< Roomaa 9 >

1 Ani Kiristoosiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa;
I tell the truth in Messiah. I am not lying, my conscience testifying with me in the Holy Spirit
2 ani gadda guddaa fi dhiphina wal irraa hin cinne garaa koo keessaa qaba.
that I have great sorrow and unceasing pain in my heart.
3 Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Kiristoos irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii;
For I could wish that I myself were accursed from Messiah for my brothers’ sake, my relatives according to the flesh
4 isaan saba Israaʼel. Ilmummaan, ulfinni, kakuun, seera fudhachuun, tajaajiluu fi waadaan kan isaanii ti.
who are Israelites; whose is the adoption, the glory, the covenants, the giving of the law, the service, and the promises;
5 Abbootiin kan isaanii ti; Kiristoosis isaan irraa fooniin dhalate; inni waan hunda irratti Waaqa; inni bara baraan haa eebbifamu! Ameen. (aiōn g165)
of whom are the fathers, and from whom is Messiah as concerning the flesh, who is over all, God, blessed forever. Amen. (aiōn g165)
6 Kun garuu dubbiin Waaqaa diigameera jechuu miti. Kan Israaʼel irraa dhalate hundi Israaʼel miti.
But it is not as though the word of God has come to nothing. For they are not all Israel that are of Israel.
7 Yookaan isaan sababii sanyii Abrahaam taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa miti. Garuu, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” jedhameera.
Neither, because they are Abraham’s offspring, are they all children. But, “your offspring will be accounted as from Isaac.”
8 Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Waaqaa miti.
That is, it is not the children of the flesh who are children of God, but the children of the promise are counted as heirs.
9 Dubbiin waadaa sunis kan, “Ani yeroo murteeffametti deebiʼee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi” jedhu tureetii.
For this is a word of promise: “At the appointed time I will come, and Sarah will have a son.”
10 Kana qofa miti; Ribqaan yeroo namuma tokkoof, abbaa keenya Yisihaaqiif ulfooftetti,
Not only so, but Rebekah also conceived by one, by our father Isaac.
11 ijoolleen sun utuu hin dhalatin yookaan utuu waan gaarii yookaan waan hamaa hin hojjetin akka kaayyoon filannoo Waaqaa raawwatamuuf,
For being not yet born, neither having done anything good or bad, that the purpose of God according to election might stand, not of works, but of him who calls,
12 utuu hojiin hin taʼin isa waamicha Waaqaatiin, “Inni hangafni isa quxisuu tajaajila” jedhamee isheetti himame.
it was said to her, “The elder will serve the younger.”
13 Kunis akkuma, “Yaaqoobin nan jaalladhe; Esaawun garuu nan jibbe” jedhamee barreeffamee dha.
Even as it is written, “Jacob I loved, but Esau I hated.”
14 Egaa maal jenna ree? Waaqni jalʼaadhaa? Gonkumaa akkas miti!
What shall we say then? Is there unrighteousness with God? May it never be!
15 Inni Museedhaan, “Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa” jedhaatii.
For he said to Moses, “I will have mercy on whom I have mercy, and I will have compassion on whom I have compassion.”
16 Kanaafuu wanti kun araara Waaqaatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti.
So then it is not of him who wills, nor of him who runs, but of God who has mercy.
17 Katabbiin qulqulluun Faraʼooniin, “Ani humna koo sirratti argisiisuuf, maqaan koos akka lafa hunda irratti labsamuuf kaayyoo kanaaf si kaaseera” jedhaatii.
For the Scripture says to Pharaoh, “For this very purpose I caused you to be raised up, that I might show in you my power, and that my name might be proclaimed in all the earth.”
18 Kanaaf Waaqni kan maaruu barbaadu ni maara; kan mata jabeessa gochuu barbaadu immoo mata jabeessa godha.
So then, he has mercy on whom he desires, and he hardens whom he desires.
19 Isinis, “Yoos Waaqni maaliif amma iyyuu dogoggora nurra barbaada? Fedhii isaas eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jettu.
You will say then to me, “Why does he still find fault? For who withstands his will?”
20 Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? “Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’” jedhaa?
But indeed, O man, who are you to reply against God? Will the thing formed ask him who formed it, “Why did you make me like this?”
21 Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?
Or hasn’t the potter a right over the clay, from the same lump to make one part a vessel for honour, and another for dishonour?
22 Waaqni dheekkamsa isaa argisiisuu fi humna isaas beeksisuuf jedhee yoo miʼa dheekkamsaa kanneen badiisaaf qopheeffaman obsa guddaan bira darbe hoo?
What if God, willing to show his wrath and to make his power known, endured with much patience vessels of wrath prepared for destruction,
23 Inni badhaadhummaa ulfina isaa yoo miʼa araara isaa kanneen duraan dursee ulfinaaf qopheessetti beeksisuuf jedhee waan kana godhe hoo?
and that he might make known the riches of his glory on vessels of mercy, which he prepared beforehand for glory—
24 Nus warra waamaman keessaa tokkoo dha; inni Yihuudoota qofa keessaa utuu hin taʼin Namoota Ormaa keessaas waameera.
us, whom he also called, not from the Jews only, but also from the Gentiles?
25 Inni kitaaba Hooseʼaa keessatti akkana jedha: “Ani warra saba koo hin taʼiniin, ‘saba koo’ nan jedha; ishee jaallatamtuu hin taʼiniin immoo, ‘jaallatamtuu’ nan jedha.”
As he says also in Hosea, “I will call them ‘my people,’ which were not my people; and her ‘beloved,’ who was not beloved.”
26 Akkasumas isaan, “Iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.”
“It will be that in the place where it was said to them, ‘You are not my people,’ there they will be called ‘children of the living God.’”
27 Isaayyaas akkana jedhee waaʼee Israaʼel iyya: “Baayʼinni ilmaan Israaʼel yoo akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, hambaa qofatu fayya.
Isaiah cries concerning Israel, “If the number of the children of Israel are as the sand of the sea, it is the remnant who will be saved;
28 Gooftaan utuu hin turin, yeroo dhumaatiif lafa irratti ni muraatii.”
for he will finish the work and cut it short in righteousness, because the Lord will make a short work upon the earth.”
29 Kunis akkuma Isaayyaas duraan dursee akkana jedhee dubbatee dha: “Utuu Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, sanyii nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.”
As Isaiah has said before, “Unless the Lord of Hosts had left us a seed, we would have become like Sodom, and would have been made like Gomorrah.”
30 Egaa maal jenna ree? Namoonni Ormaa kan qajeelummaa duukaa hin buʼin qajeelummaa karaa amantiitiin taʼe argataniiru.
What shall we say then? That the Gentiles, who didn’t follow after righteousness, attained to righteousness, even the righteousness which is of faith;
31 Israaʼeloonni seera qajeelummaa duukaa buʼan garuu qajeelummaa hin arganne.
but Israel, following after a law of righteousness, didn’t arrive at the law of righteousness.
32 Maaliif dhaban? Kunis sababii isaan utuu karaa amantiitiin hin taʼin hojiidhaan qajeelummaa argachuu barbaadaniif; isaanis dhagaa nama gufachiisuun gufatan.
Why? Because they didn’t seek it by faith, but as it were by works of the law. They stumbled over the stumbling stone,
33 Kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhamee barreeffame sanaa dha.
even as it is written, “Behold, I lay in Zion a stumbling stone and a rock of offence; and no one who believes in him will be disappointed.”

< Roomaa 9 >