeera.
For now the winter is past; the rain is over and gone.
12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera; waqtiin sirbaa gaʼeera; wacni gugees biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.
The flowers have appeared in the countryside; the season of singing has come, and the cooing of turtledoves is heard in our land.
13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; wayiniin daraares urgaa kenneera. Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; yaa bareedduu koo na wajjin deemi.”
The fig tree ripens its figs; the blossoming vines spread their fragrance. Arise, come away, my darling; come away with me, my beautiful one.”
14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, mee fuula kee na argisiisi; mee sagalee kee na dhageessisi; sagaleen kee miʼaawaadhaatii; fuulli kees namatti tola.
O my dove in the clefts of the rock, in the crevices of the cliff, let me see your face, let me hear your voice; for your voice is sweet, and your countenance is lovely.
15 Mee waangoo, waangoodhuma xixinnoo ishee kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.
Catch for us the foxes— the little foxes that ruin the vineyards— for our vineyards are in bloom.
16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
My beloved is mine and I am his; he pastures his flock among the lilies.
17 Yaa michuu ko, hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.
Before the day breaks and shadows flee, turn, my beloved, and be like a gazelle or a young stag on the mountains of Bether.

< Weedduu 2 >