< Ruut 2 >

1 Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte.
HE hoahanau ko Naomi, no kana kane, he kanaka waiwai nui, no ka hanauna o Elimeleka, o Boaza kona inoa.
2 Ruut Moʼaabittiinis Naaʼomiiniin, “Ani nama fuula isaa duratti fudhatama argadhu duubaan qarmii funaannachuuf gara lafa qotiisaatti achi nan baʼa” jette. Naaʼomiinis, “Yaa intala koo dhaqi” jetteen.
I ae la o Ruta ka Moaba ia Naomi, E hele au i ka mahinaai ea, a hoiliili mawaena o na opuu palaoa, mamuli o ka mea e aloha mai ia'u. I mai la ia, O hele, e kuu kaikamahine.
3 Kanaafuu isheen gara lafa qotiisaa dhaqxee warra midhaan haaman duubaan qarmii funaannachuu jalqabde. Isheen utuma qarmii funaannachaa jirtuu akka lafti qotiisaa isheen keessa jirtu sun kan Boʼeez taʼe hubatte; Boʼeez kunis sanyii Eliimelek ture.
Hele aku la ia a hiki, a hoiliili iho la ma ka mahinaai, mamuli o ka poe okioki. A loaa kana puu ma kahi kihapai no Boaza, no ka hanauna ia o Elimeleka.
4 Yeruma sanatti Boʼeez Beetlihemii dhufee warra midhaan haamaniin, “Waaqayyo isin wajjin haa taʼu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.
Aia hoi, hele mai la o Boaza, mai Betelehema mai, i mai la i ka poe okioki, O Iehova pu kekahi me oukou. I aku la lakou ia ia, Na Iehova no e hoopomaikai mai ia oe.
5 Boʼeezis dura buʼaa hojjettoota isaatiin, “Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate.
Alaila, i mai la o Boaza i kana kauwa i hoonohoia maluna o ka poe okioki, Nawai keia kaikamahine?
6 Dura buʼaan sunis akkana jedhee deebise; “Isheen nama Moʼaab; Naaʼomiin wajjin biyya Moʼaabii dhufte.
Olelo aku la ke kauwa i hoonohoia maluna o ka poe okioki, i aku la, Ke kaikamahine ia no Moaba, o ka mea i hoi pu mai me Naomi, mai ka aina o Moaba mai.
7 Isheenis, ‘Maaloo akka ani hojjettoota duubaan bissii gidduudhaan qarmii funaannadhu naa eeyyami’ jette. Isheen yeroo xinnoof gaaddisa jala boqotte malee ganamaa jalqabdee hamma ammaatti jabaattee hojjechaa turte.”
Nonoi mai ia, Ea, e hoiliili paha au, a hoahu mahope o ka poe okioki, iwaena o na pua. Alaila, hele mai la oia, a ua hoomau, mai ke kakahiaka a i keia wa, hoomaha iki no nae ma ka hale.
8 Kana irratti Boʼeez Ruutiin akkana jedhe; “Yaa intala koo na dhagaʼi. Gara lafa qotiisaa biraa dhaqxee qarmii hin funaanin; iddoo kanaas hin deemin. Asuma hojjettoota koo dubarran wajjin turi.
Alaila, i ae la o Boaza ia Ruta, E kuu kaikamahine, aole anei oe i lohe? Mai hele oe e hoiliili i ka mahinaai e ae, mai haalele oe i keia wahi. E hoopili oe me ko'u poe kaikamahine maanei.
9 Lafa qotiisaa warri dhiiraa keessaa haaman ilaaliitii dubarran duukaa buʼi. Akka isaan siʼi hin tuqne ani warra dhiiraatti himeera. Yeroo dheebottus qodaa bishaanii dhiironni guutan keessaa budduuqsii dhugi.”
E kau kou mau maka ma ke kihapai a lakou e okioki ai, a e hahai oe mamuli o lakou. Aole anei a'u i kauoha aku i na kanaka ui, i hoopa ole mai lakou ia oe? A makewai oe ea, e hele oe a inu i ka mea a na kanaka ui i ukuhi ai.
10 Kana irrattis isheen addaan lafatti gombifamtee, “Ani utuu nama biyya ormaa taʼee jiruu fuula kee duratti surraa argadhee ati na arguun kee kun maaliifi?” jettee isa gaafatte.
Alaila, haule e iho la kona maka ilalo, a kulou oia ilalo i ka honua, i mai la ia ia, No ke aha la i loaa mai ai ia'u ka lokomaikaiia mai imua o kou mau maka, i ike mai ai oe ia'u, no ka mea, he malihini au?
11 Boʼeez immoo akkana jedhee deebiseef; “Waan ati erga dhirsi kee duʼee jalqabee haadha dhirsa keetiitiif goote hundumaa, akka ati itti abbaa kee, haadha keetii fi biyya kee dhiiftee saba kanaan dura hin beekin wajjin jiraachuudhaaf dhuftes dhagaʼeera.
Olelo aku la o Boaza, i aku la, Ua hoakaka pono ia mai ia'u na mea a pau au i hana aku ai i kou makuahonowaiwahine, mahope mai o ka make ana o kau kane; a ua haalele oe i kou makuakane, a me kou makuwahine, a me kahi au i hanau ai, a ua hele mai hoi i ka poe kanaka au i ike ole ai mamua.
12 Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.”
Na Iehova no e uku mai i kau hana, a e haawiia mai no hoi ia oe ka uku nui loa e Iehova, ke Akua o ka Iseraela. Ua hele mai hoi oe e hilinai ma ka malu o kona mau eheu.
13 Isheenis akkana jette; “Yaa gooftaa ko, ani yoo akka hojjettoota kee dubarran keessaa akka ishee tokkootti madaalamuu baadhe illee sababii ati na jajjabeessitee gara laafinaan ana garbittii keetti dubbatteef ani fuula kee duratti surraa argadheera.”
I mai la ia, E loaa paha ia'u ka lokomaikaiia mai i na maka o ko'u haku; no ka mea, ua hoomaha mai oe ia'u, a ua olelo mai hoi i ka naau o kau kauwawahine nei, aole nae au i like me kau poe kauwawahine.
14 Boʼeezis yeroo laaqanaatti, “As kottu. Buddeenas fudhadhuutii wayinii dhangaggaaʼaatti cuuphadhu” jedheen. Yeroo isheen hojjettoota wajjin teessettis asheetii waadame kenneef. Isheenis nyaattee quuftee xinnoon irraa hafeef.
I aku la o Boaza ia ia, I ka manawa e ai ai, e hele mai oe e ai i ka berena, e hou iho i kou hakina maloko o ka vinega, Noho iho la ia ma ka aoao o ka poe okioki; haawi ae la oia ia ia i ai i pulehuia, a ai iho la ia a maona, a koe no.
15 Akkuma isheen qarmii funaannachuuf ol kaateenis Boʼeez akkana jedhee hojjettoota isaa ajaje; “Yoo isheen bissii gidduudhaa illee qarmii funaannatte ishee hin rifachiisinaa.
A ku mai la ia e hoiliili, alaila kauoha mai o Boaza i kona poe kanaka ui, i mai la, E hoiliili oia mawaena o na pua, mai hoohilahila ia ia.
16 Qooda kanaa bissii keessaa tokko tokko luqqisaatii akka isheen funaannatuuf lafa bubuusaafii malee isheetti hin dheekkaminaa.”
E unuhi hoi i kekahi, maloko mai o na pua, a e waiho aku nana, i hoiliili ai oia: mai papa aku ia ia.
17 Kanaafuu Ruut hamma galgalaatti lafa qotiisaa keessaa funaannatte. Garbuu funaannatte sanas ni sukkuumatte; innis gara safartuu iifii tokkoo taʼe.
Hoiliili iho la oia ma ka mahinaai, a ahiahi, a kaka aku la i ka mea ana i hoiliili ai, hookahi paha epa huabale.
18 Isheenis garbuu sana baadhattee magaalaatti deebite; haati dhirsa ishees wanni isheen funaannatte hammam akka taʼe argite. Akkasumas Ruut waan guyyaa nyaattee quuftee ishee irraa hafe sana gad baaftee kenniteef.
A lawe iho la ia, a hele aku la i ke kulanakauhale, a ike mai la kona makuahonowaiwahine i ka mea ana i hoiliili ai; a lawe mai la ia a haawi mai ia ia i ke koena ana i malama'i mahope o kona maona ana.
19 Haati dhirsa ishees, “Ati harʼa eessaa funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Namni xiyyeeffannoo kana siif kenne sun haa eebbifamu!” jette. Ergasiis Ruut waaʼee namicha lafa qotiisaa isaa keessaa funaannachaa oolte sanaa haadha dhirsa isheetti himte. Isheenis, “Maqaan namicha ani harʼa bira hojjechaa oole sanaa Boʼeez jedhama” jette.
Ninau mai la kona makuahonowaiwahine ia ia, Mahea la oe i hoiliili ai i keia la, a mahea oe i hana'i? e hoopomaikaiia ka mea i ike mai ia oe. Hoike aku la oia i kona makuahonowaiwahine i ka mea ana i hana pu ai, i aku la, O Boaza ka inoa o ka mea a'u i hana pu ai i keia la.
20 Naaʼomiinis, “Waaqayyo inni warra jiraniifis warra duʼaniifis gara laafina gochuu hin dhiifne sun isa haa eebbisu!” jette. Itti dabaluudhaanis, “Inni fira keenya kan dhiʼoo ti; warra nu dhaaluun irra jiru keessaas isa tokkoo dha” isheedhaan jette.
I mai la o Naomi i kana hunonawahine, E pomaikai ana ia Iehova ka mea nana i hooki ole i kana hana lokomaikai ana i ka mea i ola, a me ka mea i make. I mai la o Naomi ia ia, He hoahanau ia e pili koke ana ia kaua, oia hoi ko kaua mea i pili koko.
21 Ergasiis Ruut Moʼaabittiin, “Inni, ‘Hamma isaan midhaan koo hunda walitti qabanii fixanitti iyyuu hojjettoota koo wajjin turi’ naan jedheera” jetteen.
I aku la o Ruta ka Moaba, Ua olelo mai no hoi oia ia'u, E hoopili oe mo ko'u poe kanaka, a hoopau wale lakou i ko'u hoiliili ana.
22 Naaʼomiinis niitii ilma ishee Ruutiin, “Yaa intala ko, dubarran isaa wajjin ooluun siif gaarii dha; ati yoo gara lafa qotiisaa nama biraa deemte, miidhaan sirra gaʼuu dandaʼaatii” jette.
I mai o Naomi ia Ruta, i kana hunonawahine, E kuu kaikamahine, he mea maikai ke hele pu oe me kona mau kaikamahine, i loaa ole oe ia lakou ma ka mahinaai e ae.
23 Kanaafuu Ruut hamma garbuu fi qamadiin haamamee dhumutti tajaajiltoota Boʼeez dubarran wajjin turte. Haadha dhirsa ishee wajjinis jiraatte.
Nolaila, pili paa loa oia me na kaikamahine o Boaza, a pau wale ka hoiliili ana i ka huabale a me ka hoiliili ana i ka huapalaoa; a noho pu no me kona makuahonowaiwahine.

< Ruut 2 >