< Weedduu 1 >
1 Weedduu Weeddotaa Solomoon.
Waƙar Waƙoƙin Solomon.
2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
Bari yă sumbace ni da sumbar bakinsa, gama ƙaunarka ta fi ruwan inabi zaƙi.
3 Urgaan shittoo keetii namatti tola; maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. Kanaafuu dubarran si jaallatu!
Ƙanshin turarenka mai daɗi ne; sunanka kuwa kamar turaren da aka tsiyaye ne. Shi ya sa mata suke ƙaunarka!
4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. Michoota Nu sitti gammannee ililchina; jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. Ishee Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!
Ka ɗauke ni mu gudu, mu yi sauri! Bari sarki yă kai ni gidansa. Ƙawaye Muna farin ciki muna kuma murna tare da kai, za mu yabi ƙaunarka fiye da ruwan inabi. Ƙaunatacciya Daidai ne su girmama ka!
5 Intallan Yerusaalem, ani akkuma dunkaana Qeedaar, akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; garuu bareedduu dha.
Ni baƙa ce, duk da haka kyakkyawa. Ya ku’yan matan Urushalima, ni baƙa ce kamar tentunan Kedar, kamar labulen tentin Solomon.
6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; aduutu na gurraachesseetii. Ilmaan haadha koo natti aaranii akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.
Kada ku harare ni domin ni baƙa ce, gama rana ta dafa ni na yi baƙa.’Ya’yan mahaifiyata maza sun yi fushi da ni suka sa ni aiki a gonakin inabi; na ƙyale gonar inabi na kaina.
7 Yaa isa ani si jaalladhu, iddoo bushaayee kee tikfattuu fi iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?
Faɗa mini, kai da nake ƙauna, ina kake kiwon garkenka kuma ina kake kai tumakinka su huta da tsakar rana. Me ya sa zan kasance kamar macen da aka lulluɓe kusa da garkunan abokanka?
8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; ilmoolee reʼoota keetiis dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.
Ke mafiya kyau a cikin mata, in ba ki sani ba, to, ki dai bi labin da tumaki suke bi ki yi kiwon’yan awakinki kusa da tentunan makiyaya.
9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.
Ina kwatanta ke ƙaunatacciyata, da goɗiya mai jan keken yaƙin kayan Fir’auna.
10 Maddiin kee amartii gurraatiin, mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.
’Yan kunne sun ƙara wa kumatunki kyau, wuyanki yana da jerin kayan wuya masu daraja.
11 Nu warqee gurraa meetiidhaan wal make siif tolchina.
Za mu yi’yan kunnenki na zinariya, da adon azurfa.
12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu shittoon koo urgaa isaa kenne.
Yayinda sarki yake a teburinsa, turarena ya bazu da ƙanshi.
13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; inni guntuta koo gidduu boqota.
Ƙaunataccena yana kamar ƙanshin mur a gare ni, kwance a tsakanin ƙirjina.
14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.
Ƙaunataccena kamar tarin furanni jeji ne gare ni daga gonakin inabin En Gedi.
15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! Dinqii akkam bareedda! Iji kee gugee fakkaata.
Ke kyakkyawa ce, ƙaunatacciyata! Kai, ke kyakkyawa ce! Idanunki kamar na kurciya ne.
16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii akkam namatti tolta! Margi lalisaan siree keenya.
Kai kyakkyawa ne, ƙaunataccena! Kai, kana ɗaukan hankali! Gadonmu koriyar ciyawa ce.
17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.
Al’ul su ne ginshiƙan gidanmu; fir su ne katakan rufin gidanmu.