< Ruut 3 >

1 Gaaf tokko Naaʼomiin haati dhirsa ishee akkana isheedhaan jette; “Yaa intala ko, ani akka ati itti boqottuuf mana mijaaʼaa siif barbaaduu hin qabuu?
And she lodged with her mother-in-law: and Noemin her mother-in-law said to her, My daughter, shall I not seek rest for you, that it may be well with you?
2 Boʼeez namichi ati tajaajiltoota isaa dubarran sana wajjin turte sun fira keenya mitii? Inni edana oobdiitti garbuu qulleeffata.
And now [is] not Booz our kinsman, with whose damsels you were? behold, he winnows barley this night in the floor.
3 Kanaafuu dhidhiqadhuutii shittoo dibadhu; uffata kee isa bareedaa illee uffadhu. Ergasiis gara oobdichaa dhaqi; inni garuu hamma nyaatee dhugee raawwatutti akka ati achi jirtu hin beekin.
But do you wash, and anoint yourself, and put your raiment upon you, and go up to the threshing floor: do not discover yourself to the man until he has done eating and drinking.
4 Yeroo inni rafutti iddoo inni rafe hubadhu. Ergasii dhaqiitii wayyaa miilla isaa irraa saaqii ciisi. Innis waan ati gochuu qabdu sitti hima.”
And it shall come to pass when he lies down, that you shall mark the place where he lies down, and shall come and lift up the covering of his feet, and shall lie down; and he shall tell you what you shall do.
5 Ruutis, “Ani waan ati jettu hunda nan godha” jettee deebifte.
And Ruth said to her, All that you shall say, I will do.
6 Kanaafuu Ruut gara oobdii sanaatti gad buutee waan haati dhirsa ishee godhi jetteen hundumaa goote.
And she went down to the threshing floor, and did according to all that her mother-in-law enjoined her.
7 Boʼeezis erga nyaatee dhugee gammadee booddee achi fagaatee tuulaa midhaanii bira rafuu dhaqe. Ruutis suuta jettee dhaqxee miilla isaa irraa wayyaa saaqxee rafte.
And Booz ate and drank, and his heart was glad, and he came to lie down by the side of the heap of corn; and she came secretly, and lifted up the covering of his feet.
8 Halkan walakkaatti wanni tokko namicha rifachiise; innis yommuu of irra garagalee ilaaletti dubartii miilla isaa jala ciiftu tokko arge.
And it came to pass at midnight that the man was amazed, and troubled, and behold, a woman lay at his feet.
9 Innis, “Ati eenyu?” jedhee gaafate. Isheenis, “Ana Ruut tajaajiltuu kee ti. Ati sababii na dhaaluuf fira dhiʼoo taateef handaara wayyaa keetii narra buusi” jetteen.
And he said, Who are you? and she said, I am your handmaid Ruth; spread therefore your skirt over your handmaid, for you are a near relation.
10 Innis deebisee akkana jedheen; “Yaa intala too, Waaqayyo si haa eebbisu; arjummaan kun arjummaa ati kanaan dura goote sana caala; ati dargaggeessa yookaan sooressa yookaan hiyyeessa faana hin deemneetii.
And Booz said, Blessed [be] you of the Lord God, [my] daughter, for you have made your latter kindness greater than the former, in that you follow not after young men, whether [any be] poor or rich.
11 Ammas yaa intala koo hin sodaatin. Ani waan ati gaafattu hunda siif nan godha. Sabni magaalaa koo keessa jiraatu hundi akka ati dubartii amala gaarii qabdu taate ni beeka.
And now fear not, my daughter, whatever you shall say I will do to you; for all the tribe of my people knows that you are a virtuous woman.
12 Akka ani fira dhiʼoo taʼe beekamaa dha; taʼus namni dhaaluudhaaf ana caalaa fira dhiʼoo taʼe jira.
And now I am truly akin to you; nevertheless there is a kinsman nearer than I.
13 Asuma buli; bori ganama namichi yoo si dhaaluu barbaade gaarii dha; inni si haa dhaalu. Yoo inni si dhaaluu hin barbaanne garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani sin dhaala. Hamma lafti bariitutti asuma ciisi.”
Lodge [here] for the night, and it shall be in the morning, if he will do the part of a kinsman to you, well—let him do it: but if he will not do the part of a kinsman to you, I will do the kinsman's part to you, [as] the Lord lives; lie down till the morning.
14 Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti miilla isaa jala ciifte; garuu utuu namni tokko iyyuu hin beekin dursitee kaate; Boʼeez, “Dubartiin gara oobdii kanaa dhufuun ishee beekamuu hin qabu” jedheeraatii.
And she lay at his feet until the morning; and she rose up before a man could know his neighbor; and Booz said, Let it not be known that a woman came into the floor.
15 Akkasumas, “Wayyaa irraan uffatte ofi irraa fuudhii diriirsii qabi” jedheen. Isheenis ni diriirsite; inni garbuu safartuu jaʼa safaree ishee baachise. Ergasiis gara magaalaatti deebite.
And he said to her, Bring the apron that is upon you: and she held it, and he measured six measures of barley, and put them upon her, and she went into the city.
16 Yommuu Ruut gara haadha dhirsa isheetti deebitetti Naaʼomiin, “Yaa intala ko, wanni sun akkam taʼe?” jettee ishee gaafatte. Isheenis waan Boʼeez isheef godhe hunda itti himte;
And Ruth went in to her mother-in-law, and she said to her, [My] daughter! and [Ruth] told her all that the man had done to her.
17 itti dabaltees, “‘Gara haadha dhirsa keetti harka duwwaa hin deebiʼin’ jedhee garbuu safartuu jaʼaa kana naa kenne” jetteen.
And she said to her, He gave me these six measures of barley, for he said to me, Go not empty to your mother-in-law.
18 Naaʼomiin immoo, “Yaa intala ko, hamma waan dhufu argitutti obsi. Namichi hamma dubbiin kun harʼa fala argatutti hin boqotu” isheedhaan jette.
And she said, Sit still, [my] daughter, until you shall know how the matter will fall out; for the man will not rest until the matter be accomplished this day.

< Ruut 3 >