< Ruut 4 >

1 Boʼeez gara karra magaalaatti baʼee achi taaʼe. Innis yommuu namichi dhaaluuf isa caalaa fira dhiʼoo taʼe sun dhufetti, “Yaa michuu ko, as kottuutii na bira taaʼi” jedheen. Kanaafuu inni dhaqee taaʼe.
Ana cikin haka Bowaz ya haura zuwa ƙofar gari ya tafi ya zauna a can. Sa’ad da dangi mai fansan da ya yi zance ya iso, Bowaz ya ce, “Zo nan abokina ka zauna.” Saboda haka ya ratso ya zauna.
2 Boʼeezis maanguddoota magaalaa keessaa kudhan waamee, “As taaʼaa” jedheen; isaanis ni tataaʼan.
Bowaz kuwa ya kira dattawa guda goma na garin ya ce, “Ku zauna a nan,” suka kuwa zauna.
3 Kana irratti namicha dhaaluuf aantummaa qabu sanaan akkana jedhe; “Naaʼomiin isheen Moʼaabii deebite sun lafa obboleessa keenya Eliimelek gurguruuf jirti.
Sa’an nan ya ce wa dangin nan mai fansa, “Na’omi, wadda ta dawo daga Mowab, tana so ta sayar da filin da yake na ɗan’uwanmu Elimelek.
4 Kanaafuu akka ati fuula warra as tataaʼaniitii fi fuula maanguddoota saba kootii duratti lafa kana bittuuf ani waan kana sitti himuu yaade. Yoo ofii keetiif dhaaluu barbaadde dhaali. Yoo dhaaluu baatte garuu akka ani beekuuf natti himi. Waan kana gochuuf si malee namni mirga qabu tokko iyyuu hin jiruutii; namni sitti aanee aantummaa qabu ana.” Namichis, “Ani nan dhaala” jedhe.
Na ga ya kamata in jawo hankalinka ga batun in kuma ba da shawara ka saye shi a gaban waɗannan da suke zazzaune a nan da kuma a gaban dattawan jama’a. In kana so ka fanshe shi, to, sai ka yi. Amma in ba za ka yi ba, sai ka faɗa mini, don in sani. Gama babu wani mai izinin yin haka sai kai, ni ne kuwa na biye.” Sai ya ce, “Zan fansa.”
5 Boʼeezis, “Egaa gaafa Naaʼomiinii fi Ruuti Moʼaabittii irraa lafa bittutti ati maqaa namicha duʼe sanaa qabeenya isaatiin waamsisuudhaaf niitii isaa illee fudhachuu qabda” jedheen.
Sa’an nan Bowaz ya ce, “A ranar da ka saya filin daga Na’omi da kuma daga Rut mutuniyar Mowab, ka sayi gwauruwar marigayin nan, domin ka riƙe sunan marigayin da kuma kayansa.”
6 Kana irratti firri dhiʼoo sun, “Yoos ani qabeenya mataa kootti rakkina fiduu dandaʼaatii dhaaluu hin dandaʼu. Ati mataan kee mirga dhaaluu kootii fudhadhuutii dhaali. Ani waan kana gochuu hin dandaʼu” jedheen.
Da jin haka, sai dangin nan mai fansa ya ce, “To, ba zan iya fanshe shi ba don kada in yi wa nawa mallakar rauni. Za ka iya fanshe shi wa kanka. Ni dai ba zan iya ba.”
7 Bara durii biyya Israaʼeliitti dhaalaa fi qabeenya walitti dabarsuun gareen tokko kophee isaa of irraa baasee garee kaaniif kennuudhaan mirkaneeffama ture. Israaʼel keessatti bituu fi gurguruun haaluma kanaan mirkaneeffama ture.
(To, a kwanakin can a Isra’ila, domin a tabbatar da fansa da kuma musayar da mallaka, mutum zai cire takalminsa ya ba wa ɗayan. Wannan ita ce hanyar tabbatar da al’amarin a hukumance a cikin Isra’ila.)
8 Kanaafuu namichi dhaaluuf fira dhiʼoo ture sun Boʼeeziin, “Ati mataan kee bitadhu” jedhee kophee of irraa baase.
Saboda haka dangin nan mai fansa ya ce wa Bowaz, “Saye shi wa kanka.” Sai ya cire takalminsa.
9 Boʼeezis maanguddootaa fi saba hundaan akkana jedhe; “Akka ani qabeenya Eliimelek, qabeenya Kiliiyooniitii fi qabeenya Mahiloon hunda Naaʼomiin irraa bite isin harʼa dhugaa baatota.
Sa’an nan Bowaz ya yi shela wa dattawa da kuma dukan mutane, “A yau ku ne shaidu cewa na saya daga Na’omi dukan mallakar Elimelek, Kiliyon da kuma Malon.
10 Akkasumas akka maqaan isaa maatii isaa keessaa yookaan biyya isaa keessaa hin badneef ani qabeenya isaatiin maqaa isaa waamsisuudhaaf Ruuti Moʼaabittii niitii Mahiloon kana niitii godhadhee fuudhuu kootiif isin harʼa dhugaa baatota!”
Na kuma ɗauki Rut mutuniyar Mowab, gwauruwar Malon a matsayin matata domin sunan mamaci da kuma mallakarsa yă ci gaba, domin kada sunansa yă ɓace daga cikin iyali ko daga tarihin gari. A yau ku ne shaidu!”
11 Maanguddoonnii fi namoonni karra sana dura turan hundinuu akkana jedhan; “Nu dhugaa baatota. Waaqayyo dubartii mana kee dhufaa jirtu kana akka Raahelii fi Liyaa warra tokkummaadhaan mana Israaʼel ijaaran sanaa haa godhu. Ati Efraataa keessatti nama jabaa, Beetlihem keessatti immoo beekamaa taʼi.
Sai dattawan da kuma dukan waɗanda suke a ƙofar suka ce, “Mu shaidu ne. Bari Ubangiji yă sa macen da take zuwa cikin gidanka ta zama kamar Rahila da Liyatu, waɗanda tare suka gina gidan Isra’ila. Bari ka sami martaba a cikin Efrata ka kuma zama sananne cikin Betlehem.
12 Karaa sanyii Waaqayyo dubartii dargaggeettii kana irraa siif kennuutiin maatiin kee akkuma maatii Faares isa Taamaar Yihuudaadhaaf deesse sanaa haa taʼu.”
Ta wurin’ya’yan da Ubangiji zai ba ka ta wurin wannan mace, bari iyalinka yă zama kamar na Ferez, wanda Tamar ta haifa wa Yahuda.”
13 Kanaafuu Boʼeez Ruutin fudhatee niitii godhate. Ishee wajjinis ciise; Waaqayyos akka isheen ulfooftee ilma deessu ishee gargaare.
Sai Bowaz ya ɗauki Rut ta kuwa zama matarsa. Sa’an nan ya kwana da ita, Ubangiji kuma ya sa ta yi ciki, ta haifi ɗa.
14 Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; “Waaqayyo inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu!
Mata suka ce wa Na’omi, “Yabo ya tabbata ga Ubangiji, wanda a wannan rana bai bar ki ba tare da dangi mai fansa ba. Allah yă sa yă zama sananne a dukan Isra’ila!
15 Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii.”
Zai sabunta rayuwarki yă adana ki a tsufanki. Gama surukarki wadda take ƙaunarki wadda kuma take mafi kyau gare ki fiye da’ya’ya maza bakwai, ta haife shi.”
16 Naaʼomiinis mucicha fuutee hammatte; guddiftuu isaa illee taate.
Sai Na’omi ta ɗauki yaron, ta kwantar da shi a cinyarta ta kuma kula da shi.
17 Dubartoonni ollaas, “Naaʼomiin mucaa argatte” jedhan. Maqaa isaas Oobeedi jedhan. Inni akaakayyuu Daawit, abbaa Isseey.
Matan da suke zama a wurin suka ce, “Na’omi ta sami yaro.” Suka kuwa ba shi suna Obed. Shi ne ya haifi Yesse, mahaifin Dawuda.
18 Egaa hiddi dhaloota Faares kanaa dha: Faares abbaa Hezroon;
Ga asalin zuriyar Ferez. Ferez shi ne mahaifin Hezron,
19 Hezroon immoo abbaa Raam; Raam abbaa Amiinaadaab;
Hezron ya haifi Ram, Ram ya haifi Amminadab,
20 Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon; Nahishoon abbaa Salmoon;
Amminadab ya haifi Nashon, Nashon ya haifi Salmon,
21 Salmoon immoo abbaa Boʼeez; Boʼeez immoo abbaa Oobeedi;
Salmon ya haifi Bowaz, Bowaz ya haifi Obed,
22 Oobeedi immoo abbaa Isseey; Isseey immoo abbaa Daawit.
Obed ya haifi Yesse, Yesse kuwa ya haifi Dawuda.

< Ruut 4 >