< Weedduu 1 >

1 Weedduu Weeddotaa Solomoon.
Ingoma yezingoma engekaSolomoni.
2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
Kangange ngokwanga komlomo wakhe; ngoba uthando lwakho lungcono kulewayini.
3 Urgaan shittoo keetii namatti tola; maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. Kanaafuu dubarran si jaallatu!
Ngenxa yephunga lamagcobo akho amnandi, ibizo lakho linjengamagcobo athululiweyo; ngakho-ke izintombi ziyakuthanda.
4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. Michoota Nu sitti gammannee ililchina; jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. Ishee Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!
Ngidonsa, sizagijima emva kwakho; inkosi ingingenise emakamelweni ayo; sizajabula sithokoze kuwe, sikhumbule uthando lwakho okwedlula iwayini; abaqondileyo bayakuthanda.
5 Intallan Yerusaalem, ani akkuma dunkaana Qeedaar, akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; garuu bareedduu dha.
Ngimnyama, kodwa ngimuhle, madodakazi eJerusalema, njengamathente eKedari, njengamakhetheni kaSolomoni.
6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; aduutu na gurraachesseetii. Ilmaan haadha koo natti aaranii akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.
Lingangibukeli ngoba ngimnyama, ngoba ilanga lingitshisile. Abantwana bakamama bangizondela, bangenza umlindikazi wezivini; isivini sami esingesami kangisilindanga.
7 Yaa isa ani si jaalladhu, iddoo bushaayee kee tikfattuu fi iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?
Ngitshela, wena umphefumulo wami okuthandayo, ukuthi welusela ngaphi, uphumuza ngaphi umhlambi emini; ngoba kungani ngizakuba njengozulayo ngasemihlanjini yabangane bakho?
8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; ilmoolee reʼoota keetiis dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.
Uba ungazi, wena omuhle kakhulu phakathi kwabesifazana, phuma wena ngezinyathelo zomhlambi, welusele amazinyane akho phansi kwamadumba abelusi.
9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.
Ngikufananise lebhizakazi ezinqoleni zikaFaro, mthandwa wami.
10 Maddiin kee amartii gurraatiin, mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.
Izihlathi zakho zinhle phakathi kwemiceciso, intamo yakho ngezigqizo.
11 Nu warqee gurraa meetiidhaan wal make siif tolchina.
Sizakwenzela imiceciso yegolide lamaqhubu esiliva.
12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu shittoon koo urgaa isaa kenne.
Inkosi isesetafuleni layo ledili inadi yami yakhupha iphunga layo.
13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; inni guntuta koo gidduu boqota.
Isithandwa sami kimi siyisamba semure; sizalala phakathi kwamabele ami ebusuku.
14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.
Isithandwa sami kimi silihlukuzo lesihlahla sehena ezivinini zeEngedi.
15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! Dinqii akkam bareedda! Iji kee gugee fakkaata.
Khangela, umuhle, mthandwa wami, khangela, umuhle, amehlo akho angawamajuba.
16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii akkam namatti tolta! Margi lalisaan siree keenya.
Khangela, umuhle, sithandwa sami, isibili uyathokozisa. Lombheda wethu uluhlaza.
17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.
Imijabo yezindlu zethu yimisedari, intungo zethu ngezefiri.

< Weedduu 1 >